Afaan
Oromoo
(Mi'aawaa akka Dammaa)
Sabni Oromoo, ilmaan Oromoo hundaaf tokko kan tahe, afaan mataa isaati qaba.
Afaan Oromoo afaan warra Kush kan gara bahaa keessaa tokko. Afaan Oromoo afaan
Affaar, Saahoo, Soomalii, Sidaamaa, Rindillee, Darasaa, Koonsoo fii Gidoolee
wajji walfakkeenya Guddaa qaba. Afaan Afriikaa keessatti beekkamoo fii
barbaachisoo tahe keessaa afaan Oromoo tokko. Afaan Oromoo afaan ummata kumaatam
a soddoma caaluun yoo dubbatamu Oromiyaa, Keniyaa, Tanzaniya fii Somaliyaa
keesstti dubbatama. Alagaa Oromiyaa daaw'atuun waa'een afaan Oromoo hedduutu
barreefame . Keessattuu warri amantii kiristiyaanaa fii islaamaa babal'isu kan
barreesan tuulaa. Afaan Oromoo qubee mataa isaa akka hin qabaanne mootummaan
gunteeffattuun habashaa gootullee hayyotni Oromoo hedduun ijibbaata afaan Oromoo
akka qubee mata isaa qabaatu godhaati turan. Isaan keessaa hangafni Sheek Bakrii
Saphaloo (Abubaker Usman Odaa)ti; seenaan Oromoo isaan ni yaadatti. Warri
amantii kiristiyaanaa tii fii islaamummaa babal'ise afaan Oromoo akka jiraatu,
gargaaranille mudaa guddoos irraan gayanii jiran . Gadifaginni
Bocolummaa afaan Oromoo gadifagina amantii lamaan nama Oromoo keessaa
qabdurratti akka rarra'u haasawa sheekkotii fii qeesootii nama dhaggeeffateef
dalmaashooma hin qabdu. Afaan Oromoo qubee laatiin, arabaa fii amaaraatiinillee
barreessuuf ijibbaatni godhamullee akka barbaachisutti sagaleewwaan afaan Oromoo
qabu quubsuu waan hin dendeyiniif hamma ammaatti ir'inaa qaba. Afaan Oromoo
Mirra lamaantaa lama kan irratti hundeefamu qaba; jabeessuu fii laaffisuu,
dheereessuu fii gabaabsuu sagaleewwaniiti. Qubeen laatiinii fii arabaa ir'ina
qubee sagalee afaan Oromootiif taatu dhaba yoo tahu, kan amaaraa jabinaa fii
laafina, dheerinaa fii gabaabina sagaleewwan afaan Oromoo qabaachuu dhaba.
sagalee oromiyaa irraa
Seenaa Afaan Oromoo
Kitaaba (Seenaa Saba Oromoo fi Sirna Gadaa kutaa 1ffaa fi 2ffaa Birraa/Fulbaana/ 1995) irraa.
(Toleeraa Tasammaa fi Hundasaa Waaqwayyaa)
Afaan meeshaa ittiin dhalli namaa
walquunnaman, yaada isaanii ittiin ibsataniifi dabarfatani. Afaan kamiyyuu isa
kamiin hincaalu. Afaanootni kan itti walcaalan sadarkaa dagaagina hawaasaa
keessaa jirannirraa ka'eetu, guddinaafi xiqqeenyi afaan tokko sadarkaa guddina
hawaasa sanaa irratti hundeeyfama jechuudha.afaanootni guddinaafi xiqqeenyaan
walhaacaalan malee, meeshaa walqunnamtii tahuudhaan afaan kamyyuu afaan isa
kamii gadiimiti. Tanaaf dagaagina afaan tokkoo sadarkaa hawaasaafi bilisummaa
saba tokkoo calaqqisa.
Afaan Oromootni dubbatan, yaadaafi fedhii isaanii ittiin walitti himatan Oromiffaa jedha. Inniniis afaan warra kuush bahaa keessaa isa tokko kan tahe, Gaafa (gaanfa) Afrikaa keessatti afaan guddaa namoota hedduudhaan dubbatamuudha. Afaan kun afaan bal'aafii dureessa. Miidhaan irra gaheefi gahaa jiru hedduu guddaadha. Afaan Oromoo afaanoota Kuush keessatti argama. Kuush keessaas, Kuush bahaa jalatti arkama. Qorattoonni afaanii afaanoota kuush bakka guddaa afuritti qoodu.
