TAKK BAROODU
LAATA.....
Geerarssa obbo Taaddasa Galdaasa
Otoon
xixxiixee jedhee
Takkaan haloo koo bahe
Mee
takkaan jedhee dhiisa
Hiriyyee garaan ciisa
Takka baroodu laata
Na irraa hin bareedu laata
Takkaa bokkisuu laata
Na irraa hin fokkisuu laata
Galdaasaa yaa
gaarii koo
Anoo hin baane aarii koo
Boqqolloon birraa dhufa
Baaduun arfaasaa dhufa
Eessa abbaa kootii fuudheen, walitti nyaadhee ilaala
Humni ganama dhuma, qalbiin galgala dhufa
Eessa abbaa kootii fudheen, walitti baadhee ilaala
Harooressa loon giddaa
Yaa soressaa loon dhibbaa
Bittaaf miiccaa tolee
Yaa garraamii abbaa ijoollee
Ishoo ishoo ya jigaa
Kee moo maaluu na dhiba
Kan koo na dhiba malee
Yaa garraamii abbaa ijollee
Abbaa Taddu
gaarii koo
Yaa madaalii gaarii koo
Akkam taanee
akkas taane
Goommanaaf raafuu taane
Dhala abbaa raatuu taane
Hunduu nutti xaphatte
Muka nuugii taane kaa
Hunduu nu bobeeffattee
Dhala luujii taane kaa
Hunduu nu odeeffattee
Arfaasaa ji`a sanee, qorraatti
hin adeemanii
Birraa ji`a bariite, cal-jedhanii hin taa`anii
Maalan cal-jedhee taa`a, akka nama harka dhabee
Dhabuu illee maalan dhabaa,qoteetan lafaa qabaa
Kan qotee lafaa qabu, kan facaafatu hin dhabu
Dhibaasaa dhibee waayyuu, jaarsa garaa garaadoo
Na dhibeera garaa koo
Dubbiin ergaa dhaquu koo
Dubbiin ergaramuu koo
Akka ergaa mana mootii
Akka ergarama kooti
Naa game dhugaan qaba
Eessa kootu mudaa qaba
Abbaa Taaddu gaarii
koo
Yaa madaalii gaarii koo
Waanan dhuffadhun dhabe,
moofaan haguuggadhe kaa
Dubbittii ishee bar-tokkoo
Waanan dubbadhun dhabe, booyeen xuruurffadhe kaa
Boobee afaaniin daakkadhee
Booyeenan xuruurffadhee
Yaa waaqayyoo maal laata
Maal jennaan naa naata
Midhaaniin
midhaan nyaachuun, ataraan haa rawwatuu
Eegaa hoo egetanaa
Salphinnii enyumma koo, kan darbeen haa rawwatuu
Haa tahu akkasuu
bulla
Akkasfaa kachachalla
Barafaa dabarffanna
Inni silaa hin
dulloomu, inni utubaa homii, inni sanqaa waddeessaa
Daanyaan silaa nu hin hiiku, qaxaroodha fageessa
Ganama wuxuu
jedhu akka ganyoota isaanii
Galgala gibuu jedhu akka saroota isaanii
Korokkodaan nu yaasu akka ro`oota isaanii
Karaa malee nu dhaanu akka nadhoota isaanii
Kanan kana obbaaffadhe
Ani dhibban bobbaaffadhe
Jirti manittiin tokko mana tamaariin gadii
Kan hiddii irra deemanii
Kan giddii itti seenanii
Diidaa sadii na
eega, maskeetto gonbifatee
Keessaan tafkii na reeba mangaagaa jallifatee
Keessaan dhiiga na gaada
Cinaacha namaa waada
Yaa Galdaasaa loon bajjii
Badaaja boorrajjii
Gad-kaanaan ol kaachise
Ol kaanaan gad-kaachise
Booree tarreedhaan deemtu
Hurgufeen lafaa afuufe, akka wayyaa micaanii
Karaa mataan ilaalee, akka waarsaa dhiisanii
