Yaadannoo gaggabaaboo Seenaa Saba Oromoo

Saba: (hiikkaa Stalin Soviet Russia itti kenne)- ‘uummata biyya daangaan isaa beekame keessa jiraatu kan afaan,seenaa,aadaa,dinagdee fi hawwii (siyaasaa ,dinagdee fi hawwaasummaa) tokkicha qabu dha’ Guutuu isaa itti fufi

 

  Gaafii fi deebii Jaarraa Abbaa Gadaa waliin godhame. Sagalee Oromiyaa KFAI

 Gaafii fi deebii Obbo Abarraa waliin godhame. Sagalee Oromiyaa KFAI

 Gaaffii Saba Oromoo Deebisuuf Jabinaa fi Tokkummaan  Haa Kaanu!!

Ijaaramuu, ijaaramuu ammas ijaaramu!!
 
ABOn baroota 1970ta kaasee “gaaffiin Oromoo gaaffii kolonii ti” jedhee falmee. Mootummaan Oromiyaa dhuunfate mootummaan habashootaa bara sanaa, kan warra Awropaa caalaa barbaddeessaa fi booddeessaa akka ta`e ifaan labse... Itti fufi

VIDEO: Town Hall Meeting In Los Angeles, CA With AFD Leaders - July 6th 2006.    Real Media (56 Dialup) Video Clips ) part-1   part-2   part-3    part-4   part-5   part-6 ( kinijit )

 Ejjannoo obbo Galaasaa Dilboo duraan qabuu fi kan amma qabu walbira qabuudhaan dhugaa jirtu beekuun hin dandahamuu? deebii kanaaf gaafii fi deebii inni bara 1997 "epd-Entwicklungspolitik" waliin godhe kuusa ragaa tahee isiniif dhihaate.

Yaa Oromoo dhugaa qabsoo keetii addaan baafachuuf raftee hin bulin. Arra eenyu iyyuu afaan si faajjessuu hin dandahu. kalee ejjannoon obbo Galaasaa Itoophiyaa dimokraatessuuf kan fudhatee ture, harra maaltu uumamnaan ABO keessaa achi bahee ABO irratti hololaa jira? Duraa boodaan gara fuula duraatti gochaa Obbo Galaasaa Dilboo gochaa tureef ragaa qabatamaa wajjiin isinii dhiheessuudhaaf irratti hojjachaa jirra. ABO ‘n haalalisu (saabboontota oromoo ) irraa

Interview with Galassa Dilbo, Secretary General of the Oromo Liberation Front (OLF)

from 'epd-Entwicklungspolitik 1997' (Christian bulletin for development policy)....Read More

  Obbo Bulchaa Dammaqsaa .mp3 Sagalee Oromiyaa

   Jaafar Alii Jimaan Maali? Kutaa2ffaa.mp3 Sagalee Oromiyaa

 Abduselam Ibrahim1.mp3 ( VOA )

 Diraamaa Raadiyoo SBO irraa.mp3

 Refugees gather to celebrate Nashville home

People from all over world dine, dance at 'block party'

For two hours Sunday afternoon, the diasporas of Nashville came together with other community members to celebrate their deliverance into this tranquil city and their new home. Full Report

AFD STATEMENT ON THE DEVELOPMENT UNFOLDING IN SOMALIA
Jul 5, 2006
-The Alliance for Freedom and Democracy (AFD) wishes to express its deep concerns regarding the developments currently unfolding in Somalia. Full Report

 

 STATEMENT OF THE EXECUTIVE COMMITTEE OF THE ALLIANCE FOR FREEDOM AND DEMOCRACY (AFD)
Jul 3, 2006
- The Executive Committee recognizes that the formationthe Alliance is an unprecedented undertaking.  It is the first time in the history of Ethiopia that groups with divergent political spectrum joined to form an alliance of a new kind. Full Report

  Waxabajjii 26, 2006

Ibsa Ejjannoo barattoota Oromoo Yunivarsiti Maqalee Irraa..Waldhabbii Gujii fi Borana Gidduuttti Motummaan Uumee Ilaalchisee ....guutuu

 

 A speech given in Paris, France, by Dr. Shigut Geleta on June 17, 2006.