Isaaniis:-
1. Kuush Kaabaa: Afaan Beejjaafi Kunaama,
2. Kuush giddu galeessaa: Afaan Agawuu,
3. Kuush Kibbaa: Afaan Taanzaaniya keessatti dubbataman taha.
4. Kuush Bahaa: Kuush bahaa ammoo, bakka afuritti qoodama.
Afaanoota kanneen keessaa, afaan Oromoo kan Koonsoo wajjiin tokkummaa jabaa qaba. Sagaleewwan afaan lamaan qaban keesaa dhibbarraa 51 tokko tahan. Afaan Somaalee wajjiin ammoo, %30-40 walkiphuun beekamaadha. Sagaleewwan afaan Affaariifi Saahoo dabranii dabranii afaan Oromoon tokko tahuun isaanii nimala.
Oromiffaan Oromoota bitta Toophiyaa jala jiran kan miliyoona 23-26 tahaniin dubbata. Oromoon Keeniyaa keessa jiran afaanuma kanatti dhimma bahu. Somaalee keessatti afaan kun ni dubbatama. Dhalootaan kan Oromoo hin tahin, ummanni miliyoon sadihi'ol tahu afaan kana akka afaan lammaffaatti dhimma itti bahu. Ummatootni ollaa Oromoo tahan, kan akka Somaalee, Sidaamaa, Shaanqillaa, Bartaa, Anyu'aak, Adaree, Guraagee, Koomoofi Amaaraa walqunnamtii afaan Oromootti dhimma bahu. Kanaaf Oromiffaan afaan beekamaafi barbaachisaadha. Afaan garagaraa kan kumaan lakkaawaman Afriikaa keessaa, Oromiffaan bal'inaan dubbatamuun sadarkaa 3ffaarratti argama. Afaanoota Afro-Ashiyaatik addunyaarratti dubbataman keessaa Ormiffaan afaan Arabaafi Hawusatti aanee sadaffaadha.
Oromiffaan afaan bal'aafi ummata lakkooysa hedduun dubbatamu tahullee, afaan miidhaa guddaan irra gahee dha. Akka afaan dubbannaa malee, kan barreeyfamaa akka hin taane gochuuf mootummoonni Habashaa waan hingodhin hinqaban. Afaan kun mana barnoota keessatti, akka ittiin hinbaratamne, galma hojii keessatti ittiin hojjachuunuu hafee, akka hindubbatamne kan ittifameedha. Afaan qotee bulaa tahee suuta suutaan akka inni dhabamu gochuuf nafxanyoonni waan hincarraaqin hinqaban.
Toftaan diinni Oromiffaa balleessuuf baafate keessaa tokko afaan kanatti, akka ilmi Oromoo tokko qaanfatu gochuudha. Afaan doofaati ittiin jedhu. Nama afaan Oromoo haasawuun hin "salaxxanne" jedhu, kanaafuu ilman Oromoo tokko tokko kan dammaqiinsa hinqabne doofummaa keesaa bahuuf afaan Amaaraa ykn afaan Ingliizii haasa'uun doofummaa ofirraa haquuf carraaqa. Yoo Oromiffaa haasawaniis ni haasawu malee, nama giddutti olfuudhanii hindubbatan ture. Oromiffaa balleessuudhaaf toftaan diinaa karaa biraatiin ammoo, tokkummaa afaan kanaa haaluudha. Afaan Oromoo bal'aa waan taheef, waan tokichi bakka adda addaatti maqaa garagaraatiin waan yaamamuuf, kana akka garaagarummaatti dhiheessuun afaan Wallagga, Harargee, Shawaa, Arsii, Boorana,…kkf. Jechuudhaan adda baasuu barbaadu. Kun waa diinni keenya nuuf hawwu malee, afaan Oromoo Bahaa.dhihatti, Kaaba-kibbatti tokkuma.
