Caatii/ Jimaa
July 2005
Oromo
Seensa
Namoota tokko tokkoof caatii alanchuun akka
yeroo dabarsannaatti fudhatama. Yeroo caatii
alanchan hiriyyoota waliin bashannanaa fi
aara-galfi if waliin itti gaggammadan. Garuu
caatii alanchuun rakkoo fi du qaba. Akkuma
qoricha surri-hadoocha kaanii baay’inaan caatii
alanchuun rakkoo fayyaa fi jireenyaa namatti
fi da; ummata naannoo isaanii fi jireenya maatii
isaaniis huba.
Namni caatii alanchu yeroof dammaqinaa fi
giiduu (energised) argachuu danda’a; garuu
ammo rakkoo fayyaa, hirriba dhabiinsaa fi
daaqama faaraa itti fi da. Akka qoa’nnaan
agarsiisutti caatii alanchuun rakkoo hawaasomaa
kan akka nokkora/jeeqama maatii keessaa,
rakkoo daa’immanii fi rakkoo hor-calleessii
(fi nance) uuma.
Namootni baay’een caatii gara Australia galchuuf
offalchoo addaa qabaatuu akka gaafatu waan
hin hubataneef seera cabsuun kun birdhuu itti
edawa.
Rakkoo caatiin fi duu fi miidhaa kanaan wal
qabate hir’isuuf barruun kun odeeffannoo
dhiheessa.
Caatiin maali?
Caatiin hortee “Catha edulis Forsk, Celastraceae
family” baala magariisa akka mukaatti guddatuu
dha. Baalli fi hudhi muka isaa giidawumaa fi
mirqaansaaf alanchama. Victoria keessatti caatii
goggoyduutu baay’inaan dhimma itti bahama.
Caatiin seerawaa?
Caatiitti maai’ii bahuun Australiatti seeraan
dhorgaa miti. Garuu seensisuun to’annaa guddaa
dhaan.
Namni caatii Austalia seensisu kan offalchoo
qabuu fi matayyaatti dhimma bahu (personal
use) tahuu qaba. Tokkoo tokko fe’umsa
seensisuufi s hayyama itti qabaachuu
barbaachisa. Namni offalchoo fi hayyama qabu
ji’atti (baatiitti) hanga kilogram 5 dhimma itti
bahuu qofaaf seensisachuu danda’a.
Caatiin miidhaa akkamiin qaama
irratti fi da?
Caatiin qoricha qaama nama dadammaqsuu
dha. Caatii alanchuun dabala rukuttaa onnee,
hafuura babaafannaa, owwina qaamaa, dhiibbaa
dhiigaa fi si’aayyina namatti fi da. Namni caatii
alanchu sammuun shir jechuu, humna argachuu,
haasawa babbaay’isuu fi fedhii nyaataa dhabuutu
itti dhagahama. Namni tokko caatii alanchuu
jalqabee daqiiqaa 20 keessatti itti dhagayamee
alanchuun xumuramees hanga sa’aa 3f
si’aawinni (stimulating) irra turuu danda’a.
Gammachuu fi ixaan hin baanee fi hin
barbaachisne
Gammachuu fi ixaan hin bane caatii alanchuun
namatti fi du keessaa: qalbeessachuu dadhabuu,
daaqama faaraa, rirrifatuu, dadal’anuu fi
dhedheekkamuu, tabjaawuu, bubbutamuu fi
yaadaan muddamuu dha.
