HIIBBOO OROMOO DEEBII  ISAA WAJJIIN

    (yoo deebii barbaaddan garjalaatiin kaayamee jiraatii gadi deemaa laalaa)

  1. Intala tiyya qurquree, irraa jala qumqumee waaqatti gurguree naa beeki ?
  2. Intala tiyya shakkisee balbala geennaan callisee naa beeki ?
  3. Gamni gaaraa gamanni gaaraa jidduun farda magaalaa naa beeki ?
  4. Lafa jala deemaa nugusa barbaadaa naa beeki ?
  5. Gamas dhagaa gamanni dhagaa jidduun dhadhaa naa beeki ?
  6. Hokkolaa lixxee da’oo fixxee naa beeki ?
  7. Ni dhugaa hin nyaatuu naa beeki ?
  8. Miila afur qabaa deemuu hin dandahu naa beeki?
  9. Ol utaalee sitti cuqqaalee naa beeki ?
  10. Garaa haadhaa keessaa baatee haadha rukutte naa beeki ?
  11. Ija lama qabaa lafuma gadi laalaa naa beeki ?
  12. Yoo ciisu akka reeffaa yoo iyyu akka leencaa naa beeki ?
  13. Jalli du’aa garaachi jiraa gubbaan du’aa naa beeki ?
  14. Jalli jiraa gubbaan jiraa garaachi jiraa naa beeki ?
  15. Goojjoo gaara gubbaa balbalti lamaa naa beeki ?
  16. Shub jettii shushub jettii nan tuqinaa jettii naa beeki ?
  17. Dhayee si albeesee naa beeki ?
  18. Harma heddu baattii lafarra daraartii naa beeki ?
  19. Gamni rifeensaa gamanni rifeensaa jidduun bishaanii naa beeki ?
  20. Ni nyaataa ni dhugaa ibidda udaanaa naa beeki ?
  21. Intala tiyya gabaabee afaan isii lugaamee naa beeki ?

22. Waa shan jajuu naa beeki ?

Itti fufa hin xumuramne...............

Deebii hiibboo armaan olii tartiiba lakkoofsaatiin

  1. gaagura
  2. Ashankitaabii ykn faaya fardarratti hidhamu kan yeroo inni socho’u irraa shakkisu
  3. marqa carree
  4. maarashaa ykn sibiila yeroo qonna qotan dongoraatti galee lafa baqaysu
  5. dhuka lafee keessa jirtu
  6. haamtuu
  7. Konkolaataa
  8. Siree
  9. muktumaa mooyyee ittiin tuman
  10. kibriita
  11. harma lamaan dubartii
  12. qawwee
  13. nama bullukkuu keessa seenee ciisu
  14. farda , namaa fi kooraa
  15. qaawwa funyaanii lamaan
  16. doobbii
  17. gingilchaa
  18. hancootee, hiddii, timaatim, mujulee fi kkf
  19. ija
  20. baabura midhaan daaku
  21. qorii
  22. 1.waaqa utubaa malee dhaabbate 2. Dachii dhisaa malee diriirte 3. Lukkuu harma malee guddiftu 3. Gaangee dhala malee dulloomtu 5. Bofa miila malee deemu