OROMIYAA
Mirkanii tokko tokko

Argama: oromiyaan, Baha Afrikaa, naannaa dalgiffoo kaabaa 4° fi 14° akkasumas Dheeriffoo bahaa 34° fi 44° gidduutti argamti.
Baldhina: walii galatti naannoo garqixa kumaan meetira 600,000(gq maayilii 231648) taha jedhama.
Haala qilleensaa: godina hoonga keessa yoo tahe iyyuu garri caalaa biyyichaa qabbna, kunis olfageenya qarqara galaanaa irraa qabuufi. Gammoojjii Kibbaa fi kibba-bahaa malee, Oromiyaan garri caalu rooba Waxabajjii, Adoolessa fi Hagayya keessa argatti. Kan hafan ammoo yeroo biraatii fii bona rooba argatu.
Teessuma lafaa: harki caalaan caasaan teessuma lafa oromiyaa fantallaa'aadha. Sululli guddichi afrikaa bahaa Oromiyaa bakka lamatti addan qooda.
Qabeenya uumaa: laggeewwan Afrikaa bahaa kan akka Hawaas,Gannaalee, Waabe shaballee, Gibee, Birbir, Daabbus, Dheedhessaa, Gudar, Jaamaa, Baaroo, Abbayaa fi kkf, bahaa fi dhiha Oromiyaa keessaa maddu.
Baayyinna: baayyinni ummata Oromoo milyoona soddomaa ol jedhama. Afrikaa keessatti baayyina namaatiin sadarkaa lammaffaa irratti argamti.
Aadaa fi Amantii: hiddi aadaa Oromoo sirna Gadaa keessaa ka'a. Amantiin ummata Oromoo Waaqeffataa, Islaamaa fi Kiristaanummaan beekkamoodha. Oromoon Waaqeffataa akka ture beekkamaadha.
Hundee fi Afaan Oromoo: hundeen isaa Afrikaadha.Ummata Afrikaa kanneen Kaabaa Kibbaa gara bahaatti argamanii fi "murna afaan Kushwaa"jedhamee beekkamutti ramadama. Oromiyaa keessatti afaan saboota akka"Abbaayawota"(Nilotic), Sidaama, Somaalee,Omotaawaa, Kafichoo, Amaaraa, Hararii, Ingiliizii fi kkf tu dubbatama.
Polotikaa: amayyuu biyya walabummaa hin qabnee, akka sabaatti deebisee of gadi dhaabuuf sochii cimaa walirraa hin cinne geggeessaa jiruudha. Gaaffiin bu'ura sochii kanaa mirga hiree ofiin murteeffachuu mirkaneeffachuudhaafi. Sochii kana keessatti dargaggoonni Oromoo gahee guddaa qabu. Akka ijaarsaatti ammoo kan duratti maqaa dhahamu dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Oromo Libration Front (OLF) beekkamaadha. ABO dabalatee mootummaan cehumsaa kan jedhamaa ture (1991-1992) keesaatti dhaabbonni Oromoo shan qooda fudhachuun ni yaadatama. Ammas maqaa yeroo san qabaniin socho'aa jiru. Sochii kana waaltessuuf carraaqqii adda addaatu godhamaa jira.
Diinagdee: Afrikaa keessaa qabeenya beeyladaatii isa guddicha. Loon, Horii kottee, Horkoolaa( kan akka Hindaaqqoo ykn Lukkuu faa) horsiisan. Jireenyi ummata Oromoo garri caalu qonnaa fi horsiisa Loonii irratti hundaaya.
Albuuda: Oromiyaan qabeenya Albuudaa heedduu qabdi. Haga yoonaa kan baraman keessaa akka fakkeenyaatti maqaa dhahuudhaaf, Kililchoota akka Warqee, Pilaatiiniyeemii, Sibiila, Kililchoota bu'uree fi shafii, Albuuda aangoo akka fuura kalub, danfa lafaa, cilee lafaa(lignie and coal), Oil shale fi kan kililchoo hin taane,.......kkf dha. Garri caalaan albuudota kanaa hin bolqamne kan bolqamanis guddina Oromiyaatiif hin oolle.
Turiizimii: Oromiyaan qabeenya riphaa homishaala turizimii guddaa qabdi. Kan daawwiif dinqisiisoo tahan keessaa: Sulula dhoowaa fi Haroowwan isaa, Paarkii Hawaas, Paarkii Diinshoo(Baale), Baddaa baalee fi harargee, Holqa Soof-umar(Baalee) , Amboo (bishaan albuudaa), Jibaatii, Maccaa, Walisoo, Wandoo Gannat Soodaree fi Bokkuu; akkasumas binoo dinqisiifamoo faatu kanneen waliin argama.
