Ispoortii mata duree jedhu jalatti waa’ee Atleetota Oromoo ilaaluuf akka hangafaatti kaasuu barbaanna.

 

Nuti ummanni Oromoo Atleetota bebbeekkamoo tahan hedduu qabna. Isaanis eenyu faa dha? Ni beeknaa? Kan beeku ee, kan hin beekne hoo? gaaffii jedhuuf deebiin armaan gaditti kaayamee jira.

Atleetota Oromoo kan durii fi kan ammaa

Atleetotni Oromoo baayyeen baroota dheeraarraa eegalanii tapha olompikii irratti hanga ammaatti hirmaachaa jiran. Haatahu malee, gabroomfattoota abisiiniyaa irraa kan ka’e, hawwii fi fedhii isaan qaban itti cufuudhaan, akka waan isaan ummata oromoo hin tahin tokkotti maqaa Itoophiyaa jedhuun addunyaarratti beeksisaa jiran. Atleetotni Oromoo dhiiraa fi dubartiidha. Isaan keessaayis hangi tokko mana hidhaa keessatti du’anii, kuun ammoo dadhabanii, kan hafe ammoo hanga ammaatti gabroomfattoota Itoophiyaatiin, fayyadamaa jiru.

 

Abbabaa Biqilaa (1932-1973)  

