Odeeffannoo
Baqattootaaf

Oromoo

Barreeffamni kun NOAS kan jedhamu jaarmiyaa biyya Noorweytt
baqattootaaf dhaabbateen maxxanfame. NOAS dhaabbata
miti-mootummaa fi mirga namoomaa yommuu ta’u baqattootaaf
odeeffannoo fi gargaarsa seeraa kenna. NOAS Oslo keessa waajjira
qaba. Bakka simannaa yeroo gabaabaa Tanum fi Lierskogen keessaa
immoo gorsitoota odeeffannoo qaba.
Iyyata beekamaa
Biyya isaan keessaa dhufan irratti hundaa’uudhaan baqattootni
bakka sadiitti qoodamu. Iyyata sababa ga’aa irratti hundaa’e,
iyyata beekamaa, fi sababni isaa ga’aa kan hin taane jedhamee
kan yaadamuu dha. Barreffamni kun warra sababa ga’aa qabu
jedhamanii yaadamanii fi warra sababa beekamaa qabu
jedhamanii yaadamaniif qophaa’e.
Golgaan kan kennamuuf
Mootummaan Norway duraandursee eegumsi ykn golgaan kan
siif godhmuuf maltu ta’uu kee ilaala. Yoo Irkattummaa
siyaasaatiif hin maltu taate mootummaan itti fufee golgaa ykn
namoomaaf jecha heyama jireenyaa kan si argachiisu madaalii
guutuu kee ilaala.
1. Irkattummaa
Irkattummaadhaaf mirga kan qabaattu sababii: lammii, amantii,
sab-lammummaa, hawasummaa, ykn ilaalchaa siyaasaa
qabduuf jecha ariyaatamuuf sodaa ga’aa yoo qabaattee dha.
Kunis waliigaltee Tokkummaan Mootummoota Addunyaa bara
1951 waa’ee baqattootaatiif qaban keeyata 1ffaa irratti argama.
Ariyatama jechuun mirgi namaa akka malee sarbamuu ykn
2

3
miidhama jabaa kan biraa dha. Sodaa ga’aa jechuun dhiibbaan
akka sana jechiisiisu sirritti kan beekame jiraachuu isaa ti.
Ariyannaan mootummaa biyya dhaloota keetii, ykn kan biraatiin
fkf hidhattootaan ykn miseensota maatii keetiin si irra ga’u
irkattumaa gaafachuuf sababii ga’a ta’a. Mootummaan biyya
dhaloota keetii golgaa ykn eegumsa ga’aa kan siif keennuu hin
dandeenye ta’uun isaa beekamuu qaba.
Biyya kee keessaa bakka tokkottii nageenya ni arggatta yoo ta’e
ykn isaanumti golgaa siif keennuu ni danda’u yoo ta’e biyya
Norway keessatti irkattummaa argaachuuf mirga hin qabdu.
2. Heyama jireenya golgaa irratti kan hundaa’e
Irkattummaa siyaasaa argachuuf maadaalii hin guuttu yoo
taatee, garuu immoo gara biyya keetti deebi’uunis jireenya keef
sodaachisaa yoo ta’e golgaa akka argattuuf jecha heyamni
jireenyaa siif kennamuu ni danda’a ta’a. Kana jechuunis
fakkeenyaaf jeequmsa jireenya kee balaa irra buusu ykn
gidirfamuu fi dhala namaa irra ga’uu kan hin malle narra
ga’a jettee yoo sodaa qabaattee dha.
3. Haala namooma irratti kan hundaa’e heyama jireenyaa
Dhukkuba hamaa, haala ijoolle keetii ykn kana kan fakkaatu
haalli jabaan si mudatee yoo jiraate namooma irratti kan
hundaa’e heyama jireenyaa sii kennisiisuu ni danda’a. Kunis
haala rakkisaa biyya kee keessa jiru fkf waraana booda
diinummaa hawwaasa biyyattii keessatti mul’atuu wajjin
walitti qabamee ilaalama.

4
Rakkinni dinagdee biyyi kee qabdu heyama jireenyaa Norway
keessatti si argachiisuuf ilaalcha keessa kan galu miti. Iyyata
irkattummaaf dhiheeffatte yeroo kam iyyuu taanaan deeffachuu
ykn kaasuu ni dandeessa.
Deebi’uu
Diddaa isa dhumaa yoo argatte, torban lama gidduutti biyya
Norwayiin gad-dhiisuuf dirqamta. Foolisii ykn jaarmiyaa dhimma
goodansaa-”International Organisation for Migration (IOM)”
quunnamtee akkamitti biyyattii akka gad-dhiistu haala
mijeeffachuu qabda . Fedha ofii keetiin biyya Norwayin yoo
gad hin dhiistu taate, foolisiitu gara biyya keetti si erga.

Baqattootni warri yakka rawwatan haala addaatiin ilaalamu.
Yoo golgaa isa hin barbaachisu ta’e biyya isaatti dafee akka
deebifamuuf iyyata isaatti dursi itti kennama. Namni akkasii
kun yeroo kan biraa deebi’ee biyya Norway ykn biyyoota
Awurooppaa baayyee isaanii seenuuf ni rakkata.
Biyya nagaa kan biraatti darbarsuu
Otuu Norwayin hin seenin biyya nagaa ta’e kan biraa keessaa
dhufte yoo ta’e ykn visa biyya kan biraatiin siif kenname qabda
yoo ta’e iyyati baqattummaa keetii biyya sanaan ilaalamuu
qaba. Kanaafuu biyya sanatti ni ergamta ta’a. Kun biyyootni inni
ilaallatu warra waliigaltee ”Dublin” keessa jiran kan akka
biyyoota tokkummaa Awurooppaa(EU) fi Iceland.
Mootummaan Noorway biyya nagaa ta’e kan biraa keessa turuu
kee qoratee achiitti si deebisuuf baatii sadii hanga baatii
kudhanii isa fudhachuu ni danda’a. Yeroo baayyee iyyata kee
dhiheeffattee gaafiidhaafis ni dhihaatta. Garuu Mootummaan
Norway iyyata kee hin ilaalu. Yeroo deebii eeggattutti heyama
hojii hin argattu. Biyya kan biraatti akka ati hin dabarfamne
murteeffame yoo ta’e iyyati kee Norway keessatti ilaalama.
Abbaan manaa ykn haati manaa ykn ijoolleen kee kan waggaa
18 gadii biiyya kan biraatti irkattummaa gaafatanii jiru yoo ta’e
biyya keessatti jalqaba iyyata galfattan keessatti walitti
dabalamnuu ni dandeessu. Kun kan inni ta’uu danda’u yoo
iyyati eenyuu keessanii iyyuu hin didamne ta’ee dha.
5

Yeroo ati irkattummaa gaafattu maaltu ta’a
1. Akka nama irkattummaa gaafateetti galmeeffamuu.
Akka nama irkattummaa gaafte tokkootti foolisiidhaan
galmeeffamtee gara mooraa yeroof itti simatamtuutti ergamta.
2. Fayyaummaa kee ilaaluu.
Mooraa bakka yeroof itti simatamteetti ogeessa fayyaatiin
fayyummaan kee ilaalama. Dhukkuba sombaa qabaattee kee
waliibaruuf qoratamuun dirqama. Dhukkuba kan biraa (HIV fi
dhukkuba tiruu) fedha keetiin ilaalamta.
3. Waa’ee of kee ibsuu
Mooraa bakka yeroof itti simatamtetti guuyyaa lammataa ykn
sadaffaatti maaliif biyya Norwaytti golgaa akka barbaadde fi
waa’ee ofii keetii barreeffamaan ibsita. Ibsa kennitu kanas afaan
dhalootaa kan ofii keetii ykn afaan akka gariittan danda’a jettu
kan biraatiin gochuu ni dandeessa. Ittigaaftamaan dhimma
baqttootaa (UDI) ibsa kee kana afaan Norwayitti jijjiira.
Sababa ga’aa yoo qabaatte ibsa kana kennuuf hin
dirqisiifamtu. Kun caalaatti kan inni ilaallatu warra dandeettiin
barreessuu fi dubbisuu isaanii muraasa ta’ee dha. Sababa ga’aa
tokko malee ibsa waa’ee ofii keetii kana barreessuu yoo didde
iyyata irkattummaa keetiitti ilaalchi ga’aan akka itti hin
kennamne si jalaa gochuu danda’a. Ibsi waa’ee ofii keetii kun
gaaffii kanaa gadi jiranitti kan deebii kennu ta’u qaba.
6