Thank you Mr. Chairperson for the nice introduction. As the chairperson said, my name is Shigut Geleta, and I am the Head of Foreign Relations of the Oromo Liberation Front (OLF) in Europe. Full Report

Oduu  Oromoo

Gaaffii Saba Oromoo Deebisuuf Jabinaa fi Tokkummaan  Haa Kaanu!!

Ijaaramuu, ijaaramuu ammas ijaaramu!!

 
ABOn baroota 1970ta kaasee “gaaffiin Oromoo gaaffii kolonii ti” jedhee falmee. Mootummaan Oromiyaa dhuunfate mootummaan habashootaa bara sanaa, kan warra Awropaa caalaa barbaddeessaa fi booddeessaa akka ta`e ifaan labse... Itti fufi

 

Ejjannoo obbo Galaasaa Dilboo duraan qabuu fi kan amma qabu walbira qabuudhaan dhugaa jirtu beekuun hin dandahamuu? deebii kanaaf gaafii fi deebii inni bara 1997 "epd-Entwicklungspolitik" waliin godhe kuusa ragaa tahee isiniif dhihaate.

Yaa Oromoo dhugaa qabsoo keetii addaan baafachuuf raftee hin bulin. Arra eenyu iyyuu afaan si faajjessuu hin dandahu. kalee ejjannoon obbo Galaasaa Itoophiyaa dimokraatessuuf kan fudhatee ture, harra maaltu uumamnaan ABO keessaa achi bahee ABO irratti hololaa jira? Duraa boodaan gara fuula duraatti gochaa Obbo Galaasaa Dilboo gochaa tureef ragaa qabatamaa wajjiin isinii dhiheessuudhaaf irratti hojjachaa jirra. ABO ‘n haalalisu (saabboontota oromoo ) irraa

Interview with Galassa Dilbo, Secretary General of the Oromo Liberation Front (OLF)

from 'epd-Entwicklungspolitik 1997' (Christian bulletin for development policy)
 
Leading members of OLF and representatives of the civil Oromo community from all over the world met in Lutherstift Falkenburg from 25 to 29 August 1997 in order to analyse the current situation in Ethiopia and in the Horn of Africa and to discuss the position of OLF on the continuation of contacts between the OLF and representatives of the Ethiopian government, which were referred to as the "Bonn talks" in Addis Ababa (cf. "The Falkenburg Declaration", pages d7 - d11). For the moment these are "talks about talks". The OLF is ready for negotiations without any preconditions. Also the Ethiopian Prime Minister Meles Zenawi is said to approve of talks.....Read More

 

Waxabajjii 26, 2006

Ibsa Ejjannoo barattoota Oromoo Yunivarsiti Maqalee Irraa..Waldhabbii Gujii fi Borana Gidduuttti Motummaan Uumee Ilaalchisee.....guutuu

 

A speech given in Paris, France, by Dr. Shigut Geleta on June 17, 2006.

Thank you Mr. Chairperson for the nice introduction. As the chairperson said, my name is Shigut Geleta, and I am the Head of Foreign Relations of the Oromo Liberation Front (OLF) in Europe. Full Report

 

Waxabajjii 24,2006 Oromoon Yoomiyyuu Gidiraaf Harka Laachuu hin Qabu!