Afaan Oromoo akkuma afaan ummata kamilleen qabutti loqoda (dialect) ni qaba. Loqoda yeroo jennu akkaataa itti dubbatamu jechuudha. Ormoon nannoo tokko tokkoo yeroo dubbatu ni harkissa, kaan ni jarjara, kaan nigaggabaabsa. Walduraa duuba fufiinsa jechootaa tokko tokkotti garaagarummaan afaan Oromoo keessa ni jira. Loqoda afaan Oromoo afaan Oromoo qorachuuf yaalii kan godheEnrikoo Cheruulti. Inni qormaata isaa keessatti yeroo afaan Oromoo qooduuf yaale ittiin jalqabuuf, qormaata isa booddee dhufuuf bu'ura akka tahuuf jedhee ibsee jira. Qormaatni isa gahaa akka hintaane ni amana tur jechuudha. Hundaafuu loqoda jirurratti hundeeffamee afaan Oromoo bakka guddaa lamatti qoode. Iasaaniis. Afaan Oromoo kaabaafi kan afaan Oromoo kibbaati. Afaan Oromoo kaabaa kan Oromoota empayera Tophiyaa jiranii yeroo tahu, afaan Oromoo kibbaa kan Oromootni Keeniyaa keessa jiraatan dubbataniidha.
Enrikkoo Cheruuliin loqoda afaan Oromoo Kaabaa gartuu xixiqqaa sadii: isaaniis:
Loqodni Maccaa naannoo laga Girbee, Wallaggaafi Iluu Abba Booraa keessatti kan dubbatamuudha. Loqodni Tuulamaa kan Shawaa keessatti dubbatamuudha. Kan Maccaarraa adda kan ittiin bahu fufamtoota boodaarratti. Maccaa "koo" yeroo jedhu, Tuulamni "kiyya" jedha. Fakeenyi gara biraan Macca "eessa" yeroo jedhu Tuulamni "eecha" jedha. Loqodni Booranaa ykn Bahaa kan Oromoota Ituu, Arsii, Booranniifi warri naannoo Haroolee Oromiyaa jiran dubbataniidha. Loqodni Oromoo Wallo kanuma keessa(Boorana)jira. Qormaatni loqoda afaan Oromoorratti godhame gahaa waan hin jirreef kanumaan birra tarra.
Afaan kimyyuu loqoda niqaba. Afaan Ingiliizii addunyaarratti nama baay'een dubbatamuudhaan baay'ee beekamaadha. Haa tahuu malee, magaalaa London qofa keessatti loqoda shantu dubbatama. Haala kanaan yeroo ilaallu jabinni afaan Oromoo qabu loqoda xiqqaa qabaachuu isaati. Afaan Oromoo irraa dhiibbaan guddaan utuu jiruu, barreeyfama osoo hinqabaatin, walqunnamtiin Oromoota gidduu jiru dhiphaa tahee osoo jiruu,tokkummaan inni qabu baay'ee guddaadha. Har'a ilma Oromoo Bahaan Naannoo timjii Somaaletti dhalatee guddateef, dhihaan timji Suudaanitti dhalatee guddate, akkasumaas Kibba Keeniyaa keessatti kan dhalatee guddate, yoo walitti fidnee waliin haaseessine, osoo namni gara biraa jidduu seenee afaan hin hiikin walhubachuu dandayu. Kanaaf Oromiffaan afaan Oromootni hundi itti dubbatan, waldhagayaniifi afaan tokkicha tahuu isaaf ragaan ragaan kana caalu hinjiru.
Ummatni Oromoo osoo hin koloneeffatamin dura beekumsa barreeysuu waan hin qabneef, afaan kanaan wanti ormoonni barreysan hinturre. Eega ummanni Oromoo kolonii Toophiyaa jalatti kufee ammoo, afaan isaas miidhaa jala waan seeneef ittiin barreeysuuf kan yaalame baay'ee xiqqaadha. Kan barreeysuu yaalaniis qorattoota seenaa, afaaniifi biyya daawwattootaafi namoota amantii turan.isaaniis qubee afaan isaniitiin barressan. Baroota 1830/40tama keessa namoonni Arooppaa kan gabaroota Oromoo qabataa turan, gabroota kanarraa afaan Oromoo qoratanii barreessanii jiru. Isaaniis qubee laatinitti dhimma bahuudhaan barreessan. Oromoo tahee yeroo jalqabaatiif namni afaan Oromoon barreeyse "Abba Gammachiis ykn maqaa amantiin Onesimoos Nasiib" jedhama. Abban Gammaciiss gabra tahee gurgurame, Mitssawwatti warri misiyoonaa Suwiidin tokko nama bitatanii bilisoomsaniidha. Abbaan Gammachiis misiyoonoota kana biratti amantii kiristiyaana fudhatee barnoota hagatokko eega baratee booda, bara 1894tti Maccaafa QULQULLUU (Bible) Qubee gi'iziitti dhimma bahee afaan Oromootti hiike. Booda gargaartuu isaa Asteer Gannoo wajjiin kitaaba barnoota afaan Oromoo barreeyse. Kitaaba isaa "kitaaba qubeessuu afaan Oromoo" ykn the Gaallaa speling book" jedhu keessatti jechoota tokko tokko barrreesse, irra guddaa weedduu, geerarsa, hibboo, makmaaksa,…kkf barreessee ture. Mootummaan Toophiyaa kitaabni kunfi Macaafni qulqulluun akka biyya hinseenne dhoorkee ture.