7
• Seenaa gabaabaa waa’ee ofii keetii fi miseensota maatii keetii.
• Biyya keetii maaliif akka baate.
• Maiif achitti deebi’uu akka sodaattu.
• Attamitti biyyaa akka baatee fi karaa kam akka deemte, kana
jechuun attamitti gara biyya Norway akka dhufte.
Ibsa waa’ee ofii keetii kana waajjira UDI isa mooraa ati yeroof
itti simatamte keessa jiru keessatti guutuu qabda. Yoo sababa
ga’aa qabaatte unka waa’ee ofii kee irratti ibsitu kana gara
kutaa siif kennameetti fudhattee galtee guutuu ni dandeessa.
Haa ta’u iyyuu malee garuu guyyuma sana deebisuu qabda.

8
Gorsa barbaachisaa waa’ee of-ibsuu fi waa’ee
gaafii fi deebii irratti
• Nama si gaafatu sanatti maaliif biyya gadi-dhiiftee deemuun
akka si barbaachisee fi maaliif deebitee galuu akka sodaattu
guutummaa fi gadifageenyaan itti himi.
• Haala biyya ati keessaa dhuftee mootummaan Norway waa
hedduu beeka. Kanaaf kan ati irratti xiyyeeffattu rikkina ofii
keessa darbitee fi yoo deebitee galte haala si mudatu ta’uu
qaba.
• Dubbiin kee ifaa, gabaabaa fi wanta qabatamaa irratti kan
hundaa’e haa ta’u.
• Dubbachuun isaa wanti si rakkisu yoo jiraate, durandursitee
warra NOAS keessa odeffannoo irratti gorsa kennan ykn
abukaattoo kee wajjin mari’achuu ni dandeessa.
• Yoo ijoollota hin ga’inii wajjin jirta ta’e waa’ee isaanii fi haala
isann keessa turan ibsuun dhima baasa. Haala tokko tokko
keessatti ijoolleenii fi warri ariyatama wal fakkaatu keessa
darban yoo ta’e ijoolleetu caalaa miidhama.
• Yeroo gaaffii gaafatamtutti gaaffii ati hin hubatin ni jira yoo ta’e
namni si gaafatu sun akka siif ibsuuf gaafachuun dhimma
baasa.
• Waan dhugaa ta’e dubbadhu. Odeeffannoo dogoggoraa
keennuun akka ati diddaa argattu si gochuu danda’a.
Mootummaan Norway iyyata kee kana hin amanu waan ta’eef.

Dirqama iccitii eeguu
Mootummaan Norway, turjumaanni, abukaattoon kee, fi NOAS
dirqama iccitii eeguu jala akka jiran beekuun dhimma baasa.
Kana jechuun odeeffannoo waa’ee iyyata keef ati kennite
dabarsanii mootummaa Itiyoophiyaatti ykn kan biraatti kennuu
hin dandaa’an. Kanaafuu maliif golgaa gaafaachuun akka si
barbaachisee gad-fageenyaan himuuf hin sodaatin. Waa’ee ofii
kee waa hunda mootummaa Norwayitti himuu ni sodaatta yoo
ta’e gorsitoota warra NOAS keessaa ykn abukaattoo kee waajin
mari’achuun barbaachisaa dha.
Dubartoota Irkattummaa gaafatan
Yeroo tokko tokko dubartoonni warra dhiiraa irraa adda kan
ta’ee ariyannaan akka isaan mudatu mootummaan Norway ni
beeka. Dubartootni irkattummaa gaafatan abukaattoo dubartii
ykn dubartiidhaan gaaffii gaafatamuu fi turjumaana dubartii
barbaadu yoo ta’e yeroo mooraa dura itti simataman keessa
jiran NOAS tti beeksiisu qabu.
Waraqaa
Passportii fi waraqaa ittiin karaa adeemtu kan biraa akkuma
irkattummaa gaafatteen foolisiitti kennu qabda. Waraqaa kan
biraa iyyata irkattummaa kee wajjin wal ilaallatu yoo qabaatte
waraqaan kun maal akka jedhu turjumaanni UDI’ tti akka siif
himuuf qabattee dhihaachuu qabda. Waraqaa kee kana booda
dhiheeffachuu yoo feete abukaattoon ibsa akka barreessuuf
waraqichi maal akka of keessaa qabu ibsiif. Waaraqaan kee
kunis akka hiikamuuf haala mijeeffachuu qabda. UDI’n yeroo
baayyee waraqaalee hin hiiku.
9

4. Abukaattoo
Otuu mooraa isa yeroof itti simatamte keessa jirtuu UDI’n
abukaattoo siif ramada. Yoo abukaattoo kan biraa qabda ta’e
battalumatti UDI’tti beeksisuu qabda. Abukaattoon kee dhimma
mootummaa Norway wajjin qabduu irratti bakka bu’aa kee ti.
Akkasumas odeeffannoo siif kenna, gargaarsa seeraas siif
godha.
Hanga deebii kee isa jalqabaa mootummaa Norway biraa
argattutti abukaattoo keetiif mootummaan baakka kee ta’ee hojii
sa’aatii sadiitiif kaffalaaf. Sa’aatiin sadii kun haasaa sii wajjin
godhamu, haasaa bilbilaa fi hojii barreessuu waa’ee keef
hojjetame of keessaa qaba. Mootummaan Norway murtoo
waa’ee keef darbu hunda gara abukaattoo keetti erga, innis
immoo siitti dabarsa. Waraqaa gara mootummaatti erguu feetu
yoo qabaattes, abbukaattoon kee akka siif erguuf gaafata.
10

11
Mooraa yeroof itti simatamtetti abukaatto kee wajjin maree ni
qabaatta. Kun otuu gaaffiif hin dhihaatin ta’a jechuu dha. Gaaffiif
erga dhihaattee torban muraasa booda abukaattoon kee sii
wajjin tahuudhaan gaabaasa gaaffii keetii keessa deebi’ee
ilaala. Kunis bilbilaan ykn qaamaan dhihaattee yommuu ta’u
waa siirreessuun ykn dabala gochuun akka dandaa’amuuf.
Abukaattoo jijjiirrachuu yoo feete kaffaltii abukaattoo isa haaraa
baasuuf dirqisiifamta. Baatii isa jalqabaa keessatti abukaattoo
jijjiirachuu hin dandeessu.
5. Utlendingsdirectoratet (UDI)’dhaan gaafatamu
Guyyaa muraasaaf erga mooraa dura itti simatamte keessa
turtee booda gara mooraa simanaaf kophaa’e kan biraatti
dabarfamta. Ergasii yeroo gabaabaa booda UDI’tti gaaffiif
dhihaatta. Waa’ee ofii keetii unka dhihaate irratti duraan
ibsiteetta taanaan namni gaaffii si gaafatu isa irratti
hundaa’uudhaan si gaafata. Yeroo baayyee gaaffin kun
walakka guyyaa fudhata.
6. Turjumaana
Yerro UDI’n gaaffii gaafatamtuu fi yeroo abukaattoo kee wajjin
haasoftu turjumaana afaan ati gaarii gootee hubattu dubbatutu
si biratti argama. Turjumaanichi dirqama iccitii eguu jala akka
inni jiruu fi ga’een isaa afaan hiikuu kophaa akka ta’e beekuun
dhimma baasa. Turjumaanni kee dhaloota biyya keetiiti yoo ta’e
illee yeroo hunda giddu galeessa ta’uu qaba. Gaaffii UDI’dhaan
gaafatamtuuf ofii keetiin turjumaana filachuuf mirga hin qabdu.
Turjumaana kee quunnamuu irratti yoo rakkina godhatte ykn
yoo amantaa irraa dhabde nama gaaffii si gaafatutti beeksisuun
dhimma baasa.