Uummanni Oromoo akkuma saba addunyaa kana irra jiraatu tokkootti gaanfa Afrikaa dachee Oromiyaatti uumame.Biyya abbaa isaa keessatti dhalatee jiraate kana keessatti mirgi sabummaa fi namummaa dhabee jira.Daaree beela’eera;dheebotee hongaa’eera.Yeroodhaa yerootti humni gita bittaa Habashaa itti walfuruun uummata kana dararee jira.....guutuu

 

Guyyaa: 16-06-2006

Ibsa Ejjannoo maqaa mana marii oromiyyaa gadaan Oromoo halelisuu

Nuti Oromootni biyootii adda addaa keessa jiraachaa daandii wal quunnamtii teknolojii ammayyaa komputaratti dhimma bahuun sagantaa paltalk ykn. mana” Gadaan Oromoo haa lalisu” jedhamee beekamuu keessatti walitti qabamnee Dantaa saba kenyaa irratti marihannu, ibsaTumsa Bilisummaa fi Dimokraasii ykn.Alliance for freedom & Dimocracy jedhamu kan addi bilisummaa Oromoo durfamuun dhaaboota gara garaa waliin uummame gad fageenyaa fi bal`inaan erga marihannee booda murtii ejjannoo armaan gadii dabarfanne:......guutuu..........

 Ibsa ejjennoo Barattoota Oromoo Yuniversity kibbaa
 
(haala waliti bu'iinsa booranaa fi gujii ilaalchisee)
 
 
Waxabajjii 13, 2006 (Oromiyaa) Akuma beekamu yeroo ammaa kana uumatni Oromoo bahaa hanga dhihaati kaabaa hanga kibbaatti waliif dirmatee wanjoo gabrummaa isa irra jiru of irraa fonqolchuuf sagalee isaa tokkuummaan dhageesisaa jiraa. Haatau malee diini kana hubatee waan rifateef uumata yeroo dheeraaf nagaan wal duuka jiraataa ture gosa Oromoo gujii fi booranaa waliti naquu dhaan qabeenyaa fi lubbuu namaarrati midhaadhaan hagana hin jedhamnee qaqabsiisee jiraa kanaaf nuti barattootni Oromoo kanneen yuniversiitii kibbaa keessati argamnu waaee wal dhabinsa kanaa ilalchisee guyyaa gaafa 12/6/2006ti wal gaii gosa lammeen kan hammate godhameen gadda guddaa nuti dhagaaame ibsaa, ibsa ejjennoo armaan gadii baafannee jiraa.
 
 1. Osoo mootummaan jiruu wal dhabbii torbaan lamaa oliif tae tureen qabeenyaa fi lubbuun ilmaan Oromoo hedduun badee jira, akkasumas qabeenyis saamamee jira. Haa tau malee gama mootummaatiin furmaati haga haraati fudhatame tokkollee hin jiru; kun tauu isaati ammo hedduu nu gadisiisee jira.
 
 2. Mootummaan Wayyaanee umrii aangoo isaa dheereffachuuf jecha, yaada lafee
 lafeen cabsuutiin uummaata abbaa tokko kan yeroo dheeraaf nagaan waliin jiraachaa ture walitti buusee jira. Kanaaf jecha uummatni gama lameenuu rakkina kana akka aadaa isaaniitti karaa nagaan furmaata itti falachuudhaan; nagaan waliin jiraachuu akka itti fufan yaamicha keenya dabarsina.
 
 3. Humnootni motummaa gochaa araaraa fakkeessanii badii fi dararaa uummata irratti fudhachaa jiran irraa akka of qusatan cimsinee akeekkachiisan.
 
 4. Uummatni gama lachuu (Booranaa fi Gujii) uummata sirna GADAAtiin bulu waan taeef, fala wal dhabbii kanaa uummatichi aadaa fi sirna GADAA isaatiin akka falatu itti dhaammanna.
 
 5. Dhuma irrattis qaamni dhimmi kun ilaalu hundi kan biyya keessaas tae kan biyya alaa dhimma kana furuuf atattamaan akka hojjetan waamicha lammummaa dabarsina.
 
 
 Injifannoo Ummata Oromoof!!
 Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Maddi : olf

 


 

 

Waxabajjii 13, 2006 (Oromiyaa) - Godina Iluu A/Booraa fi Gaambeellaa gidduutti gaafa 11/06/2006 sa’aa 11.00 irratti Konkolaataan Kaacha Maaliin maqaansaa “Salaam Tigiraay Limaat Mahabar” jedhamu tokko gubameera. Haaluma kanaan namni 60 turan keessaa namoonni 40 du’aniiru.