Namoonni Arooppaa waa'ee Oromiffaa qorachuufi ittiin barreeysuuf yaalii kan godhan hedduudha. Isaan keessaa hamma tokko maqaa dhawuuf.
1878- G.A fisher waa'ee afaan Oromoorratti godhee barreeysee jira.
1893- Firanz Pretorivus graamarii afaan Oromoo barreeyse.
1917- Enrikoo Cherulii waa'ee afaan Oromoo qoratee, weedduu, geerarsa, makmaaksaafii hibboo barreeysee ture, akkasumas loqoda afaan Oromoo kibbaarratti barreeyse.
1922-Hudsan kan jedhamu giraamarii afaan Oromoo barreeyse.
1939- Morenoo Martinoo kan jedhamu giraamarii afaan Oromoo barreeyse.
1957- Andriwizkii kan jedhamu walitti fufee aadaa Oromoofi Somaalee barreeyse.
1976- Giraag G. Kan jedhamu guuboo jechoota afaan Oromoo barreeyse.
1979- Eliyaas Filipppi kan jedhamu waa'ee afaan Oromoo qoratee barreeyse.
Isaan kanneen malee warri akka Kirap , Almorino, Dezaa'inaa, Viteerboo,…kkf afaan Oromoo qorachuudhaan barreesanii jiran. Misiyoonootni Katolikii, kan naannoo Diree Dawaa turan waa'ee afaan Oromoo qoratanii guboo jechootaatiifi giraamara barreeysanii jiru.
Oromiffaan barreeysuuf yaaliin godhamerraa guddaan namoota alagaatiini ture. Oromiffaa afaan barreeffamaa taasisuuf qubee dhimma itti ba'amuu qabu, moggasuufiif qabsoo guddaafi dheeraatu godhame jechuu ni dandeenya. Abbaan Gammachiis qubee gi'iziitiin dhimma bahuun isaa maccaafa sana dhibdee malee, biyyatti galchuu akka dandayuuf malee, qubee saniitu afaan kanaaf tahe jedhee akka hinfudhanne nihubatama. Warri Arooppa qubee laatiinitti mallattoolee tokko tokko dabalanii akka gaaritti Oromiffaa ittiin barreeysanii turan. Qubeen Laatiinii afaan Oromoo ittiin barreeysuuf kan gi'izii caalatti mijjaawaa akka tahe hubatamee mootummaa Toophiyaa fudhachiisuuf bara 1974-1975 keessa yaaliin godhamee ture. Duula wallaalummaa balleessuuf sagantaa yeroo sana bahee Zamachoonni hojjataa turaniif akka dhimma itti bahamuuf mootummaa Toophiyaarratti dhiibbaa guddaan godhamee utuu hinfudhatamin hafe. San booddees Gaazeexaa Bariisaaf qubeen Laatiinii hawwamee odoo bakka hingahin hafe.
Qubeen sadaffaan Oromiffaa ittiin barreeysuuf yaalame qubee Arabaati. Qubee Arabaatti dhimma ba'amee faaruuleen amantii barreeyfamaa turan. Mootoota Gibee keessaa Jimmaa Mootii Abbaa jifaar(joobir) kitaaba barreeysee ture. Isaan sadan kana malees, qubee haaraya Oromiffaaf moggaasuuf yaaliin godhame ture. Bara 1950 keessa Sheek Bakrii Saphaaloo tartiiba sagaloomsuu gi'zii (be,bii,baa….bo) kan hordofu mallattoolee haaraya uumuudhaan qubee Oromiffaa baasee ture. Qubeen isaa kun Oromoota biratti fudhatama hedduu argatee ture. Haayle Sillaaseen yaalii kana irra gahee Sheek Bakrii qabee mana hidhaa naqe, qubee kanaas akka ittiin hin hojjatamne dhoorke. Carraaqiilee adda addaa kana booddee ABOn qubee afaan Oromoof moggaase.