12
7. Mooraa baqattootaa dhaabbataa ta’e
Erga gaaffiiif dhihaattee booda hamma iyyati kee ilaalamutti
gara mooraa baqattootaa isa dhaabbataatti dabarfamta. Iddoo
murta’e tokko turuuf sababa ga’aa yoo qabaatte gara mooraa
baqattootaa isa dhaabbataa ta’eetti otuu hin dabarfamin dura
bakka yeroof itti simatamte sanatti beeksisuu qabda. Boodas
immoo taanaan bakka biraatti akka si dabarsaniif UDI’tti
iyyachuu ni dandeessa. Sababii ga’aa ta’a kan jedhamu
fakkeenyaaf kan akka miseensota maatii, ykn jiruu argachuu
ykn haala fayyummaa dhibaa ta’ee dha. Bakka dhuunfaa turuuf
filachuu ni dandeesa garuu mirga gargaarsa waan ittiin jiraattu
si argachiisu dhabda.
8. Heyama hojii kan yeroo gabaabaa
Gaaffiif erga dhihaattee booda haalli kanaa gadi jiran erga
ilaalamanii booda heyamni hojii kan yeroo gabaabaa siif
kennamuu ni danda’a:
• Umriin kee waggaa 18 ol yoo ta’e.
• Eenyummaa kee ilaalchisee shakkiin hin jiru yoo ta’e.
• Biyya nagaa kan biraatti akka ati hin dabarfamne murtaa’e yoo
ta’e( hrmaan olitti “biyya nagaa ta’e kan biraatti dabarsuu” isa
jedhu ilaali).
Ni kennama ta’e heyamni hojii kan yeroo kun qophaa’uudhaaf
naannoo baatii ja’aa fudhata. Yeroo jedhame kanaa gadi ykn
olis fudhachuu ni danda’a.

13
9. Yeroo iyyati kee ilaalamu keessa mirga faayidaa fayyaa
argachuu.
Gargaarsa fayya hamma barbaachisaa ta’e tokko argachuuf
mirga qabda. Garuu gatii walaa’ansa yeroo yerootti argattu
hanga murtaa’ee tokko basu qabda. Saaykolojistii arguu si
barbaadchisa yoo ta’e garuu baasii isaa guutummaatti akka si
danda’uuf UDItti iyyachuu ni dandeessa. Odeeffaanoo dabalata
argachuudhaaf bakka bufaataa kee sana gaafadhu.
10. yeroo itti iyyati kee ilaalamu
UDI’n iyyata kee irratti hojjechuuf torban muraaasaa hanga
waggaa tokko kan ta’u yeroo isa fudhata. Kun kan inni irratti
hundaa’u qorannaa addaa geggeessuun ni barbaachisa yoo ta’e
fkf gara biyya nagaa kan biraatti si dabarsuun sirrii yoo
ta’e(harmaan olitti “biyya nagaa ta’e kan biraatti dabarsuu” isa
jedhame ilaali). Yeroon giddugaaleessi iyyata irratti hojjechuun
gaafatu baatii torba.
11. UDI biraa diddaa yoo argatte
UDI’n iyyata kee irratti deebii diddaa yoo siif kenne, murtoon
kun irra deebi’amee akka siif ilaalamuuf ol-iyyachuuf mirga
qabda. Ol iyyanni kee kunis abukaattoon kee murtoo waa’ee
keef kenname kana argatee torban sadii gidduutti gallchu qaba.
Iyyati kee maaliif akka didame abukaattoon kee siif ibsa. Ol
iyyannaa kee keessatti abukaattoo kee maal akka barreesu
waajjin irratti irratti walii galuu qabdu. Ol iyyanni kee kun murtoo
UDI irratti yaada kan dhiheessu akkasumas falmii dhimma
baasu dhiheessuu qaba.

14
12. Boordiin Oliyyannaa Dhimma alaa (UNE) akkaataa inni
itti iyyata warra diddaa argatanii ilaalu.
Ol iyyanni kee kun dura UDI’dhaan ilaalama. Innis immoo
dhimma kee ilaalchisee wanti qabatamaa ta’ee haaraan
jiraachuu isaa ilaala. Akka amaleeffatametti hamma iyyati kee
kun ilaalamuttis biyya Norway keessa turuu ni dandeessa.
Golgaan si barbaachisuu isaa UDI yoo itti amanuu baate garuu
wanti jedhame kun siif hin hojjetu.
UDI’n murtoo isaa jijjiiruuf sababa argachuu yoo baate iyyat kee
isa lammataa kana gara Bordii ol iyyannaa dhimma alaa (UNE)
tti siif dabarsa. Boordiin kun immoo akkaataa heddudhaan
dhimma kee kana ilaaluu danda’a:
• Dhimma kee ilaalchisee shakkiin yoo jiraate namoota sadiitu
waliiwajjin murtoo kenna: geggeessaa boordii tokkoo fi
miseensota boordii lama. Qaamaan UNE duratti dhiyaattee
akka ol iyyannaa kee dhiyeeffattuuf gaafatamuu ni dandeessa.
• Yoo dhimma kee ilaalchisee shakkiin hin jiru ta’e immoo
murtoon kan inni kennamu geggeessaa boordii ykn
barreessaa olaanaa boordichaatiin ta’a.

15
13. Diddaa isa dhumaa-dirqama biyyattii gad-dhiisuu.
Iyya kee irratti diddaa isa dhumaa yoo argatte yeroo foolisiin
siif kennu keessatti biyyattii gad-dhiisuu qabda, akka
amaleeffatametti yeroon kennamu torban lama ta’a.
Kanaan boodas mirga hojii hojjechuu hin qabdu.
Fedha keen biyyattii gad-dhiisuudhaaf foolisii quunnamtee haala
mijeeffachuu qabda. Kanaa achi immoo biyya keetti deebi’uuf
gargaarsi akka siif godhamuuf Dhaabbata Dhimma Godaasa
kan Addunyaa (IOM) tti iyyachuu ni dandeessa. IOM (Dhaabbati
Dhimma Godaasa kan Addunyaa) yoo fedha kee ta’e yeroo ati
biyya kee geessu si simachuu ni danda’a. Fedha keetiin biyya
gad-dhiista yoo ta’e yeroo deemtu mootaa baqattootaa keessa
turtetti beeksisuu qabda.
Ofiin biyyattii gad-dhiisuu yoo baatte foolisiitu biyyakeetti si
galcha, barbaachisaa taanaan foolisiin humnaan si baasuu ni
danda’a. Kun taanan baasii gara biyya keetti si ergauuf ba’ee
mootummaa Norwayiif deebisuu malta.
14. Waa’ee dhimma isa didda dhumaa booda ilaalamuu
Diddaa inni dhumaa ol- iyyannaa kee irratti yoo siif kenname
mana murtiitti iyyachuu ni dandeessa. Kana gochuu yoo feete,
gatii hojii abukaattoo fi baasii mana murtiif ta’u danda’uu qabda.
Diddaa UNE booda odeeffanno haraa fi dhimma baasutu
mul’ate yoo ta’e UNE’dhumti dhimma kee irra deebi’ee akka inni
ilaaluuf iyyachuu ni dandeessa. Yeroo kana baasii abuukaatto
ofii keetii dana’uu qabda ykn immoo dhaabbata.gargaarsa
seeraa tola siff kennu quunnamuu qabda. UNE’n murtoo isaa
akka keessa deebi’ee sgaafattee kana keessa biyya Norway
keessa turuuf mirga hin qabdu.