Ayyaana: Sirna Gadaatiif herregii yeroo baayyee barbaachisaadha. Namni ayyana herreguu Ayyaantuu jedhama.Ayyaanni Oromoo marsaa baatii irratti hundaawa. Ji'a tokko keessa akka guyyaa soddomaa jira. Waggaa tokko keessa ji'oota kudha lamatu jira. Oromoon guyyaa ji'aa tokko tokkoon isaaniitiif maqaa qaba ture. Kanaaf maqaan guyyaa bakka bakkatti adda. Ayyaana torbaanitti marsuun erga gargar faca'ee kan alaa itti dhufe fakkaata. Kun ammoo ilaalcha uumaa inni qabu kanneen biraa irraa adda godha
Biyyaa
Oromoo

Naannoon Oromoon irra jiraatu lafa bal'aa ganfa Afrikaa keessatti arkamu irraa lafa ummnni tokko dhawaatan bara dheeraf irra jiraate, jiraatu biyya saa ta'ee beekkama. Lafti tun maqaa ummanni sun baasuufiin yaamama. Yooka maqaa ummata sanirra maddeen bahaaf, maqaan biyya Oromoos dhugaa kanarraa osoo hin maqin kan bahefi. Seena barreeysitootni hedduun daga Oromootni irra jiraatan biyya Oromoo, ykn lafa Oromoo (Oromoo land) jedhanii barreeyssan Amaarri ammoo Biyya Gaallaa (ye gallaa agar)jedhee yaama. Namoota Awuroopa kan biyya keenya sababa adda addaan dhufanii seena barreeyssan keessaa J.luwis Kiraaf namni jedhamu maqaa biyya Oromoo akkanatti akeeke. lafa Oromoon irra jiraatu"ORMANIA" haa jennuun jedhe. Oromoon bara dheeraaf daga irra jiraatu biyya koo jedhee yaama malee maqaa adda akaa arr'aatti baasuufiin hin beekkamne.Sochiin bilisummaa fii sab-boonummaan Oromoo akka guddataa fii cimaa dhufeen ar'a maqaan biyya Oromoo OROMIYAA jedhamee beekkama. Oromiyaan maqaa biyya Oromooti.
Oromiyaan Ardii afrikaa keessa godina Kaaba Bahaatti argamti. Maappii irratti gara Kaabaati digrii 2 fii 12, gara Bahaatii digrii 34 fii 44 giddutti argamti. Har'a biyyootni ollaa Oromiyaa karaa Bahaa Jabuutii fii Sumaaliyaa, Kibbaan Sumaaliyaafii Keeniyaa, Dhihaan Suudaani kaabaan biyya habashaa(Amaara fii tigree) dha. Sabootni Oromiyaa daangeessan bahaan Affaarfii Sumalee, kibbaan Sumaalee fii saboota Keeniyaa keessaa, dhihaan saboota Kuush bahaa (kan akka walaaytaa, Sidaamaa,Hadiyyaa, majangir Komoo, Shanqillaa, kkf...) karaa kaabaatiin saba Amaaraaf tigreedha.
Bal'inni lafa Oromiyaa kiloo metrii karee 600,000(kuma dhibba jaha) ni caala.karaa bal'ina lafaatiin biyyoota 50 Afrikaa jiran keessaa biyyoota 17 qofaatuOromiyaa caala. Biyyoonni 33 ammoo Oromiyaa gadi. Biyyoota Awuroopaa keessa bal'ina lafaatiin guddaadha jedhamee kan faarfamtu faransaayiin illeen Oromiyyaa hin caaltu. Bal'inni lafa Kuuba,Bulgaaryaa,Xaliyaan fii Ingliz yoo walitti dabalaman hamma Oromiyyaa hin gayan. Oromiyaatu isaan caala jechuudha.
Oromiyyan keenya uumaa adda addaatiin kan badhaate dha. badhaadhina ummataatiin Oromiyaan biyyoota ollaa isaa keessa hirryyaa hin qabu. kanaas tokko tokkoon asii gaditti laalla.
Haala qilleensa Oromiyaa
Qilleensi Oromiyaa hedduu kan gubu ykn qabbanaawuumiti. Ho'a ggiddu galeessaa qaba. Kanaaf jireenya namaatiif, beeyladaa adda addaa horsiisuuf, akkasumas midhaan gosa kumaan lakkawaman magarsuuf kan of kanne. Akkaatan qilleensa Oromiyaa waqxii afuritti qoodama. Birraa, Arfaasaa, Bona fii Ganna jedhaman. Yaroo beekkamaa itti dhufan qabuu. Bakka gariitti bokkaan walakka waaggaa rooba. Naannoo gariitti immoo ji'a sagal rooba.Oromiyaa keessa naannoon bokkaa yaroo dheeraa fii argatu Goreedha. Bakki bokkaa akka gaaritti hin arkatu jedhamulleen yoo xiqqaate ji'a afuriif rooba ni arkata.
Horii hormaata Oromiyaa
Oromiyan biyya baayyee badhaadhaafii quufaadha. Kuniis Oromiyaan horii adda addaa fii bineensoota gosa gara garaa horsiisuuf, akkasumas midhaan adda addaa magarsiisuuf kennataa waa taheefi. Beeyladaa (bineensoota manaa) Oromiyaa keessatti horan keessa loon, ra'ee, hoolaa, Gaangee, farda, harree, gaala fii lukkuu faadha.