Kana keessaa miseensi wayyaanee Hiwaat(TPLF) namni 3 konkolaataa kana keessa jiran keessaa yaroof qaama hin beekamne tokkoon booji’amaniiru. Sababni kun godhameef waraqaan eenyummaa miseensa Wayyaanee Hiwaat(TPLF) waan of harkaa qabaniifi. Akkuma walii galaatti godinni Iluu jeequmsa guddaa keessa jirti; waraana wayyaaneetiin weeraramteetti.

***********

Qophiin magaalaa naqamtetti qophaahuuf jedhe humna wayyonotaan fashale. Baratoon magaala Naqaamtee keessa jiraan Kolleeji dhunfaa, kan mottuma, akkasumas barattoota sadarkaa 2ffaa fi tokkeefan Kolleejii Teekinikaaf OgumaaNaqamtee keessati Qophii adaa qopheesaan turaan qiphii kana kan

Akka qophaa’u kan godhaan barattota Teekinikaaf Ogummaa Naqamtee GUMMII AADAA, SEENAA, AFAANI FI JIRUF JIREENYAA OROMOO kan jedhu Koleejii sana Keessati socho’a kan jirun ture.

Sagantaa kana irrati kan qopha’e waan aadaa fi arti Oromoo calaqisu 1.Diramaan seenaa oromoo ilalichisee., 2. Faruun tokkumma oromoo ilalichisee, 3. Sirbaa dhichiisaa, 4. Walalloo hala yeroo ilalichisee, 5. Geerarsaa., 6. Nyaata aadaa oromoo kan ta’an, 7. Wa’ee tokkumma oromoo ilalchisee wadaa(kakuu), 8. Barumssa adaa wa’e sabaa oromoo ilalichisee Fi kkf ture. Garuu guyyaa qophiin kun itti ta`u waxabajji 14,2006 yeroon isaa gafa ini sa’atin lakawamu Motummaan Wayyane akkekachiisa mana barumsaati base.

Innis sochin barataan godhuu qophaa isa miti dubaan kan barataa sochoosutu jira jedhani akka Oromoon adaa fi arti isaa hin guddifanne biyya isaa irratti danqaa ta`uun isaanii hubatame. Oromoon lafa isaa irratti aadaa fi artii isaa gudifachuu dhabuun hawaasaa fi sabboontota naannichaa gaddisiisus qopheessitotis ta`e hawaasni naannoo ittuu jabaatee aadaa fi artii isaa guddisuuf akka tattaafatu dhaamsa dabarsanii jiru. Haarka hin kennannu guyyaan akka barbannee biyya keenya irratti jiraannu ni dhufa dhiyoo dha jedhanii jiru.

*******

Godina Arsii Ona Siraaroo magaalaa Alamxeenaa  fi Magaalaa Sanbatee Shaallaa Fincila Ummataatiin Dhiphataa Olanii jiru. Guyyaa Dilbataa Waxabajjii 12, 2006 Kaabinee OPDO Ona Siraaroo jiran Bulchaa magaalaa Alemxeenaa Sirbuu buusanii kan armaan dura uummata irra miidhaa geessa ture  Dirqamaan uummata irratti filaniif battalummatti uummanni Itti finciluudhaan Kaabinoota Ona Sioraaroo irraa dhufaniifii  Kaabinoota Ganda Alamxeenaa irraatti Tarkaanfii fudhataniin miidhaa guddaa irraan gayanii jiru. UUmmanni kaabinoota kana waan qabu Cufaan itti bayee namoota 15 oli ta`an Caccabsee kaan ammoo Dhukaasan Madeessee jira yeroo ammaa kanatti Bulchaan Dirqamaan Kaabinoonni Ona Siraarroo Uummata irrattti Filan Tarkaanfii UUmmanni Irratti fudhateen Du`aafii jiruu gidduutti argama.

