Wixinamaa fi Duubee Seenaa Madda Walaabuu

Maddi Walaabuu

 

  1. Eessatti argama ( Hundee Oromoo)
     
  2. MW akka jalqaba teesuma caffee durraatti
     
  3. MW akka handhuura sirna gadaatti
     
    Eessatti argama ( Hundee Oromoo)

    Maddi Walaabuu man-sabaa (geography) biyya Oromiyaa keessaa kutaa Baalee koynaa Dallootti argama. Naannoon Maddi Walaabuu itti argamu muummee fi burqaa seenaa Oromoo callaa osoo hintayin golaa fi gollichoo ummanni Oromoo seenaa bara dheeraa keessatti, dhaloota irraa gara dhalootatti keessa jiraatee, irratti wal-horee dagaage (One of the Oromocradle land) tawuu isaa seenaan dhugaa ragaa baya. Kanaafuu, abboonni teenna yoo maalummaa isaanii ibsatanii fi Oromummaa isaanii himatan “baateen Walaabuu” jedhu. Seenaa ummata Oromoo keessatti Madda Walaabuu ka naadira taasisu lammiin Ormoo taye kam iyyuu ”An Walaabuu irraa dhufe” jedhee ilkaan sooqiddoo isaa cabsee gara Madda Walaabutti darba. Kunis Madda Walaabuu hundee seenaa fi sabboonummaa Oromummaa keessa hangafa isa taasisa.

     

     

    MW akka jalqaba teesuma caffee durraatti

    Akka seenaan dhugaa himutti, ummanni Oromoo sirna gadaa tolfatee ittiin buluu jalqabuu isaatiin duraa fi boodallee sirna jaarmayaa ka miseensa lamatti qoodamu, jaarmaya baal-lamii hangafaa fi maandhaa ammatu(dual organization of ancient Oromo moieties) BOORANAA FI BAREENTUMA jedhamuun bulaa ture. Ardhallee sirna gadaatiin walitti diindessee naannoon ittiin bulu ni jira. Maddi Walaabuu jalqaba teessuma yookin caffee jaarmaya miseensa Boranaa yoo tawu Caffeen Mormor ammoo teessuma ykn Caffee miseensa jaarmaya Bareentumaa akka ture seenaan galmeessee jira. Kana jechuun garuu akka warri seenaa ummata Oromoo hinbeeyne yookin beekaa jallisan jedhan , Oromoon madda seenaa lama qaba jechuu miti. Booranaa fi Bareentumni jaarmaya adda addaa kan gosa lamaati miti. Boranaa fi Bareentumni jaarmaya lakkuu, mirga wal-qixa qabu, ka wal-irratti irkatee jiraatuu, ka wal-keessatti ijaaramee hojjatu tawuu isaa hubatuu qabna. Oromoon hundumtuu Caffeewwan hangafoo lamaanuu keessatti dachaa-darabeen, gamtaa faraqaan jiraatee dagaaguu isaa seenaan dhugaa mamii tokko malee mirkaneessa.Jireenni ummata Oromoo ka ardha muldhatulleen dhugama kana raggaasisa.

     

     

    MW akka handhuura sirna gadaatti

    Kana irrattis dabalee, Maddi Malaabuu golaa fi gollichoo seenaa ummata Oromoo callaa osoo hintayin, walt’aa fi handhuura sirni gadaa itti dhalatee guddate tawuu isaa qor-hayyoonni Gadaa Oromoo ragaa bawu.Jalqaba jaarraa 16ffaa keessa ummanni Oromoo kora Walaabuu fi Diniq-Odaa Roobaa irratti Heeraa fi Seera Sirna Gadaa ka kutaa 150 of-keessa qabu (The First Gada Constitution) tumee, jiigsee, lallabee, baasee. Achiin boodallee walabummaa biyya isaa raggaasisuu fi miiloo nagayaa gadi-dhaabuuf Walaabuu fi Odaa Roobaa irraa socho’ee dhiibaa Waataa, dhiibaa Dalloo Bunaatii fi dhiibaa Jiloo-Garbii fullaase. Dameewwan odaalee Oromollee ka akka odaa Bultum,Odaa Gaarres, Odaa Nabee, Odaa Bisilii fi Odaa Mokoodii Caffee haadhoo Madda Walaabuu fi Odaa Roobaa irraa dagaagan. Walumaa galatti, Maddi Walaabuu utubaa fi hundee tokkummaa fi bilisummaa ummata Oromoo, mallattoo walabummaa Oromiyaatii fi birmadummaa sirna siyaasaatii fi bulchiinsa Oromooti jechuun ni dandayama.