Addi bilisummmaa Oromoo sagantaa siyaasaa isaarratti lafa kaayyte, qubee Latiiniin Oromiffaaf moggaasee hojirra oolchaa jira. Addi bilisummaa Oromoo hujii isaa, dhaaba hunda keessatti afaan kanatti dhimma bahaa jira. Kitaabban barnootaa kana adda addaa afaan kanaan barreeyfamanii jiru. ABOn kallachan afaan Oromoo dagaagsuurratti haa hojjatuu malee, caayaaleen biyyoota alaa keessa jiraniifi; sabboontoonni Oromoo tokko tokko carraaqii guddaa godhanii jiru. Afaan Oromoo guddisuuf Bartoonni Oromoo Ameerikaa, Ingliizii, Jarman, Hooland, Xaliyaanii, Sooviyet,….kkf. carraaqqii guddaa godhan har'aas itti jiru. Biyya keessatti haala rakkisaa keessatti yaaliin Doktor Xilaahuun Gamtaa guboo jechoota afaan Oromoobarreeysuuf turan salphaamiti.
Yeroo ammaatti Kitaaboonni hedduun, barruuleewwaaniifi gazeexaan, akkasumas afaan Oromoo guutuu biyya Oromiyaa keessatti ittiin hojjachuufi mana barnootaatti ittiin baratamaa jiraachuun isaa hubatamuu qaba. Kuniis eegaa bu'aa qabsoo sabboontoota Oromoo keessaa qaama isa guddaati.
Waggootii dhihoo as afaan Oromoorratti qormaanni baay'ee dabalee jira. Yuniversiitii gurguddaa biyyoota Tokkummaa Mootummoota Ameerikaa, Tokkummaa Sooviyeetii, Inglizii, Xaliyaanii, Jarman,…kkf qormaata godhaa jiru. Yuniversiitiin tokko tokko ammoo, akka mata duree barnoota tokkootti barsiisaa jiru. Mootummaan Tokkummaa Ameerikaa afaanoota tarsiimoo jedhee tarreessee qormaata irratti godhaa jiru keessaa tokko Oromiffaadha. Qormaatni godhamee jiru kun dabaluun eeguma ummanni Oromoo kallacha isaa ABO jalatti hiriiree sagalee isaa qabsoon dhageesisuu jalqabeeti.
Afaan Oromoo guddisuu keessatti qooda guddaa kan qabu murnoota hawaasa Oromoo adda addaatiin dubbatmuu isaati. Hawaasni Oromoo murnoota hojii adda addaarratti bobbohan heeddu qaba. Murnootni kun jechoota hojii isaanii wajjiin walitti hidhatu uumu, dhimmaas itti ba'u. Kanaaf, Oromiffaan jechoota qabaachuudhaan afaan dureessa. Gara biraan ammoo, Ormiffaan lafa bal'aa keessatti waan dhimma itti bahamuuf jecha naannoon tokko hinqabne bakka biraatti niargama. Kanaaf afaan Oromoo salphatti guddata. Qubee Laatiniin dhimma bahuunn teknoloojii haaraya uumamaa jirutti salphaatti dhimma bahuuf nidandeessisa.
Hatahuu male, afaan Oromoo guddisuuf ilmaan Oromoo hundi ittiin barachuu, ittiin barreeysuufi hojjachuudha. Namni toko afaan itti dhalate ni beeka jechuun hingayu. Afaan itti dhalatan yoo hinbaranne guutumatti beekuun hindandayamu. Oromiffaa barannee sadarkaa ol'aanatti dagaagsuu dandeenya. Yaada Oromoonni tokko tokko "afaaniin itti dhaladhe maal gochaan baradha" jedhu dhabamsiisuu qaban. Ijoolleen
Inglizii afaan isaanii itti dhalatan, hoggaa mana barnoota seenan dirqitti baratu. Afaan Oromoo diinootni keenya dhabamsiisuuf qaadhimaterraa hambifnee dagaagsuuf, ifii barannee yoo ittiin walbarsiifne duwwaadha.