Onuma Siraaroo kana keessatti guyyaa tokkoo fi saa`aa walfakkaataa dhaan uummaanni magaalaa Sanbatee Shaallaa fi Naannoo ishee Kaabinoota Ona Siraarroo irraa Bulchiinsa Haqaa ijaaruu sababii jedhuun Gama naannoo sanbatee Shaallaa deeman  uummaanii Waltajjii irraa buusuu dhaan Caaccabsanii jiru.  Kaabinoonni Gandaallee osoo hin hafiin uummanni Walsaamee Tarkaanfii irratti Fudhatanii jiru. Fincilli uummataa kuni O`uudhaan Gara Sochii meeshaa waraanaatti kan fufe yemmuu ta`u Dhokaasa gama uummataa  fi Poolisoota Ona Siraarooo irraa dhufaniin walitti godhameen Ummanni 40 Oli Ta`u MADAAYEE Hopitaala kuyyaraa galanii jiru.  Uummanni kuni Tarkaanfiin waraanni Wayyaanee gara Laafina tokko malee isaan irratti fudhate kanaaf osoo ufduuba hin deebi`in meeshaa qabu hundaan itti duulee ufirraa waraanaa jira. Fincilli kuni hanga Odeessi kuni nu dhaqqabuttis jabaatee itti fufee jira.

Gama biraan Onuma kana keessatti guyyaa Sanbata xiqqaa halkan keessaa sa`aa 3:00 Sadi irraatti Huumni Uummataan ijaarame tokko Taakkiyyaa tokko ta`ee gara magaalaa Ajjee seenuu dhaan Waraana Wayyaanee magaalaa Ajjee eegaa ture irraatti Dhukaasa banuudhaan Waraanaa fii Poolisii walitti Dhukaasisaa bulanii jiru.  Huumni uummataa kuni Erga isaan Dhukaasa gama lamaanii walitti banuu eegalanii booda Edduu isaanii keessaa bahuun Ufumaa Lamaanii walitti Dhukaasaa bulanii jiru. Walitti Bu`iinsa Waraanaa fii Poolisii kanaan Hidhataan gandaa kan ta`e Obboo Hanbassaa Dhaqqabaa jedhamuu fii Poolisiin yeroof maqaa isaa hin argatin tokko Akka malee Rasaasaan Rukutamanii Hospitaala Galanii jiru.  Huumni Taakkiyyaa dhaan Magaalaa Seenee Dhukaasa itti bane kuni Osoo Rakkoon Tokkollee irra hin gayin bakka irraa Bobba`etti Deebi`ee jira. walumaa galatti Fincilli yeroo ammaa Ona Siraaroo fii Ona Shaashamannee keessatti Godhamaa jiru Jabaatee kan Duraa Caalaa itti fufee jira. Onoota kana keessatti Tarkaanfii uummanni yeroo ammaa Mootummaa irratti fudhataa jiru kana dhaamsuu dhaaf Waan danda`u Cufatti Fayyadamaa jirus Huumna isaatii oli waan ta`eef magaalaa gadi dhiisanii Gara Magaalota Ollaa akka Awaasaa Deemaa Bulaa jiru.  

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Maddi : OLF


  

