Guyyaa: 16-06-2006
Ibsa Ejjannoo maqaa mana marii oromiyyaa gadaan Oromoo
halelisuu
Nuti Oromootni biyootii adda addaa keessa jiraachaa daandii wal quunnamtii
teknolojii ammayyaa komputaratti dhimma bahuun sagantaa paltalk ykn. mana”
Gadaan Oromoo haa lalisu” jedhamee beekamuu keessatti walitti qabamnee Dantaa
saba kenyaa irratti marihannu, ibsaTumsa Bilisummaa fi Dimokraasii ykn.Alliance
for freedom & Dimocracy jedhamu kan addi bilisummaa Oromoo durfamuun dhaaboota
gara garaa waliin uummame gad fageenyaa fi bal`inaan erga marihannee booda
murtii ejjannoo armaan gadii dabarfanne:
- Qabsoo bilisummaa Oromoo fuula dura tarkaanfachiisuun mirga uummata Oromoo
kabachiisuuf sochii siyaasaa, diplomacy fi waraanaa dhaabni keenya ABOn godhu
ni dinqisiiffanna.
- Tumsi adda durummaa ABOn ijaarame, dhibdeen siyaasaa uummatni
Oromoo jaarraa tokkoo oliif mudate dhimma Oromoo qofa osoo hin taane, akka
dhimma guutuu biyyatiitti saboota sochii siyaasaa godhan hundaan hubannoo
argatuu fi karaa nagayaatiin furmaata argatu ABOn hoogganummaa bilchaataa akka
kennu abdii guutuu qabna.Kanaafis, tumsa kana ijaaruu irratti murtii ABOn
fudhate guutuutti deggerra.Humna, yaadaan fi qabenyaan akka fiixa bahu bira ni
dhaabbanna.
- Tumsa ijaaruu irratti kallachi qabsoo Oromoo ABOn fudhate
gaaffii hiree murteeffannaa saba Oromoo dhugoomsuu irra taree shakkii fi sodaa
sabootni adda addaa qabsoo Oromoo irraa qabaniif deebii kan kennu. Kanumaan
waliin mooraa diinota keenyaa haphisee kan wareegama Oromoo xiqqeessu waan
ta`eef akeeka tumsa kanaa fiixa baasuuf uummatni Oromoo hundi ABO cinaa
hiriiree qooda irraa eeggamu akka kennu waamicha keenya dabarsina.
- Mirgoota qabsoon keenya galmeessinne iggitii gochuu akkasumas
sabni Oromoo biyyasaa irratti abbaa biyyummaa akka gonfatuuf WBO cimsuu fi
fincila diddaa gabrummaa wareegama gootota baratoota Oromoon dagaagaa jiru
daran finiinsuuf uummatni Oromoo hundi kan dur daran tokkummaa keenya
cimsuudhaan akka warraaqnu gaafanna.
- Jaarmayooleen Oromoo kan walaba tahan garaa-garummaa isaan
jidduu jiru dhiphisuu fi shira wayyaanee jala kufuun moraa qabsoo Oromoo
dadhabusuuf tattaaffii gochaa jiran ni balaaleefanna. Wayyaaneen akka saree
maraatetti Oromoo waliin dhahuuf tattaaffii karaa “Waajjira dhimma namoota ala
jiraatani” tiin dhaaboota tokko tokko diinagdee fi qabeenyaan bitaa jiraachu
isii guutumatti haala qabatamaa taheen hubanne jira. Ummanni keenyaas shira
wayyaaneen dhaaboota Oromoo garii keessaan hojjachaa jirtu hubatee akka dura
dhaabatu gaafanna.
- Dhaaboonni Oromoo kanneen walaba tahani tutuqaa diinaa hin qabne
tumsa kana gabbisu irratti qooda fudhatan fi tumsa bilisummaa fi democracy
(AFD) irratti akka walin hojjatan waamicha lammummaa dabarsinaaf.
- Dhuma irratti hanga mirgi abbaa biyyummaa saba Oromoo
dhugoomutti addaa bilisummaa Oromoo cinaa hiriirree dirqama qabsoo saba
keenyaa nurra keesse hamilee dhaan bahuuf waadaa seenne irra deebinee
haaroomsina.
ABOn kallacha qabsoo saba oromoo ti!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!
I.U.OF