Norway keessatti heyama jireenyaa yoo argatte
mirgaa fi dirgqama ati qabdu
Qubsiifamuu
Biyya Norway keessatti heyama jireenyaa yoo argatte ganda
keessa jiraachuu dandeessu keessatti ramadamta. Yaaliin
ganda ati keessa qubsiifamuu barbaaduu mooraa baqattootaa
keessa jiraattu keessatti gaaffii fi deebii si wajjin godhamuun
jalqaba. Bakka murta’e tokko qubachuuf sababa ga’aa yoo
qabaatte sababni kee maal akka ta’e himuutu si irra jira.
Gaaffii fi deebii sii wajjin godhamu keessatti jireenya kee biyya
Norway keessatti maalin jalqabuu akka feetu fakkeenyaaf hojii
ykn barumsa attamii akka barbaaddu hubachuutu yaalama.
Qubsiifamuun kee kan inni bakka ga’u UDI fi bulchiis ganda ati
keessa qubattuu gidduutti erga waliigalteen ta’ee booda.
Heyama erga argatte booda qubsiifama argachuuf hanga
waggaa tokkootti si eegsisuu ni danda’a. Hojii dhaabbataa
qabaattee of jiraachisuu ni dandeessa yoo ta’e ganda ykn
magaalaa ofii filatte keessa qubachuu ni dandeessa. Yeroo
kana ta’u gargaarsa mootummaan kennu hin argattu.
Madaquu
Heyama jireenyaa erga argattee booda akeekni jiru akka ati
daftee of dandeesse jiraattuu dha. Deggersa horii fi barumsa
bu’uuraa barbaadda yoo ta’e barumsa ittiin jalqaban kan akka
norskii (afaan biyya Norwaytti dubbatamu), barumsa
hawaasummaa, fi kan biraa keessatti qooda fudhachuu qabda.
Akeekni isaa daftee akka ati hojii argattu ykn barumsa jalqabuu
akka dandeessuuf. Kun kan inni ilaallatu waliigaltee UDI tiin
warra qubsiifamanii dha.
16

Namni waggaa 18 fi 55 gidduu ta’e hundi sagantaa kana
keessatti qooda fudhachuu ni danda’a. Sagantaan kuni waggaa
lamaaf akka sagantaa yeroo guutuutti geggeeffama. Yoo
sagantaa kana keessatti qooda fudhate deggersa dinagdee
argata. Yoo kana keessatti hin hirmaatu ta’e garuu faayidaa
deggersa horii argachiisu kaaniif iyyuu mirga hin qabdu. Hojii
qabaattee ofii kee ni dandeessa yoo ta’e sagantaa kana
keessatti hirmaachuuf hin dirqisiifamtu.
Walitti sassaabamuu maatii
Irkattummaan yoo siif keenname haadha/abbaa manaa kee, kan
hin heerumin/fuudhin ijoollee waggaa kudha saddeetii gadii asitti
ofitti sassaabbachuu ni dandeessa. Horiidhaan isaan danda’uun
si irraa hin eegamu.
17

Golgaa ykn haala namoomaa irratti kan hundaa’ee heyamni
jireenyaa yoo siif kenname, abbaa manaa kee ykn haadha
manaa kee, kan hin fuudhin ykn kan hin heerumin ijoollee kee
kan waggaa 18 gadii wajjin walitti sassaabbachuu ni dandeessa.
Garuu dinagdeen kee isaaniin sooruu danda’uu qabda. Sababa
heyama jireenyaa kan waggaa sadii ture qabduuf heyama
qubsiifamaa yoo argatte, horiin isaa hin dandeessu yoo ta’e
iyyuu maatii kee walitti sassaabachuu ni dandeessa .
Darbee darbee miseensotaa maatii warra kaanis haala addaa
keessa jiru yoo ta’e asitti offitti sassabbachuun ni heyamama.
Waraqaa kara-deemsaa
Yoo irkattumaan siif kenname waraqaa kara-deemsaa
baqattootaaf kenamu argachuuf mirga qabda. Golgaa ykn
haala namoomaa irratti kan hundaa’e heyama jireenyaatu
siif kenname jira yoo ta’e paaspoortii baqattootaaf kennamu
argachuu ni dandeessa ta’a. Kunis yoo mootummaa biyya keetii
irraa paaspoortii argachuu hin dandeessu ta’ee dha.
Fedha ofii keetiin gara biyya keetti deebi’uu
Namootni heyama jireenya kan biyy Norway qabanii haalli biyya
isaanii jijjiiramee deebi’anii galuu yoo barbaadan faayidaa warra
biyya isaaniitti deebi’aniif kennamu argachuuf UDI tti iyyachuu ni
danda’u. Faayidaan kunis tokkoo tokkoo namaaf
Kr. 15000 fi baasii kara deemsaa ti.
18

19

Utlendingsdirektoratet (UDI). Qaamaa mootummaa bakka bu’ee
iyyata baqattootaa, walitti sassaabamuu maatii, viisaa, fi
jiraattummaa ilaaluu dha. Qubsiifamaa fi madaquu warra heyama
jireenyaa argatanis ilaalchisee itti gaafatmni isaa kan UDI ti.
Postboks 8108 Dep., 0032 Oslo
Besøksadresse: Hausmannsgt. 21, Oslo
Tlf.: 23 35 15 00, faks: 23 35 15 01
Internet: www.udi.no, e-post: udi@udi.no
Utlendingsnemnda (UNE) Bulchiinsa mootummaa keessatti qaama
of danda’e ta’ee iyyata didda UDI’n kenne irratti dhihaatu kan
ilaaluu dha.
Postboks 8165 Dep., 0034 Oslo
Besøksadresse: Stenersgt. 1B, Oslo
Tlf.: 21 08 50 00, faks: 21 08 50 01
Internet: www.une.no, e-post: postmottak@une.no
Den internasjonale organisasjon for migrasjon (IOM). Dhaabbata
dhimma godaantotaa kan addunyaa. Dhaabbata hojii isaa keessaa
inni tokko warra fedha isaaniitiin biyyatti deebian gargaaruu taa’ee
dha.
Postboks 8927 Youngstorget, 0028 Oslo
Besøksadresse: Storgata 10 A, 2. etasje, Oslo. (Du kan komme
hverdager 10.00-12.00.) Tlf.: 23 10 53 22. (Du kan ringe hverdager
13.00-17.00.) Internet: www.iom.no, e-post: iomoslo@iomosl.org
FNs Høykommissær for flyktninger (UNHCR) Dhaabbatta
tokkummaa mootummoota addnyaa keessatti komishinii dhimma
baqattootaa isa ol-aanaa. Waajjirri isaa kan biyyoota Baltikii fi
Nordikii Stokolm, Swidinitti argama. Biyya Norway keessatti
NOAS wajjin hojjeta.
NOAS. Jaarmiyaa biyya Noorweytti baqattootaaf dhaabbate
Postboks 8893 Youngstorget, 0028 Oslo
Besøksadresse: Torggt. 22, Oslo
Tlf.: 22 36 56 60, fax: 22 36 56 61
Internet: www.noas.org, e-post: noas@noas.org

 