Caatii alanchuu amaleeffatuun rakkoo qaamaa fi
fayyaa irratti fi du keessaa:
• Irriba dhabuu
• Fedhii qunnamtii saalaa hir’isuuu/Jaalala
saalaa hir’isuu
• Yaacii /nightmares
• Rakkoo mar’ummaanii, kan akka garaa
gogsaa fi fedhii nyaataa dhabuu
Caatii/Jimaa
www.druginfo.adf.org.au
factsheet
DrugInfo Clearinghouse
409 King Street, West Melbourne, Victoria 3003
Tel: 1300 85 85 84 (Victoria only)
Email:
druginfo@adf.org.au
• Afaan fi laaga-madeessa
• Ciffattoo ykn gamboo afaanii /oral cancer
• Hir’ina ulfaatina daa’imman dhalatanii
• Haadha hoosiftu harmi gahaatti mirgisuu
diduu
Bara dheeraaf caatii alanchuun ykn
heddummeessuun gara rakkoo kan akka
daafurummaa, yaadda’uu fi rirrifachuutti nama
geessuutti dabalee rakkoo ayyaam-qumaatti
(psychological problems) illee guddachuu
danda’a.
Rakkoo caatiin hawaasomatti fidu
maali?
Caatii alanchuun, keessumaa baay’inaan
dhimma itti bahuun gara rakkoo hawaasomaa
geessisa. Namni takka caatiitti dhimma bahuu
irraa rakkoo yoo argate, dabree illee maatii,
hiriyyoota, dalagaa barmootaa fi horcalleessa
(finance) isaa huba. Caatii alachuuf jecha sa’aa
dheeraaf maatii irraa adda waan turamuuf maatii
fi hariiroo isaaniitti rakkoo fida.
Caatii alanchuun rakinaa maatiifii frooma
huuma, kesaayuu caatii alanchuun yeroo
dheraafi otayee matiiraa yeroo dheraa
fagaataan. Rakkoon kunis kan inni itti daran ta’u
yoo namni caatii alanchu oggaa manatti galu
maatii isaa waliin waar’uu dhiisee gara hirribaa
deeme, jeeqamuu irraa hirriba yoo dhabe, aaree
fi dhedheekkame. Namni rakkoo caatiin qabu
yoo hin hubatu tahe maatiin jeeqama keessa
seena.
Caatii aanchuun raakina uujii (daalaaga) yookiin
manaa qaraatii huumaa. Caatiitti fayidaawuun
barmoota yookin dalagaatti rakkina fiduu mala.
Sabani isaa dadhabbii fi if-loliinsi (irritable) waan
itti dhagayamuuf barachuu ykn dalaguu hin
dandayan.
Kanneen kun taaksii oofuu ykn meeshaalee
warshaa gudguddoo tahan sossoosuun
nagummaa isaaniif gaarii miti. Warreen kun
yeroo dheeraaf caatii irra waan turaniif dadhabbii
fi rakkoon fayyaa caatii alanchuun walqabate
adda addaa waan itti dhagayamuuf Guyyaa
baay’eef hayyama dhukkubaa gaafachuu malu.
Horiin qaban caatii bituu irra kan oolfamu yoo
tahe nyaataa fi kaffaltii gara garaaf waan irraa
hin hafneef danqamni horcalleessaa (Financial
difficulties) mudatuu mala. Kun ammo yaaddoo
bira maatiitti dabala.
Maatiin, akaakewwan fi hangafoonni caatii
alanchan fakkeenya akkamiin hundeessaa akka
jiran itti yaaduu qaban. Ijoolleen haala fi amala
baay’ee namoota jireenya isaanii keessatti
barbaachisoo tahan caqasuun baratan.Maatii
isaanii keessaa kan caatii alanchu yoo jiraate
isaanis sanuma yaaluu malu.
Caatiin nama aradchaa?
Kan yoo namni qaamo-irkata ykn ayyamirkata
(physical or psychological dependance)
caatii irratti qabaatuu hanga ammaatti waan
beekame hin jiru. Haa tahu malee warren
baay’inaan caatiitti fayyadaman yoo of irraa
dhiisan mallattootni araad-caamsii (withdrawal
symptoms) irraa mul’ata.
Yoo namni tokko qaamni isaa caatiin ka
sosso’uu namni sun qaamo-irkata (physical
dependence) caatii tahuu dnada’a. Kanneen
caatii heddummeessan oggaa dhiisan guyyoota
yartuuf mallattoo araad-caamsii kan akka
dadadhabuu fi humna dhabuu, dalagaa guyyuu
akkaan raawwatuu dadhabuu fi roqomuun irraa
mul’atuu danda’a. Mllattoon kun kan mul’ataniif
sababii qaamni isaanii caatiitti gargaaramaa ture
amma caatii malee hojjachuu jalqabuu iraa ti.
