FAARUU ALAABAA
Alaabaa Oromoo
Ibsituu Dukkanaa;
guyyaa si dhaabbaanee gabrummaarraa baanaa.
Kumni Kumni du'uu, kan hafeen si dhaabbannaa,
du'arraa hin deebinuu, tarreerra dhaabbannaa.
Alaabaa Oromoo ibsituu ........
Dhiigaan si facaasaa , lafeen si bobeessaa;
Oromiyaarratti, gadi suman dhaabsisaa.
Alaabaa Oromoo ibsituu......
Dhiiraa dhalaa keenyaa , bakkuma jiranii;
gadi si dhaabuuf jechaa, ibiddaan dhumanii
Alaabaa Oromoo ibsituu..........
Si dhaabbannee bullaa , halkan tokkoofillee,
guyyaan sun ni dhufaa hangam yoo turellee.
Alaabaa Oromoo ibsituu dukkanaa,
guyyaa si dhaabbannee gabrummaarraa baanaa.