 
2. BAQATTOOTA BIYYA NORGE TTI HARKA KENNATANIIF
ODEEFFANNOO QOPHAAWE

Barulee kana kan qopheesse waldaa norskii kan dhimma baqattootaaf
dhaabbate (NOAS) dha. NOAS dhaabbata mirga dhalanamaa
tiif mormu kan motummaan harka keessaa hinqabne
yoo ta’uu baqattootaaf odeffanoo fi qarqaarsa seeraa kenna.
Barruleen kun siif, nama biyya Norge tti baqataa taa’tee harka
kennatteef odeeffannoo barbaachisaa ta’e qabattee jirti.
Waayee qabxiiwwan harmaan gaditti lafa kaawwamanii
dubisu dandeessa.
Eenyu dha baqatummaa isaa tiin eegumsa kan argatu?
Gara biyya sodaachisaa hintaanetti nama dabarsuu
Yeroo ati baqataa ta’uu dhaan iyyannoo galfattu wanni
ta’u malinni?
Ibsa mataa keetiin kennatuu fi gaaffiif deebii sii waliin
adeemsifamu ilaalchisee gorsa barbaachisaa ta’e
Dirqama icitii eeguu
Dubartoota baqattumaan eeggumsa barbaadan
Ijoollee (daa’imman)
EENYU DHA BAQATTUMMAAN DAWOO/ BAKKA QUBANNAA KAN ARGATU?
1. Dawoo / bakka qubannaa
Yoo lubbuun kee yokiin bilisummaan ati qabdu haala sodaachisaa ta’e keessa lixeera ta’aate;
yokiin sanyii/ dhaloota, amantaa fi lammummaa kee irraan kan ka’ee, akkasumas gartuu
hawaasaa fedhii adda ta’ef dhaabbate tokko keessatti miseensa ta’u kee tiin kan ka’e; yokiin
dhaabbii siyaasaa ati qabdu irraan kan ka’e tumamuu dhaaf yokiin hojjaa haala dhala namoomaa
tiin ala ta’eef saaxilamteetta yoo ta’e akka baqataatti dawoo yokiin bakka qubannaa
argachuuf mirga qabda.
Keessaawuu hordoffiin dubarttoota xiyyeeffate tokko, akkasumas fedhii jaalalaa (seeksii) irratti
ilaalcha adda ta’e qabaachuu irraan kan ka’e hordoffiin nama irra gahu tokko akka baqataatti
dawoo namaa argamsiisu nidanda’a. Hordoffiin motummaa biyya irraa dhufteen siratti adeemsifamus
ta’e namoota biraatiin, fakkeenyaaf firoota kee keessaa yokiin gartuu hidhattootaa tiin sirratti raawatame akka baqataatti dawoo si argamsiisu nidanda’a.
Yoo motummaan biyya keetii eeggumsa barbaachisaa ta’e siif gochuu danda’a ta’aate, yokiin
biyuma kee keessatti sodaa malee bakki itti jiraatu yoo jiraate, akka baqataatti dawoo ykn
bakka qubannaa argachuu hindandeessu.
2. Eegggumsa
Otumallee ati qabxiilee akka baqataatti dawoo yokiin bakka qubannaa namaaf argamsiisan
hinguuttu ta’e ‘yyuu, biyya keetti haala sodaachisaa ta’e keessa jiraachuu kee fi kana irraan kan
ka’ees eeggannoon akka siif godhamu nibarbaachisaa fi hinbarbaachifnee isaa motummaan
Norskii nixiinxala. Kana gochuuf ka’umsa waan ta’u keessaa fakkeenyaaf waraana adeemsifamaa
jiru irraan kan ka’e yokiin sababii biraa tiin yoo lubbuun kee haala sodaachisaa ta’e keessa
gale; yokiinis tumamuu fi hojjaa haala dhala namoomaa tiin ala ta’eef saaxilamuu dandeessa
yoo ta’aate.
3. Ilaalcha dhala namummaaf jiru irraan kan ka’e
Haalli yokiin rakkoon adda ta’e yoo siqunnameera ta’aate ilaalcha dhala namummaaf jiru irraan kan
ka’e heyyamni jireenyaa siif kennamu nidanda’a. Kunis fakkeenyaaf ati mataan kee yokiin daa’imni kee
dhibee baayyee ulfaataa ta’e qabdu yoo ta’aatee fii dhibee kanaafis waldhaansa barbaachisu biyya
keetti argachuu hindandeessu yoo ta’aate.
Akka baqataa tokkootti dawoon yokiin bakki qubannaa akka siif kennamu gaafachuu kan sidandeessisu
qabxii gahaa hinqabdu taanaan, yeroo feete iyyannoo kee kaasuu yokiin dhiisuu dandeessa.

4
Gara Biyya sodaachisaa hintaanetti dabarsuu
Gara biyya Norge otoo hindhufin dura biyya biraa kan siif sodaachisaa hintaane tokko
keessatti galmoofteetta yoo ta’e, fakkeenyaaf mallattoo qubaa kennuu dhaan; yokiin
ammoo biyya biraa siif sodaachisaa hintaane tokko irraa viizaa argatteete yoo ta’e,
iyyannoo baqattummaa kee ilaaluu dhaan murtee siif kennuu dhaaf ittigaafatamummaa
kan of irraa qabu biyya sana. Kanaafu gara biyya sanaatti akka deebitu taata. Kunis hunda
caala kan ilaalu biyyoolee “Waliigaltee – Dublin” keessa jiran yoo ta’u, isaniis biyyoolee
Tokummaa Aurophaa (EU) keessa jiranii fi Iceland dha.
Motummaan Norge ati biyya biraa siif sodaachisaa hintaane keessa turuu fi hinturree
kee adda baafachuuf, dhuma irras gara biyya sanaati si erguuf baatii 3 haga baatii 10 itti
fudhata. Yoo qorannoon adeemsifamu kun yeroo dheraa fudhata ta’aate, waajira dhimma
baqattootaa ilaaluu tiin, jechun (UDI)iin gaaffiif deebiin siif godhamu nidanda’a. Haa ta’u
male motummaan Norskii biyya biraa siif sodaachisaa hintaane tokkotti debisee si erguu
qabaachuu fi hinqabaannee isaa otoo adda hinbaafatiin iyyannoo baqattummaa kee siif
hinilaalu. Otoo debii eggachaa jirtuu heyyama hojii argachuu hindandeessu. Yoo gara
biyya biraatti hinergamtu ta’e iyyannoon kee biyya Norge kessatti siif ilaalama.
Yoo haadha manaa fi ijoollee wagaa 18 tii gadi ta’an biyya biraa keessaa qabda ta’aate,
biyya iyyannoon baqatummaa dursee itti dhihaate keessatti walitti makamuu dandeessu.
Yoo ati yokiin matii kee keessaa namni tokko iyyaannoo baqattummaa galafattaniif deebii
diddaa argataniitu ta’aate, walitti makamuun hindanda’amu.
YEROO BAQATAA TAATE IYYANNOO GALFATTU WANNI TA’U MALINNI?
1. Akka baqataa dawoo barbaadu tokkotti galmaawu
Akka baqataa dawoo barbaadu tokkootti kan si galmeessu polisii dha. Polisiin mallattoo
yokin ashaaraa quboota kee sirraa fuudha, akkasumas waayee eenyummaa kee fi karaa
kamiin gara biyya Norge akka dhufte ilaalchisee gaaffii siif dhiheessa. Paasportaa kee
fi waraqaa eenyummaa biroo of harkaa qabdu polisiitti kennita. Achii booda kaampii
baqattootaa yeroo duraaf keessa turuu qabdutti ergamta.
2. Qorannoo fayyaa
Guyyoolee duraa keessa fayyummaa kee ilaalchisee qorannoon siif godhama. Qorannoon
dhibee sombaa ilaalchisee godhamu baqataa hunda kan ilaalu yoo ta’u dhibolee biroo
ilaalchisee garu (fakkeenyaaf dhibee edsii fi dhibee tiruu) qorannoon kan adeemsifamu
fedhii ’ratti hundaawee ti.
3. Odeeffannoo NOAS irraa kennamu
Guyyoolee duraa keessa NOAS irraa odeeffannoon siif kennama. NOAS dhaabata motummaan
harka keessaa hinqabne, baqattootaaf odeeffannoo kennuu dhaaf, akkasumas
karaa irra isaan buusuu dhaaf jecha kan dhaabbate dha. Duraan dursa odeeffannoo filmii
dhaan qophaawe akka ilaaltu godhama. Akkasumas barruulee odeeffannoo kan afaan
(qooqa) keetiin, yokiin afaan biraa ati qajeellotti hubatuun qophawetu siif kennama.
Erga filmicha ilaaltee booda nama akka karaa siif qajeelchuuf ramadame kan afaan
kee, yokiin afaan biraa ati qajeellotti hubattu dubatu waliin marii yokiin haasawa goota.
Haasaan kun gara daqiiqaa 40 fudhachuu danda’a. Motummaa Norge tiif iyyannoo
baqattummaa kee akkaataa itti bareechite dhiheeffachuu dandeessu irratti gorsi siif
kennama. Namichi si gargaaruuf ramadame kun namni tokko biyya Norgetti akka baqataa
tokkootti dawoo yokiin bakka qubannaa argachuuf maal akka isa barbaachisu siif
ibsa. Marii yokiin haasawa kana irratti iyyannoo baqattummaa kee ilaalchisee gaaffilee
qabdu hunda dhiheeffachuuf carraa jirutti dhima bahachuuf yaalii gochuu qabda.
4. Ibsa ati mataan kee kennitu
Kampii baqattootaa keessa guyyolee xiqqo erga turtee booda biyya Norge keessatti
akka baqataa tokkootti dawoon yokiin bakki qubannaa akka sii kennamu maalif akka
gaafatte ilaalchisee mataa kee dandeesse bareeffamaan ibsa kenita. Ibsa kana kan
guuttu afaan keetiin yokiinis afaan biroo ati qajeellootti dubatuun ta’a. Waajjirri immigireeshinaa
yokiin waajjiri dhimma baqattootaa ilaalu (UDI) ibsa ati kennatte kana gara
afaan norskiitti hiikkata.
Ibsa mataa keetiin kennitu kana irratti gaaffilee harmaan gad jiran deebisuun sirraa eeggama.
Waayee mataa kee fii kan maatiiwwan kee ilaalchisee. Yoo yeroo booda maatii kee
waliin walitti dhufuu dhaaf gaaffii dhiheessuun hinhafu ta’e, dhimmi kun baayyee
barbaachisaa dha.
Maaliif biyya dhaloota kee gadhiiftee akka baate.
Maaliif biyya keetti deebi’u akka sodaatu.
Karaa baqaa fi godaansaa kee ilaalchisee. Jechuunis haala akkamiitiin gara biyya Norge
akka dhufte.
Formii ibsa eenymmaa kee iratti kennattu kana kan guuttu kaampii baqattootaa
keessatti baka teessoo UDI tti ta’a. Yoo qabata gahaa ta’e tokko qabaates warra UDI kadhachuu
dhaan foormicha fudhatee gara mana cisaa kee dhaqxee guutuu nidandeessa.
Haata’u malee formicha guyyaa dhuma sana guttee deebisuu qabda.
Baqattoonni biyyoolee tokko tokko irraa dhufan akka baqataatti dawoo yokiin bakka
qubannaa argachuuf iyyannoon galfatan daddaffiin ilaalamaaf. Kanaafuu formii ibsa
mataa ofii itti kennan kana gutuun isaan hinbarbaachisu. Biyyooleen kun isaan kam
fa’aa akka ta’an warra ”NOAS” gaafachuun baruu dandeessa.
Formii ibsa eenyummaa kee irratti guuttu namni biraa akka siif gutu gochuun
hindanda’amu.
Warri barreessuu fi dubbisuu hindandeenye formii ibssi enyummaa irratti guutamu
kana gutuun itti hinjiru.

