Duraan dursee marsaan kun dhaabbota siyaasaa kamirraayyuu walaba kan tahee dha.

Kaayyoon keenya, Odeeffannoo adda addaa ummata Oromootiif  barbaachisu walitti qabuudhaan, karaa salphaa taheen akka dhimma itti bahamu irrratti hojjachuu dha. Irra caalaa Afaan Oromootiin qophaawuun isaa dandeettii afaan kana dubbisuu waan cimsuuf, namoota hedduu hawwannee shaakalsiisuudhaafi.


Kana malees,  namoonni ummata Oromoo barsiisuuf hawwii fi jaalala qabdan  nuwajjiin hirmaattanii ummata keessan barsiisuuf qooda fudhachuu ni dandeessan. Akkasumas teessoon keenya barreeffama armaan gadii gar-jalaatiin kaayamee jira. Gama teessoo kanaatiin yoo nuuf ergitan isin simanna. Lammii keenya haa barsiifannuu!  

Dhaamsa: yaa ummata Oromoo biyya ormaa jirtan,  ilmaan keessan afaan keessan barsiifachuu hin irraanfatinaa.

 

Waan qabdaniin nu waliin hirmaadhaa!

                                                                                    Email: webmaster@caayaa.com