Kan yoo namni jireenna guyyuu fi gammaduuf
caatii kan isa barbaachisu tahe namni kun
ayyam-irkata caatii qaba jedhama. Namni kun
yaa’ii jireenya gamtaas tahe yeroo dheeraaf
waa hojjachuuf alancha caatii malee turuu
hin fedhan. Namni ayyam-irkata caatii qabu
oggaa dhiisuuf yaalu jijjiirama amalaa kan
akka yaadda’uu fi bibir’achuutu irraa mul’ata.
Keessattuu hiriyyoota isaa waliin alanchaa ture
yoo tahe qofummaatu itti dhagayama.
Miidhaa caatiitti fayyadamuun
dhufuun wal qabate hir’isuu
Qajeelfamni itti aanan kun tarii ni gargaaru:
• Kan yoo yeroo mara alanchita tahee hamma
isaa hir’isuu yaali; boqonnaa tahe qabaadhu.
Oromo • July 2005
Page 2 of 3
• Dhugaatii, “kaffiin”
qaban kan akka bunaa fi
kollaa of irraa dhiisi; bakka isaa bishaan
dhugi.
• Alanchuu caatii duras tahe booda ykn
oggaa alanchaa jirtu “farsho” fi qoricha
surrii hadoochan of irraa dhiisi. Qoricha
surrii hadoochaniin wal makuun balaa sitti
fiduu danda’a.
• Yoo ka tamboo aarsituu lakkoofsa isaa hir’isi;
gujjoftee (crowded seession) illee hin taa’in;
qilleensa qulqulluu argachuuf foddaas
banaatti dhiisi.
• Alanchuu kee duraa fo booda kuduraa,
fuduraa fi nyaata fayyaa keef gargaaru
heddumminaan nyaadhu.
• Halkaniin caatii alanchuu if irraa dhiisi;
tasumaa kan yoo doktora fayyaa keen siif
ajajame malees qoricha hirribaa hin
fudhatin.
• Madaawina afaanii waan sitti fiduuf caatii
yeroo dheeraaf afaan keessatti hin qabatan.
• Kan yoo ulfaa taatee fayyummaa mucaatti
waan fittee (risk) tahuuf caatii hin alanchin.
• Karaa qajeelaan rakkoo caatii of irraa dhiistu
furmaatni lalnchuu dhiisuu dha.
Yoo aanteen koo rakkoo caatii
qabaatu maal gochuun danda’a?
Kan yoo namni beektu hubama caatii irraa itti
dhufe qabaatee, rakkinichi kan si yaaddessa
tahee bakki ati gargaarsaaf dhaqxu ni jira. Tarii:
• Rakkinicha gaggeessitoota waldaa amantii
naannoo keetiin mariyadhu.
• Hiriyyaa ykn maatii keessaa nama amantutti
dubbadhu.
• Gartuu dubartootaa ykn dhiiraa (local
women’s or men’s group) naannoo keetiin
mariyadhu. Tarii namootni muuxannoo kana
fakkaatu qabatan jiraachuu malu.
• Dhoksaan gorsa fudhachuuf dhaabbata
fayyaa hawaasaa (community health centre)
naannoo kee qunnami.
• Waa’ee qoricha surri-hadoochaaf dhoksatti
gorfamuuf “DirectLine 1800 888 236
(Victoria qofa) dhawi.
Waa’ee caatii caalaatti hubatuu ykn odeeffata
of irraa dhorgaa (prevention) fi qoricha surrihadoochaaf
“DrugInfo Clearinghouse” bilbila
1300 85 85 84 (Victoria qofa).
Email:
druginfo@adf.org.au tti barreessi
Website:
www.druginfo.adf.org.au/multicultural
laali.
Oromo • July 2005
Page 3 of 3