5. Gaaffiif deebii UDI waliin taasifamu
Yeroo gabaabaa keessatti UDI gaaffiif deebii si waliin adeemsisa. UDI qaama
motummaa yoo ta’u, isatu iyyannoo baqatummaa kee ilaalee murtee kenna.
Gaaffiif deebichi gara sa’aa 4 fudhachuu danda’a. Foormii ibsa eenymmaa kee
irratti guuttee fi gaaffiif deebii si waliin taasifame irraa odeeffannoo argamu
bu’ura godhachuu dhaanis UDI akka baqataa tokkootti yokiin haala adda ta’een
dawoo yokiin bakki qubannaa sii kennamu barbaachisuu fi hinbarbaachifnee saa
murteessa.
6. Nam afaan siif hiiku
Gaaffiif deebii UDI waliin gootu irratti namni afaan hiiku kan afaan ati dubbattu
qajeellootti beeku tokko niargama. Namni afaan hiiku kun iciitii kee eeguuf dirqama
qaba. Hojiin isaas afaan hiikuu qofa. Namni afaan hiiku kun yomumaa taanaan
gartuu isa kamiifu deggersa agarsiisu hinqabu. Yoo nama afaan hiiku kana waliin
rakkina qabaatte, ennasuma nama gaaffii si gaafachaa jirutti beeksisu qabda.
Gaaffiif deebii UDI siwaliin goodhu ‘ratti ati mataan kee nama afaan sii hiiku
filachuuf mirga hinqabdu.
7. Heyyama hojii yeroo dhaaf kennamu
Yoo madaalli harmaan gaditti tuqame kun guutee argame UDI waliin gaaffiif
deebii erga fixattee booda heyyama hojii yeroo dhaaf kennamu niargata:
Umriin kan kee waggaa 18 tii oli.
Eenymmaa kee ilaalchisee shakkiin tokko ‘llee hinjiru.
Biyya biraa siif sodaachisaa hintaane tokkotti si erguun barbaachisaa akka hintaane
murtaa’e jira.
Heyyama hojii yeroo dhaaf kennamu argachuu dhaaf yoo xinaatee xinaate batii 6
fudhata.
8. Waldhaansa fayyaa
Iyyannoo keetiif deebii eeggachaa yero jirtu keessatti waldhaansa fayyaa siif barbaachisaa
ta’e tokko argachuuf mirga qabda. Ijoollee umriin isaani waggaa torbaa
gadi ta’ef waldhaansi fayyaa kaffaltii malee kennama. Warri kaan garu baasii waldhaansi
fayyaa gaafatu keessaa harka murtaa’e kaffaluu qabu. Yoo gargaarsi ogeessa
sammuun (psychologist) kennamu sii barbaachisa ta’e UDI baasii isaa akka sii
dandawu gaafachuu nidandeessa. Kana ilaalchisee kaampii keessa jiraatu keessa
warra hojjatan qunnamuu dhaan caalatti odeeffannoo argachuu dandeessa.
9. UDI irraa deebii argachuuf yeroo hagam fudhata?
Iyyannoo baqattummaa kee ilaalee xumuruu dhaaf UDI torbee murtaa’e kaasee
haga waggaa tokko itti fudhachuu nidanda’a. Yeroo ilaalchise garaa garummaan
kan uumamu qabata adda addaa irraa kan ka’eeni. Dhimmoolee tokko tokko ilaalchise
UDI qorannoo adda addaa gochuuf dirqama. Fakkeenyaaf ati gara biyya biraa siif
sodaachisaa hintaanetti ergamuu qabda moo hinqabdu gaaffii jedhu ilaalchisee.
10. Kaampii baqattootaa
Amma iyyannoon kee ilaalamee deebii argatutti kaampii baqattootaa keessa akka
jiraatu siif heyyamama. Qabata amansiisaa ta’ee irraan kan ka’e dirqiitti baaka
murtaa’e tokko jiraachuun si barbaachisa yoo ta’e ammo, dhimma kana atattamaan
kaampii keessa jiraatu sana beeksisu qabda. Fakkeenyaaf yoo fira dhiyoo qabaatta
ta’e, yokiin bakka adda ta’e tokkotti carraa hojii argatteetta yoo ta’e, yokiin fayyaa
kee ilaalchisee qabata jabaa ta’e yoo qabaate. Kophaa kiyya, dhuunfaattin jiraadha
jettees filachuu nidandeessa, garuu akkas yoo goote mirga qarqaarsa dinagdee
argachuuf qabdu dhabda.
11. Odeeffannoo haarawaa
Erga gaaffiif deebii UDI waliin gootu xumurattee booda iyyannoo baqattummaa
dhaan galfateef kan sigargaaru odeeffannoo haarawaa of harka qabda yoo ta’e, kana
atattamaan UDI quba qabaachisu qabda. Akkamitti kana gochuu akka dandeessu
baruu dhaafis hojjattoota kaampi ati keessa jiraattu keessa jiran qunnami.
12. Badii/ wanjala
Yoo badii yokiin wanjala hojatteeta ta’e iyyannoon baqattumaa dhaan galfatte
atattamaan siif ilaalama. Kuni kan ta’u akka baqataa tokkootti eegumsi siif godhaamuu
barbaachisuu fi hinbarbaachifne isaa adda baafachuu dhaan daddafii dhaan
biyyattii keessaa siin ari’uu dhaafi. Badiin yokiin wanjalli dalagame tokko gara fuula
duraattis biyya Norges ta’e biyyolee Aurophaa biro seenuu akka hindandeenye
nama godha.
13. Debii diddaa UDI irraa kennamu – Murtee akkanaa mormuun iyyannoo
galfachuuf mirga qabdu
Yoo UDI iyyannoo galfatteef deebii diddaa siif kenne, murtee kana mormuun iyyata
galfachuuf mirga qabda. Abukaattoonis akka siif dhaabbatu godhama. UDI gaaffii
kee diduu dhaan murtee dabarsu kan ergu gara abukaattoo kanaatti. Maaliif iyyannoo
keef deeebiin diddaan akka sii kenname abukaatichii siif ibsa. Yoo murtee kana
mormuun iyyannoo galfachuuf fedhii qabaatta ta’e, iyyannoo kee kana keessatti
maal akka bareessuu barbaadu abukaattoo kee waliin waliigaluu qabdu. Iyyannoon
mormii kun murtee UDI dabarsee irratti yaada kan kennu yoo ta’u, qabxii dhimma
keef barbaachisaa ta’e hunda irratti dhiheeffachu dandeessa. Mindaan abukaattoo
kanaa kan kaffalamu motummaa Norge tiin yoo ta’u kunis mindaa sa’aa 5 hincaalle
dha. Iyyannoon mormii kun torban 3 keessatti dhihaachu qaba.