Waxabajjii 12/2006

Godina Baaleetti walitti bu’iinsa waraana wayyaanee fi ummata jidduutti dhalateen lubbuu  mucaa waggaa 16 tokko galaafatee jira. Godina Baalee Ona Gindhiir magaalaa Gindhiir keessatti walitti bu’iin waxabajjii 5 bara 2006 waraana wayyaanee fi ummata jidduutti dhalate waldura dhaabbannoo guddaa uumee jira. Akka maddeen keenya naannichaa ibsanitti sababiin waliiti bu’iinsa kanaatis ergamtuun sirna wayyaanee takka ummata basaasuuf wayta bobbaatetti yemmuu tahu, ummanni naannichaatis battalatti basaastittii ufirraa ari’uudha. Kun tahee yeroo muraasaan booda waraanni wayyaannee ummata naannichaa marsuudhaan dhukaasa irratti baneen mucaa umriin isaa waggaa 16 Huseen Mahammad Jiloo jedhamu battalatti ajjeese. Haaluma walfakkaatuun dubartiin takkas reebicha loltoota sirna wayyaaneetiin irra gaheen yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduutti argamti. Ummanni oromoo humni waraana wayyaanee akka irraa bahu bulchiinsa wayyaanee naannichaatti himatanis hanga ammaa deebii quubsaa hin arganne.


 

Waxabajjii 11/2006

Godina Arsii magaalaa Asallaatti walitti bu’iinsa barattoota oromoo fi  foolisoota federaalaa gidduutti dhalateen barataan tokko du’uun gabaafame. Giddugaleessa leenjii qonnaa Asallaatti barattootaa fi hidhattootni wayyaanee wallitti ba’anii barataan tokko hidhattootaan dhahamee battalumatti lubbuun isaa dabartee jirti. Haala kanatti kan aaran barattootni giddugaleessicha waajjira 12 irratti walitti qabamuun mormii isaanii dhageessisanii jiru. Mormii kana fashaleessuuf foolisiin federaalaa baayyinaan bobba’ee ummataa fi barattoota magaalichaa dhaanaa akka ture gabaafamee jira. Barattootni hedduun konkolaataan gara mana hidhaatti guuramaa jiru. Magaalaan asallaatis foolisii federaalaatiin weeraramtee akka jirtu gabaafamee jira.

Maddi: SBO


 

 

Waxabajjii 11/2006

Waxabajjiin 15 guyyaan ayyaana  Sagalee Bilisummaa Oromoo ( SBO ) baranaa sirna oow’aadhaan kan kabajamu tahuun dameen dantaa alaa fi beeksisaa ABO beeksise. Waxabajjiin kudha shan bara baraan guyyaa Sagalee Bilisummaa Oromoo tahee  ayyaaneffatamuu kan jalqabe  bara dabre ture. Bara 2005 gaafa waxabajjii 15 Sagalee Bilisummaa Oromoo yeroo duraatiif waggaa kudha torbaffaa buufata kanaan kabajamuu ni yaadatama. Baranas waxabajjii kudha shan  2006 Sagalee Bilisummaa Oromoo bara 18ffaa isaa sirna oow’aan akka ayyaaneffatamu dameen Dantaa Alaaf Beeksisaa ABO beeksisee jira. Guyyaan kun guyyaa itti qooqni Sagalee Bilisummaa Oromoo qabsoo bilisummaa oromoo keessatti gumaache itti yaadannuu dha. Bu’aa bahii raadiyooniin kun ykn buufatni  SBO keessa dabree fi hojiileen hojjataman ilaalamanii akkaataa fuuladuraa itti tilmaamamuu dha. Qooqni ummataa fi dhaggeeffattoota SBO walii gala guyyaa itti dinqisiifatamuudha. Guyyaan SBO waxabajjii 15 bara 2006 ayyaana dhaabbataa tahuu hubatanii miseensotnii fi deeggartootni ABO akkasumas ummatni Oromoo martinuu bakka jiran maratti akka ayyaneffatan Sagaleen Bilisummaa Oromoo yaadachiisa.