Abbaa isaa obbo Biqilaa Damissee, haadha isaa aadde Widdinesh Manbaruu irraa naannoo Jaatoo jedhamtutti fageenya Finfinneerraa kiilomeetira 130 jirtutti bara 1932 tti dhalate. Abbabaan ijoolummaa isaarraa eegalee akka aadaa keenyaatti horii tiksuudhaanii fi mana barnoottaa keessaatti yeroo isaa akka dabarse seenaan ni dubbata. Yeroo umriin isaa waggaa 12 gahutti akkasumas mana barnoota Amantii "Qes" akka turee fi akkasumas yeroma kanatti taphataa Qillee tahuudhaan ofbeeksisuu isaa seenaan ni ibsa. Bara 1952 tti hidhataa tahuudhaan, fiigicha isaatii fi tapha qillee taphataa ture. Akkasumas bara 1954 tti aadde W/t Yawibdar W/ Giyoorgis haadha mana isaa godhachuudhaan ilmaan afur irraa dhalfate. Abbabaa, osoo atleetii beekkamaa tahee hin bahiniin duratti hidhatummaadhaan waggoota muraasa eega turee booda bara 1956 tti yeroo umriin isaa waggaa 24 tahutti shaanpiyoona humna waraanaa biyyoolessaatti "national armed forces championships" hirmaate. Yeroo sanitti atleetiin beekkamaa kan rikoorda biyyoolessaa meetira 5000 fi 10000 moohate Waamii Birraatuu ture. Fiigichi maaratoonii qopheeffamee, namoonni hunduu Waamii Birraatuu tu moo’ata jedhanii Istaadiyoomii marsanii eegaa turan. Kiilomeetira hanga tokkoo Waamiin dursaa ture. yeroo xiqqoon booda , raadiyoon akka beeksisetti dargaggoo maqaan isaa Abbaabaa Biqilaa jedhamu dursuu isaa ture. Lakkuma Abbabaan dursuu isaa itti fufeen , daawwattoonni naannawa isataadiyoomaa marsanii laalaa jiran, gochi adda ta’e uumamuu isaatti hedduu dinqisiifatan. Abbabaanis salphumatti waldorgommii isa jalqabaatiif moo’ate. Itti aansuudhaan rikoordii (galmee) meetira 5000 fi meetira Waamii Birraatuun qabamee ture cabse. Qabxii gammachiisaan, yeroo jalqabaatiif Abbabaan Olompika Roomiitiif dabre. Waldorgommiin inni addunyaa irratti yeroo jalqabaatiif seenaa hin dagatamne fi akkasumas addunyaan itti dinqisiifatte ture. Innis waldorgoommii kana moo’achuu qofa osoo hin taane, miila duwwaatiin fiigee, saa’aatii 2:16:2 galmeessuudhaan, rikoorda addunyaa cabsuu isaa ture. Innis nama Afrikaa keessaa yeroo duraatiif, olompika irratti geeba kan argatee dha. Miila duwwaan fiiguu isaatiif Abbabaan akkana jedhe, " biyyi tiyya yeroo hundaa kutannoo fi gootummaa dhaan moo’achuu isii addunyaan akka naaf beektu barbaada." Waggaa afur boodas, waldorgommii Olompika Tookiyoo irratti geggeeffamuuf, beekkamummaan Abbabaa addunyaa hunda gurra bu’ee ture. Haatahu malee, waldorgommii guddaa isa eeggatu kana torbaan jaha dursee dukkubsachuu isaatiin waldhaansi Oppireeshinii irratti godhamee ture. Ilaalchi oggeeyyii fayyaa, waldorgommii kanarraatti hirmaachuu isaatiif murtii gammachuu hin qaban ture. Guyyaan inni waldorgommii kanaaf Tookiyoo irratti argame opireeshiniin inni godhame guutuutti hin fayyine ture. Haatahu malee, hawwattotni biyya Jaappaan daddaffiin waldhaansa akka argatuuf hawwatanii turan. Abbabaan eega Tookiyoo dhufes waaheloota isaa Maammoo Waldee fi Damissee waldee waliin shaakala haaluma duraan godhuun itti fufe. Ammas waldorgommiin kun akkuma waldorgommii torbaan jaha dura miila duwwaadhaan moo’ate dinqisiifamaa fi addunyaa kan ajaa’ibsiise oppireeshii godhamee osoo hin fayyin fiigee moo’achuudhaan dadhabbii tokkoon alatti eega fixee jimnaastikii hojjachuu isaati ture.Kunis atleetii yeroo jalqabaatiif walitti aansee maaratoonii injifate ture. Injifachuu qofa osoo hin taane rikkoorda addunyaa isa haarawa saa’aa 2:12:11 galmeesse. qabxii addunyaarratti isa boonsuu hojjate. Garuu, barri isatti ulfaataa tahee fi gadda isaaf hin qabne, bara waldorgommii Olompika magaalaa Meeksikoo bara 1968 tti geggeeffame ture. Gaafa kana kan inni kiilomeetira 15 eega fiigee booda, kutee ture. Tahullee, waahelli isaa Maammoo Waldee dhumarratti moo’atee abbaa geeba warqii tahuudhaan badhaafamee ture. Abbabaan atleetii tahee eega beekkamee jalqabee, waldorgommii bebbeekkamoo diigdamii jaha (26) keessatti hirmaatee ture. Akkasumas, shaampiyoonshiipa addunyaa bara 1960 fi 1962 moo’atee ture. Kan nama gaddisiise, bara 1968 magaalaa Shanoo jedhamtutti tan fageenya Finfinnee irraa kiilomeetira hanga 70 fagaattutti, balaa konkolaataatiin daafamee, mudhii-gad naafachuu isaati. Akkana tahee ji’a sagal booda waldhaansa biyya keessattii fi alattis argatee ture. Sana booda eega miilli naafates fiigicharraa abdii muruu dhabuun isaa, waldorgommii heedduu keessatti hirmaatee akka moo’atu isa taasise. Bara 1970 tti waldorgommii qaxxaamura biyyaa ( cross-country )Noorweey irratti taasifame kan namoota naafa tahanii keessatti hirmaachuudhaan moo’atee warqii badhaafamuu isaa seenaan ni dubbata. Waldorgommii kanuma fakkaatu kan meetira 10000 irratti hirmaachuun akkasumas moo’atee ture. Hatahu malee, dhukkuba ji’oota hedduuf irra ture irraa kan ka’e, jiruun gooticha kanaa addunyaa kanarraa maayyii (dhuma) tahee kan boqate Onkololeessa, bara 1973 tti. Awwaalchi isaatis magaalaa Finfinnee bataskaana "Qiddus Yooseef" jedhamutti akka raawwatame seenaan ni ibsa. Gabaabumatti seenaan Abbabaa Bikilaa asirratti raawwata.

 

Maammoo Waldee Dagaagaa (1931-2002)