 

 


14. Yommuu iyyannoon mormii kee “Utlendingsnemnda” dhaan
(UNE) ilaalamu
Iyyanoon ati murtee si’rratti darbe mormuu dhaan dhiheeffatte amma ilaalamutti
biyya Norge keessa turu nidandeessa. Garuu akka baqataa tokkootti siif eegumsa
gochuun akka hinbarbaachifne yoo UDI ifaa ta’ee itti mullate, turu hindandeessu.
Iyyannoo mormii ati dhiheeffate kan ilaalau “Utlendingsnemnda” (UNE) dha.
“UNE”n qaama motummaa kan deebii diddaa UDI kennu irratti iyyannoo mormii
baqattootaan dhihaatu ilaalu dha. “UNE”n odeeffannoo dabalataa sii ‘rraa argachuu
barbaada yoo ta’e, beellama siif qabee walgahiif si waama.
15. Deebii diddaa “UNE” irraa – dirqama biyyattii gadhiisuu
Yoo “UNE”n iyyannoo mormii ati dhiheeffate kuffise, guyyaa polisiin siif murteesse
keessatti biyyatti gadhiiftee bahuuf dirqama qabda. Yeroo baayyee polisiin haga torban
lamaa siif kenna. Yeroo kana booda biyyattii keessa jiraachuuf seeraan heyyama
hinqabdu. Kana malees kaampii baqataa keessa jiraachuufis heyyama hinqabaattu.
Biyyatti gadhiiftee bahuuf haala mijeeffachuuf dirqiitti polisii qunnamu qabda, yokiin
dhaabbata “International Organization for Migration (IOM) jedhamu qunnamu
qabda. Mataa kee dandeessee biyyatti gadhiiftee deemta yoo ta’aate ammoo, yeroo
deemtu deemu kee kaampii keessa jiraattu beeksisu qabda.
Yoo ati fedhii keen biyyatti gadhiftee hinbaatu ta’e, polisiin sifuudhee gara biyya
kee si geessa. Baasii biyyakeetti sideebisuu dhaaf bayees motummaan Norge akka
idaatti sirraa barbaada.
16. Manneewwan murtii
Debii diddaa isa dhumaa siif kenname gara mana murtii dhiheeffachuu nidandeessa.
Kana gochuu barbaada yoo ta’e ammo baasii abukaattoo fi kan mana
murtii sumatu dandahachuu qaba.
GAAFFIIF DEEBII, AKKASUMAS IBSA EENYUMMAA KEE IRRATTI
KENNATTU ILAALCHISEE GORSA BARBAACHISAA TA’E
Motummaan biyya Norge akka baqataa tokkootti eegumsa siif
gochuun barbaachisuu fi hinbarbaachifnee isaa qajeellotti ilaalee sii
murteessuu akka danda’uu odeeffanno barbaachisu dhiheessuun
ittigafatamummaa yokiin dirqama mataa keetii ti. Kan irratti gorsi nuti
siif qabnu akka harmaan gadiiti:
Maaliif Biyya kee irraa baqattee akka baatee fi maalif gara biyya keetti deebitee
deemu akka sodaatu tokko tokkoon qulqulleesii himadhu.
Motummaan Norge haala biyya kee keessa jiru ilaalchise beekumsa mataa
isaa niqaba. Kanaafu waan sirra gaheefii akkasumas yoo biyya keetti deebite
haala siqunnamuu danda’u qofaa irratti xiyyeeffadhu.
Dhugaa jiruu haga danda’ametti otoo hinmaqsiin himuuf yaali.
Himmachuu dhaaf wanni si rakkisu yokiin si saalfachisu yoo jiraate, dursa nama
akka baqattoota qarqaaruuf NOAS irraa ramadame waliin marihachuu dandeessa.
Waan hundumaa namoota motummaa Norge bakka buanitti himuun si sodaachisa
yoo ta’aate, yokiin shakki qabda yoo ta’e, duraan dursitee nama akka
baqattoota qarqaaruuf NOAS irraa ramadame waliin marihachuun baayye
barbaachisaa dha.
Ijoolee umriin isaani waggaa 18 tii gad ta’e qabattee dhufteetta yoo ta’e, haala
isaan keessa jiranii fi waan isaan irra gahee jiru himuun barbaachisaa dha.
Gaaffiif deebii si waliin ta’u irratti gaaffileen siif hingalle yoo jiraatan, namoota
gaaffiif deebicha geggeessan akka siif ibsan gaafachuun barbaachisaa dha.
Waan dhugaa ta’e himadhu. Odeeffannoon dhugaa hintaane tokko motummaan
Norge ibsa kennatte irratti shakki akka qabaatu waan godhuuf deebii
diddaa sii argamsiisu danda’a.
Waraqaa ragaa iyyannoo baqattummaa kee qarqaaru danda’u yoo of harkaa
qabda ta’e, gaafa gaaffii fi deebiin si waliin ta’u qabatte dhihaachuu qabda.
Namni Afaan siif hiku qabiyyee waraqaa ragaa kana irra jiran hikuu dhaan UDI
tti siif dhiheessa.
Dubartoota akka baqataatti eegumsi akka godhamuuf gaafatan
Dubartoonni yeroo tokko tokko haala dhiirota irraa adda ta’een hordoffiin
isaan irra gahu danda’a. Waayee akkanaa kana dhiira waliin haasawunis
dubartootaaf baayyee ulfaataa yokiin rakkisaa ta’u danda’a.
Yoo nibarbaada ta’aate akka baqattoota qarqaartu dubartii NOAS irraa ramdamte
waliin haasawuu nidandeessa. Fedhii kee kanas akka filmii odeeffannoof
qophaye ilaalte xumurteen atattamaan NOAS quba qabaachisi.
Kana malees gaaffiif deebii UDI siif godhu dubartiin akka geggeessitu gaafachu
nidandeesa. Kan gochuuf fedhi qabda taanaan warra NOAS waliin yeroo
haasoftu itti himachuu qabda.