Maddi : SBO


 

 

 

Waxabajjii 10/2006 

Gootichi  Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) zoonii kibba Oromiyaa loltoota diinaa 29 hojiin ala taasisun ajajni  WBO zoonii kibbaa beeksise. WBO zoonii kibbaa tarkaanfii garaa garaa gaafa waxabajjii 6 2006 fudhateen loltoota wayyaanee 12 ajjeesee 17 madeessuu fi qabeenya garaagaraa booji’uun galii qabsoo bilisummaa oromoo ABO ‘n durfamuuf taasisuun isaa ajajni Zoonii kibbaa ifa godheera.Tarkaanfiin kun kan fudhatame godina Booranaa ona Meeggaa mi’oo naannoo urgeessaatti. Tarkaanfii haleellaa bakka lamatti human diinaa irratti adeemsifameen tahuun addeessee jira. Tarkaanfii cimaa waraanni bilisummaa oromoo irratti geggeessuuf kan dhama’an loltootni wayyaanee biyyoota keenyaatti cehanii ummata Oromoo nagahaa looniin godaananitti dhukaasuun namoota Galmaa fi Girma jedhaman ajjeesuu fi madeessuun beekkamee jira. Kana malees humna WBO zoonii kanaa dadhabsiisuuf  ofiif dadhabee wayyaaneen humna waaraanaa biyyoota ollaa tokkotti kadhataa akka jiru bira gahameera. WBO’n garuu, tarkaanfii isaa kana kan itti fufu tahuu jabeessee akeekkachiisee jira.

Maddi: SBO


 

 

Waxabajjii 10/2006 

Mootummaan wayyaanee dhiheenya kana  walii galtee dhaabonni mormitootaa godhan gufachiisuuf  holola adda addaa oofuu jalqabe. ABO’s kana ilaalchisee mootummaan abdii kutate hammeenya dalaguurra hin deebi’u jechuun ibsa baasee jira. Mootummaan wayyaanee kanaan dura waltajjiitti bahee  hanga ABO fi Qindoominni wal hin taanetti kan nutti bu’u hin jiru jedhee walgahii irratti ifatti dubbatee ture. Har’a yeroo dhaabonni kun waltahan wayyaaneen soda guddaa isatti bulerraa kan ka’e  gufuu adda addaa gidduutti umuuf yaalii irra akka jiru bira gahamee jira.

Maddi: SBO

http://www.oromoliberationfront.org/News/2006/IbsaABOOlolaWayyaaneeirratti.pdf

 


 

waxabajjii 7/2006

Ibssa Ejjannoo Miseensota ABO konyaa Bern, Switzerland

 
 
Haala yeroo ammaa ilaalchisee ibsa Ejjannoo
Miseensota ABO konyaa Bern, Switzerland

Nutii miseensonni ABO konya Bern, Switzerland guyya 03.06.2006 walgenyee haala yeroo amman tanaa, FDG ummatni Oromoo Biyya keessattiif biyya allaa sochiif, magaal fi badiyyaa keessatti walii galee yeroo yoom iyyuu caalatti fincila diddaa gabrummaa ittii finiinsanii kanii jiru haallan isa mudataa jiruu osoo hin sodatin tokko ta’uu dhan kayyoo Qabsoo ABOn sabaa isaatif gochaa jiruu fi qabsoo jalqabee caalatti itti fufee injifannoo argamsiise jiraa. Qabsoon kami iyyuu galii isaa gahuuf yeroo yeroo dhaan tooftaa fi tarsiimoo fii gilgaalee haala mijjatu uumaa dhaa deemuun, kan gufuu isatti tahan karaa irraa maqsuun kan irraa eegamuu dha. Qabsoon haala yeroo wajjin hin tarkaanfanne galii isaa gahuun shakii qaba. Yoo galii isaa gahes wareegama hedduu fi bu’aa bahii danuu kan hin barbaachifne keessa dabruu isa gaafata. Kanaaf dhaabni keenya ABO haala qabsoon ummata Oromoo irra gahe hubatee tooftaa fira heddummeeffachuu fi diina of irraa xiqqeessuu, kan mararfannoo alaa argamsiisuu diriirsuu isaaf guddaa gammadnee jirra.

