Biyyi Oromoo akka diigamuu fi akka deebi’ee hin ijjaaramne kan tattaafatu eenyunni ?

 

Mootummooni Habashaa biyya Oromoo diiguuf kan tattaafatan qobaasaanii miti. Meeshaa waranaa fi gorsa biyyoolota adda addaa irraa baldhinaan argachuuni

         Menilik ennaa Oromiyaa diigee fudhate, gargaarsa koloneeffatoota Awuroophaa irraa argateeni

         Haile sellaasie (Faransaayii, UK, USSR fi USA): Akka Oromiyaan deebi’ee hin ijjaaramne, Oromoota bilisummaa Oromiyaa lolaanii biyyaa bulchuuf dandeettii qaban karaa adda addaan  kolaasse /imusculategodhuurratti bobba’e

         Maqaa ’feudal titles’ (balambaras, Qenyazmash, Dajamash)

         Fuudhaa fi heerumaan (ijoollee Amaaraa hoogganoota Oromoo jala naqan)

         Mana baruumsa ’balabate school’ ilmaan hoogganoota Oromoo Amaarummaa fi Mootummaa Habashaa fudhataniif

         Basaastuu namoota jajjaboo Oromoo jala kaahan

 

Biyyi Oromoo akka diigamuu fi akka deebi’ee hin ijjaaramne kan godhe eenyunni ?

         Wayyaanee (USA):

         Biyyaa Oromoo karaa baay’ee kukkutuu (gara Amaraa, Tigree, Guraagee, kkf)

         Biyya Oromoo keessatti ’Charter city’ huumuun; manadoroota kana keessaa Oromoota ariyuu

         Suuta suutaan lakkoofsa/baay’ina Oromoo xiqqeesuu (Systematic depopulation of Oromia (Dargagoo Oromoo waraanatti erguun; Oromon biyya saa gadlakkisee akka baqatu gochu)

         Akkuma mootummoon Habashaa Wayyaanee dura turan, Oromoota oromummaa fi bilisummaa Oromoof lolan, loluuf dandeettii qaban, hidhaa fi  ajeechaan fixuu

         Uummata Oromoo hamilee cambsuu irratti boba’aa jiru: Hayyootaa fi jaarsa biyyaa hidhuuf ajeechaan (Total demoralization of Oromos by killing, harassing community leaders and elders through ’qoranno’ programme)

         Qabeenyaa samuu (Total economic pillage and environmental and natural resources destruction)

Gorsitoota fi hayyoota/beektoa Auroophaa

         Baay’ina Oromoo akkaataa ittiin hir’dhisan herregu (to reduce demographic inbalance)

         Kitaaba waayee seenaa Oromoo balleessu

         Aada Habashaa gabbissu

         Faransaayiin Hailesellase gargaare: 1930, 1955

         USSR Mangistuu garagaare: 1970s fi 1980s

         USA Wayyaanee gargaare:

 

    

  Oromummaa balleessuu jechuun...

      

         Biyya Oromoo diiguu jechudha:

         Mootummaa fi caffee/gumii Oromoo balleessuu /The Suspension of Oromo Government

         Tuma, seeraa fi heera biyyi Oromoo ittiin bulu balleessuu/The Suspension of Tuma /Constitution seeraa  Oromoo

         Seenaa saba Oromoo fi Oromiyaa jallisuu, busheessuu

         Tokkummaa Oromoo tatamsaasuu

         Duudhaa, safuu /’norm’ Oromoon ittiin bulu balleesuu, amantee Oromoo maganuu / the Excommunication of Amantii Oromoo

         Afaan Oromoo baleeessuu (dhoowwuu); maqaa namaa, maqaa biyyaa fi nannoowwanii jijjiiruu / The prohibition of use of Afaan Oromoo

    •  Qabeenya: Lafa/Dachee Oromoo fudhatanii qabeenya Oromoo saamuu

 

maddi:OSA-ONA presentation