Ijoleen si wajjin jiruu?
Namooni bayyeen ijoollee umriin isaani waggaa 18 tii gad ta’an waliin dhufu.
UDI ammo ijoollee umriin isaanii waggaa 12 ol ta’e waliin gaaffiif debii niadeemsisa.
Ijoolleen waan isaan irra gahe qooqa isaaniin himachuu danda’uun
isaani baayyee barbaachisaa ta’uu danda’a. Haala tokko tokko keessatti,
fakkeenyaaf haala warri ijoollee fi ijoolleen qixxee hordoffiif itti saaxilamanitti,
rakinichi ijoollee dhaaf baayyee cimaa ta’u danda’a. UDI karaa ijoollee wajjiin
gaaffiif deebii geggeessuu tiin hojjattoota muxannoo guddaa qaban qaba.
Gaaffiif deebiin ijoollee waliin adeemsifamu akka kan warra gurguddoo
jabaataa miti.
Ijoolleen kan kee kan umriin isaa/ ishee yokiin isaani waggaa 12 ol jiru gaaffiif
deebiin akka isaan waliin ta’u tole jetta yoo ta’e, haasawa NOAS waliin gootu
irratti yaada kee kana dirqiitti beeksifachuu qabda.
Ati umriin kan kee waggaa 18 tii gadii?
Yoo ati umriin kan kee waggaa 18 tii gad ta’e, akkasumas gara biyya Norge kan
dhufte kophaa kee yoo ta’e, jechuun abbaa fi haadha kee malee yokiin namni
biraa ittigaafatamummaa siif qabuu otoo si waliin hinjiraatiin yoo ta’e, ati mirga
adda ta’e qabda.
Kampiiwwan baqattootaa ijoollee fii dargaggoo kophaa isaani gara biyya
Norge dhufan kan tajaajilu qaama adda ta’e qabu.
Nama akka eegumsa siif godhu ramadamee jiru (afaan norskiin “verge”
jedhama) irraa qarqaarsa argatta. “Vergen” siif ramadamu kun nama guddaa
yoo ta’u fedhii kee sii gutuuf nama yaali godhu dha. Gaaffiif debii UDI si
waliin godhu irratti “Vergen” kun si waliin argama.
Kana malees abukkaattoo irraa qarqaarsa niargatta. Biyya Norge tti akka baqataa
tokkootti eegumsi akka siif godhamu iyyannoo dhiheefattu ilaalchisee
abukkaattoon kuni qarqaarsa siif godha. Akka haga harraatti godhamutti
yoo ta’e guyyaa gaaffiif debii UDI waliin qabdu dura abukkaattoo kee kana
waliin wal qunnamu qabda. Abukattichis qophii gaaffiif deebichaaf gotuu
ilaalchisee qarqaarsa siif godha. Erga sirna gaaffiif deebichaa xumurattee
boodas abukkaattoo kana qunnamu nidandeessa. Wal waliin taatanii gaaffii
deebii geggeeffame irraa deebi’tanii ilaalu dhaan waanni jedhame hundi sirri
ta’u isaa adda baafatu.
Yoo nidanda’ama ta’aate motummaan Norge abbaa fi haadha kee biyya
keetti barbaade arguu dhaaf yaalii godha.
Namoonni hedduun umrii dhaan gurguddaa ta’an akka waan umriin isaani
waggaa 18 tii gadi ta’eetti himatu. Kanas kan godhan umrii dhaan xinnaa ta’uun
akka baqataatti eegumsa argachuu dhaaf carraa guddaa qaba jedhani waan
amananiifi. Kanaaf jecha UDI yeroo baayyee umrii himame adda baafachuuf
karaa hakimaa tiin qorannoo adeemsisa. Qorannoon kun akka sirratti adeemsifamuu
barbaaduu fi hinbarbaannee kee kan murteessu si’i. Haata’u malee qorannichi
akka sirratti hinraawwatamne filatta yoo ta’e, kuni dhimma kee si jalaa laaffisa.
Yoo qorannoo raawwatameen ati umriin kan kee waggaa 18 tii ol ta’uun isaa
beekkame, akka nama guddaatti tajaajilamta. Akkasumas gara kampii baqattoota
umriin isaanii gurguddaa ta’eetti akka jijjiramtu godhama.
Dirqama icitii eeguu
Motummaan Norge, namni afaan hiiku, abukaattoon, akkasumas NOAS icitii
eeguuf dirqama seenan qabu. Kuni jechuun dhimma ati iyyannoo baqattummaa
kee keessatti ibsattee dabarsanii motummaa biyya keettis ta’e qaama
biraatti himuu hindanda’an jechuu dha. Kanaafuu sodaa tokko malee maaliif
eegumsi akka siif godhamu barbaadu tolchitee ibsachuu qabda.
Polisiin qaama baqattoota haaraa dhufan galmeessu
dha. Akkasumas baqattoota iyyannoo isaaniif deebiin
diddaa inni dhumaa kennameefii, garuu biyyattii fedhii
isaanii tiin gadhiisanii hindeemne kan biyyaa baasee
geggeessu polisii dha.

Utlendingsdirektoratet
Waajjirri dhimma baqatootaa ilaalu, jechuun waajjirri immigreesjinaa
(UDI) dhaabata motummaa yoo ta’u dalagaa isaa keessa iyyannoo baqattoonni
eegumsi akka godhamuuf dhiheeffatan ilaaluu; maatii walitti
fiduu; dhimma viizaa fi gaaffii lamummaa ilaaluu, fi kan kana fakkaatani.
Kanamalees UDI kaampii baqattootaa bulchuuf, akkasumas baqattoota
biyya Norge keessa jiraachuuf heyyama argatan qubsiisuu fi hawaasa
biyyatti keessatti gurmeessuu dhaaf ittigaafatamummaa of irraa qaba.
Sanduuqa bosxaa: 8108 Dep., 0032 Oslo
Bakki qaamaan itti dhaqan: Hausmansgt. 21, Oslo
Bilbila: 23 35 15 00
Faksii: 23 35 15 01
Interneeta:
www.udi.no , E-meiliin: udi@udi.no
Utlendingsnemnda ni (UNE) qaama motummaa, kan of-
danda’ee hojjatu tokko yoo ta’u murtee diddaa UDI kenne
irratti iyyannoo mormii dhihaatu kan ilaalu dha.
Sanduuqa bosxaa: 8165 Dep., 0034 Oslo
Bakki qaamaan itti dhaqan: Stenersgt. 1B, Oslo
Bilbila: 21 08 50 00
Faksii: 21 08 50 00
Interneeta:
www.une.no, E-meiliin: postmottak@une.no
International Organization for Migration (IOM) inni jedhamu
dhaabbata caalatti gaaffii fedhiin biyya ofiitti deebi’uu kan
tajaajilu dha.
Sanduuqa bosxaa: 89927 Youngstorget, 0028 Oslo
Bakki qaamaan itti dhaqan: Storgata 10 A, fooqii lamaffaa, Oslo
(guyyaa hundaa sa’aa 10:00 - 12:00 tti dhufuu dandeessa)
Bilbila: 23 10 53 22 (Guyyaa hundaa sa’aa 13:00 –17:00 tti
bilbiluu dandeessa)
Interneeta:
www.iom.no, E-meiliin: iomoslo@iomosl.org
Komishinara baqattootaa isa olaanaa kan mootummoota
walta’anii (UNHCR), dhaabni kun adunyaa maraa irratti baqattoota
ilaalchisee hojii raawwatamuuf kan dhaabbate qaama
motummoota walta’anii ti.
Waajjirri-naannoo “UNHCR” kan biyyolee Baltiki fi Skandinavia
ilaalu kan argamu biyya Sweden, magaala Stockholm keessa.
Biyya Norge keessatti “UNHCR”ii fi “NOAS” gamtaa dhaan hojjatu.

Sanduuqa bosxaa: 8893 Youngstorget, 0028 Oslo
Bakki qaamaan itti dhaqan: Torggt. 22, Oslo
Bilbila: 22 36 56 60 Faksii: 22 36 56 16
Interneeta:
www.noas.org, E-meiliin: noas@noas.org
Illustration/design.HORIZONTE Pachy Rodriguez