ABOn dhiheenya kana ammoo tooftaa fi tarsimoo isaa gilgaalee fiixa bahiinsa qabsoo bilisummaa Oromoof ni barbaachisa jechuun tarkaanfii fudhate qalbii guutuun jala buunee hordofaa turre. Murtii tumsa ijaaruu tis akkasuma hordofaa turre.
Wantii namma gammachisuu ABOn kaayyoo ganama qabatee ka’ee utuu gad hindhiisiin haga har’aa itti fufiinsaan qabsoo godhuu isaa.

Dhaaboti Tumsa kanatti miseensa tahan sagantaa mataa isaanii akka qabatanitti tahuun, fi walabummaan dhaaba isaanii tikfamaa tahuun akka ejjennoon ABO sirrii tahee fi, dhugaa dhan kaayyoo ganamaa sana bakkaan gahuuf mala dhawaa jiraachuu isaa hubannee jirra. Haga sagantaa fi kaayyoo keenya nu harkaa hin buufnetti diina nuti qabsoo irratti geggeessaa jiru isaanis karaa kaanin danquu dhan qabsoo keenya kan nu gargaaruu wajjin hariiroo tumsaa tolfachuun barbaachisaa dha jenna. FDG baatii jahaa oliif deemsisaa jirruun ammaan booda ummata Oromoo kan gowwomsuu fi dabsuu danda’u akka hin jirre mirkaneessinee jirra. Tumsa heddumeefachu fi diina xiqqeffatee fashist woyaane jigssuuf gochi godhamaa jiruu seenaa fii galmaa guddaa tokko.

Kanafuu gammachuu daanga hin qabnee injifannoon argamsiise kana karaa (dandetin, qabenyan) karaa dandayamee hundaanu dirqama Oromummaa bifa hundaanu yoomiiyyuu caallatii birran akka dhaabanuu hubachisaa ijanoo ABO fi FDG jalatti murtii asi gad dabarafanneerra:

1. Tooftaa fi tarsiimoo ABOn haala qabsoo bilisummaa Oromoo dinna xiqesse firoota bayifachun (AFD) sadarkaa amma irra jiru uummata saba oromootiif kayoo isa fixanii bahufii karaa gababa ta’u isaa homma irra shakii hinqabinuu.
2. Kayyoo keenya fixanii basufii hooggana ABO jalatti hiriirree hojjechuuf waadaa kaleessa seenne irra calaatii itti jabesse.
3. Akeeka kana ummata keenya bal’aa hubachiisuuf halkanii fi guyyaa of qusannoo tokko malee ni hojjanna. Kan wallaalaan akeeka tusmaa kana dura dhaabbatu ni barsiifanna, ni gorfanna, kan beekaa Wayyaaneef ergamtuu tahee dura dhaabbatu ammoo karaa irraa maqsina.
4. Sabin Oromoo kan biyya kessa jiruu fi kan biyya alaa adunyaa hunda kessa jiraatu hundinuu caraaamma argamme kanaa caalaattii ufii ijaaree fi ufii jabeessee dukana kessa gara ifftuu Oromiiyatii ufii basu dhafii biyya isaa dhunfachuu fi walii birmachuuf akka of qopheessuu waamicha yoomiuu oli goona.
5. Qabssoo Oromoo laaffisuu fii tokkummaa Oromoo addan facasuu dhan kayyoo kennaa akka fixanii hinbanee gochufii socho’an eenynullee taanan dura dhaabbanna.
6. Balaa mootummaan itiyoophiyaa, ajeeccha, reebiinsa fi saamiinsa dhabamsiisu oromoo irraan tofftaa jijirataa uummta keenna irraan gayaa jiruu hundaa ni balaleeffanna.
Wolumaa galatti addemsaa ABOn itti deemuu karaa sirri waan ta’ef qabsoo sabaa isatii ademsisu itti gammadina karaa kaminis tananii wantaa barbachisamuu hundaan cinna ABO dhabanee akka gargaree wajin wajanuu ibsa uummata Oromoo hundaafuu waamiicha gonnafii.

Gadaan Gadaa bilisummaati!

Injifannoo Ummata Oromoof!

ABO konyaa Bern, Switzerland
 
maddi: oromotimes