Kurii maajii kuuliitii
Biyya adaanyii duriitii
Maajii gara goodaatii
Wal-gahii kambaataattii
Eddoo qal`oon kee oolee
Allaattiin cookaa oolee
Tolche maalin balleesse
Kanin booree batteesse
Mushirroo qobaa dhiisee
Abbaa Taaddu daangulee
Ani hin taane
daafuree
Mana gidduu mana kee
Maa giraancee hin margiinii
Geshee maa hin sarariinii
Akka jirtu qal`oon kee
Jiraattee maa hin argiinii
Dhuftee maa hin ilaaliinii
Tulluun mana kee gadii
Waa jigaa hin yaada`iinii
Qal`oon kee hundaaf fira
Waa du`aa hin yaadiinii
Dhiirri malkaa wal-saame
Geerar geerar nan jedhu
Geerarssa maal na gorsu
Wallaallaan natti kolfu, geeraraan geeraa jira
Namni geerare hin quufne, wallagga maddii jira
Asoosaan caffee hin qabu, saani maal haa dheedu ree
Shufeeriin dhugee quufnaan, makiinaan nabsee hin qabu,
lubbuu maaltu eega ree
Eessa hin geenye
milli koo, miilli koo
isheen babatte
Biyya hin beekneen na dhaqixxe
Hagada na baachiste
Halaga na dhaansifte
Aggaaroo abba booqaatii
Biyya birriin dooqaatii
Bishaanoo bishaanuma, maal maqaan taliillannii
Isaanoo isaanumaa, maal maqaan wasiillanii
Kiraarri guyyaa wayyaa
Kiiloleen barii wayyaa
Ilmoon haadha kiilolee
Kan barii kaatu wayya
Barii ka'eettiin kunoo
Milkii toleetti wayya
Simbbirroo ya kiilolee
Hammam geessi yoo tolee
Yoo rafnaan abjuun tolee
Yoo deemnaan karaan tolee
Adeemuma deemanii, lafa aduun
dhiite bulu
Jooranii jaawwaranii, kan namaa hireen bulu
Maaltu lilmee nagadaa, yoo jaarsa arabaa malee
Maaltu kiyyoo na gataa, bada garaa koo malee
Baranoo barana jennaa
Utuu barana jennuu, barri nu irraa qaaritee
Areednis gomogomtee
Bareedis dogogortee
Yoona malee yoomi ree
Utuu sardaa hin duuliinii
Utuu sarbaa hin tuuliinii
Yaa ijoollee
jaranaa
Kan nu nyaate jabanaa
Akka jabanaati buluu
Akka baraatti bubbuluu
Jabanaafan daafure
Baraafan bara mure
Utuun si hin waamiin ture
Galdaasaa yaa loon bajjii
Yaa badaasaa boorrajjii
Geerarsa obb Taaddasaa Galdaasaa akka obbo Fiqaadun barressetti
02.01.2001 ( Barruu Oromiyaa)
madda sagalee oromiyaa
Geerarssa
KOOTTA WAL-HARKAA FUUNA..
Kootta wal-harkaa fuuna
Akka ijolee abba duula
Nutuu ijolee abba duula.
Geerar geerar naan jedhu
Yoon geerare maal qaba
Eessa kootu mudaa qaba.
Qamalee eegeen dalgaa
Disoon farda gashitee
Ilaalime Abushee
Hankee maaf yeroon darba
Atiso ilma ashite.
Abbayeeko gaariiko
Sitti odeesa raajiiko
Raajiiko hindhumine kana
Haftu hinheerumine kana
Deeggo citaa qabaare?
Kan ganna haammate malee
Deegaan fira qabaare?
Kan tattafate malee.
Deeggo citaa diimessa
Deegni wayya diimessa
Nama wayyaan diimate
Ijooleen obbo hin jettu
Waarissaan isin hin jettu.