Abbaa isaa obbo Waldee Dagaagaa fi haadha isaa aadde Ganamee Goobanaa irraa bara 1931 tti ganda Dirre-dalee jedhamu kan fageenya Finfinnee irraa hanga kiilomeetira 60 fagaatutti dhalate. Ijoollummaa isaa haala aadaatiin eega dabarsee booda barnoota amanttii "Qes" fudhachaa ture. Bara 1951 tti hidhataa tahuudhaan beekkame. Yeroo hidhataa ture kanatti fedhiin Maammoo akka barnoota dabalataa argatu ture. Hawwiin isaatis hin oolle. Bara 1953 tti barnoota lammataa humna ittisa waraanaa (Imperial Guard ) akka baratuuf jecha gama Kooriyaatti ergame. Kunis akka humna ittisaa nagaya eegduu mootummaa gamtoomaanii (UN peacekeeping mission ) tahuudhaan eragame. Waggoota lama eega Kooriyaatti dabarsee booda, humna ittisaa (Imperial Guard ) tahee akka tajaajiluuf bahe. Eega Kooriyaa deebi’e booda Maammoon haadha manaa fuudhe. Fiigicha isaatis suuta suutaan itti fufe. Bara 1962 tti miseensa garee olompika Itoophiyaa tahee akka waldorgommii Olompika Maarliboornee (Melbourne Olympics ) tti hirmaatu filatame. Yeroo sanitti Olompika biyyoolessaatii keessatti dandeettiin isaa haala gariirra waan tureef, meetira 1500 fiiguudhaan sadarkaa afraffaa bahee filatame. Bara 1968 tti 10000 tiif atleetota ciccimoo yeroo sanii kan tahan keeniyaarraa dhufan Kip Keno fi Naphtaly Temo wajjiin hirmaate. Meetira 200 irraa eegalee hanga naannawa dhumaatti eega dursee booda atleetii Keeniyaa Naphtaly Temo tiin moo’atamee sadarkaa lammaffaa bahe. Kanas yeroo jalqabaatiif kan geeba meetii badhaasa argatee dha. Waldorgommii Olompika meeksikoo guyyaa tokko dursee, shaakalsiisaa garee kan tahe Nugussie Roobaan akka itti himetti, waldorgommii kana Abbabaan xumuruu dhabuu waan dandahuuf, kan ummanni abdii irra kaayee eegu isa qofa akka tahe hubachiise. Guyyaa itti aanu Onkololeessa bara 1968 tti biyyoota 44 keessaa atleetota 72 wajjiin Abbabaa Biqilaa, Maamoo Waldee fi Damissee Waldee tahanii Itoophiyaaf bakka bu’anii waldorgommii eegalan. Abbabaan kiilomeetira 15 eega fiigee booda kute. Hanga fiige sanis ummata dursaa fiiguun isaa ni beekkama. Tahullee, dhumarratti Maammoon moo’ee yeroo sadaffaatiif maaratooniirratti geeba warqii argate. Goota akka abbabaa tahee ciminaan itti fufe. Bara 1972 tti Olompika Muunik (Munich ) meetira 10000’f hirmaatee sadarkaa sadaffaa bahuudhaan badhaasa argatee ture. Atleetummaa isaa keessatti Maammoo Waldeen walii galatti waldorgommii bebbeekamoo 62 keessatti hirmaatee ture. Gootichi kun nama beekkama waan kana hunda dabarses yoo tahe waggoota sagaliif mana hidhaa keessatti dararaa fi dhiphummaa hiriyaa hin qabne arguun isaa waan baayyee nama gaddisiisuudha. Yakkamaa tahuu baatullee, ajjeechaa namoota hanga 2000 tahan kan siyaasaa mormanii bara dura taa’aan waraana Dargii Coloneel Mangistuu Hayla Maaram bara 1974 hanga 1978 ture; Maammoonis poolisa turuu isaatiif akka yakkaatti ajjeechaa san keessaa harka qaba jechuudhaan himannaa irratti dhiheessuun isaanii silaa waan malu hin turre. Isaa mana hidhaa keessa jiru, waldorgommii bara 1996 tti Olompika Atlaantaa irratti geggeefamee ture; Atleetii durii beekamaa waan taheef, akka keessumaatti dhihaatee akka daawwatu Koree geggeessituu Olompika addunyaatiin (International Olympic Committee )tiin waamichi affeerraa godhameefii ture. Haatahu malee, koree geggeessituun olompika Itoophiyaa dhiheessuu hin dandeenye. Gabroomfataan mootummaa wayyaanee jechi ini jedhe , " Namni seenaa hojjate yakkaan hin gaafatamuu?" kan jedhu ture. Eega Maammoon mana hidhaa keessatti dhukkubsatee, maatiin isaa rakkatee waggoota sagaliif mana hidhaa keessa eega turee booda dhuma Onkololeessa bara 2002 tti yeroo murtiif dhihaate irratti himannaan isaaf dhihaate du’a dargaggoo bara 1970 yeroo mootummaan Dargii aangoo qabaachaa turetti akka mana hidhaa waggoota jahaaf taa’u itti murteeffame ture. Yoo tahe iyyuu, himannaa sobaa waan tureef murtiin akka gadi lakkifamu isaaf murtaahe. Dhalataan Oromoo meeqa kamtu hanga ammaati mootummaa gabroomfataa wayyaaneetiin cunqurfamee mana hidhaa keessatti dararamaa jira nu hunduu ni beekna.

Maammoon dhumarratti, rakkina mana hidhaa keessatti irra gaheen dhukkubsatee Ebla 27 bara 2002 tti naannoo Oromiyaa magaalaa guddittii Finfinnee keessatti hacuuccaa wayyaanee jalaa du’aan boqatee jira. Seenaan isaa gabaabumatti asirratti xumurama.

Negussie Roba (1935-1992)

Dhufaa jira hangasitti obsaa nuu turaa