Allaatiin deega hin nyaattu, foon isaatu ajaahe laata
Waarissaan deega hin ammattu, moofaatu ajaahe laata.
Deega koo ya farrisaa
Tuuri ammaan si fannisa
Mukka-arbaa daraaretti
Ilma abbaan abaaretti
Niitii jirbbii hin foonetti
Irisa niitii hin moonetti.
Jedheen itti jooreeka
Foon maddii na qooreeka.
Anoo beeka kormikee
Beeka maalaan wallaala
Utuun beekuun marmaara
Itti beeka ilmi kee.
Daldalaa wajjin ganyaa, qirqabaa jabeefachu
Cirtuu wajjin gajamoo, cinqaara jabeefachu
Qotataa wajjin gindii, dhiittasa jabeefachu.
Ergaan dhaladhe hin teenye
Bakka garaa koo hin geenye.
Ijoolle Oromia, ijoolle biyya keenyaa
Kootta wal-bira teenya
Marii walii dhageenya
Akka abbooli keenya
Amma yo mootii mootii
Namini niitii ishee mooti
Niitiin ijoolee mooti
Ijooleen saree mooti
Sareen adala mooti
Adali hindaaqo mooti
Hindaqoon raamo mooti
Raamoon goomana mooti
Goomani garaa mooti.
Amma yo mootii mootii
Kilishoon Malix mooti
Malix Maxxulle mooti
Gorsa Malix fudhatee
Dantaa har'aatif jettee
Garasheef gowwomfamtee
Humna ormatti hirkatte
Maxxulleen lammii mooti
Roorroon itti jabaatee
Lammiin yoo tokko taate
sagalee oromiyaa irraa
Geerarssa
TAKKA BOOKKISU LAATA..
Mee takka bookkisu laata
Goota cooksisuu laata
Hiryyeen tarre fidde
Laphe laaftiin didde
Laphe laafeeraa manna
Hin maraateera wayya.
Ani beeka garaa koo
Hin dabarsu tarre koo
Maafan tarre dabarsa
Natuu tarreen dannabsa.
Abbe koo ya taaji koo
Sitti odeessa raaji koo
Raaji koo hin dhumne kana
Haftu hin heerumne kana.
Natti urgaa'e waammin kee
Maqaan kee gootomni kee
Akka ansoosilla birra
Akka foon mata dirra
Akka cooma waadani
Akka goota waamani.
Jaarsa areeda sarsara
Akka leenca dagalaa
Jaarsa dirribi dhuffatu
Isa dhilbi gashatu
Kan dhibba dhachaafatu.
Eessa keetu gabo qaba
Situ yuu maqa qaba
Alshitees ilma qabda
Kan maqa si wamsiisu
Qotatees dilbi qabda
Kan baraaf si koorsisu
Hortees dhibba dachaafta
Gooda horro keessatti
Dubbatees diina moota
Araddoota shaambuutti.
Yoon bixxillee koo nyaadu
Qabeen koo biraa hin haftu
Yommaan abba koo waamu
Harmeen koo biraa hin haftu
Ergaan kitta koo maree
Balee koo marmaruure
Ergaan abba koo waamee
Harmee koo dabaluure;
Amma gogorri hin geessu
Jartiin korommi deessu
Jaartii luucaan dagala
Akka muujja balbala
Harmee koo golli raada
Maqa kee dha'un yaada
Harmee koo dangalaatu
Jaarti mucaan maraatu
Qal'oon kee dhibee hin naatu
Ya dangashee boorana
Jaarti mucaan soolana
Anoo hin baane foolana
Keessan buusa maqa kee
Akka kuula wayya kee
Ya footu calii lama
Ya boontu sanyi nama
Ya haadha dhiira hangafa
Jaarti luucan jargafa
Hin rafu maalin rafa
Duri iyyu rafaan ba'ee
Inni iyyu narra ba'ee
Yoona malee yoomiree
Aayyo
sagalee oromiyaa irraa