Midhaan gosa adda addaa mayran ammoo, Bishingaa, Xaafii, boqqolloo, qamadii, garbuu, daagujjaa, atara, daangullee, shumburaa, baaqilaa, misira, oshongoree, dinnichaa, mixaaxis, ancootee, nuugii, talbaa, raafuu, suufii, jbrii, muuza ,shankoora, burtukaana, xuuxxoo, anbaa, rummaana, kuuki fii wkf heeduu kan badhaafamte. Buna magarsuutiin Oromiyaan biyya lafaa keessa warra akka Ugaandaa, Angoolaa fii Chiilii wajji hiriyyaadha. Bunni midhaan gatiin saa jabaa waan taheeheef alatti bahee gurguramuun horii hedduu galcha. Kana malees mukaa laastikaa, sha'ifii jibrii ni magarsa. Ar'allee qonnaan shaa'ii Iluu Abbaa Booraa, Goree,Gumaroo jedhamutti ni arkam. Mukni laastikaas kan Xaliyaanin dhaabe. Iluu Abba boor keessa Soorri fii Gabbaa bakka Bachoo jedhamtutti arkama.
Oromiyaan bosona hedduu bal'aa qabaachuutiin beekmaadha. Bosona kana keessa mukkeen gatii qaban kan akka Hoomii, waddeessa, gaattiraa, qaraaroo, ejersa, somboo, unuunuu, buttujjii, baddeessa, leemaana fii kan kana fakkaataniitu arkama. Daggala Oromiyaa keessa bineessa akka arbaa, leenca, qeereensa, saattawaa, wareessa, Gafarsa, Harre diidoo, Gadamsa, Qorkee, jeeddalloo, waraabeessa,....ta'an if keessatti hammatee jira. Akkasumatti bineessoota biyyoota biraa keessatti hin arkamne kan akka Niyaalaa fii Saalaatu Oromiyaa keessatti arkama. Shibrroolle gosa adda addaa, kanneen bareedinaan adunyaa keessatti hiriyya hin qabneetu Oromiyaa keessatti arkama. Bineensawwan kun daawwattoota hedduu harkisuudhaan madda qabeenya biyya keenyaati.
Dachiin Oromiyaa sibiilaafi albuuda gatii jaba qaban heddu hammttee qabdi. Isaaniis: Ziqaya(warqee) plaatiiniyumii, salfaarii,sibiila gurraacha,silveri soogidda fii kknPeetroolliniis akka arkamu qormaataan irra gahamee jira.
Laggeen, gaarreeniifii haroowwan Oromiyaa
A. laggeen:
1. Laggeen hedduun har'a kibba -bahh afrikaa keessatti arkaman keessa irra guddaan Oromiyaa keessa maddu. Isaan keessa lageen gurgudda hamma tokko haa laalluu. Abbayya(murmur) haroo xaanaa irraa ka'ee, biyya Oromoo keessa dabree Suudaan seena. Eega Suudaan seene booda Naayil gurraacha jedhamee waamama. Kartuumitti naayil adii wajjiin walittidabalamee Masrii(Giphxii) seena. Masri keessa dabree garba Mediteraniyatti dabalama. Lagni Naayil kun guddinaaniis ta'ee dheerinaan addunyaa keessatti beekkamaadha. Osoo layni kun hin jiraanne, jireenyi saba Suudaanifi Masrii akka hin danda'amne beekkamaadha.
2. Laga awaash: Layni kun handhuura Oromiyaa jibaatiifii Maccaa keessa maddahumna elektrikii uumuudhaan industrii sukkaraa danda'ee qonna jibrii gabbisee hundee dinagdee jabaa tahee jira. Gara bahaatti yaa'ee Haroo Aabbee seenee dabree ciracha keessatti liqinfamee hafa.
3. laggeen waabfii Gannaalee: Oromiyaa keessa maddu. Laggeen xixiqqoo heddu ifitti dabalanii biyya Oromoo gad-dhiisuudhaan Somaalee seenu. Biyya Somaaleef keessattuu layni waabee madda jireenyaa tahee argaman. 4. Laga Baaroo: Iluu Abba boor, keessa Sooriifi Gabba keessaa maddee, Wallagga keessa ammoo warra akka qeexoo, Birbir ifitti dabalee gara biyya Suudaanitti yaa'a. Suudaan keessatti Naayli adiitti dabalama. Dooniin kan irra sosaohuu dandeessuudha.
5. dhidheessa: Iluu Abba boor, Buunoo Beddllee keessaa madda.Wallagga keessatti Angarii wajjiin walitti dabalamnii Abbayytti galu.
B. Gaarreen
Gareen gurguddaa Oromiyaa keessatti argaaman, bakka isaan itti argamanfi dheerina hojjaa isaanii wajjiin kanaa gaditti tarrifna.
Maqaa gaaraafi bakkaafi hojjaa (dheerina)
c. Haroowwan Oromiyaa
Oromiyaa keessaa burqaa diinagdeefi gammachuu kan tahan harawwan hedduutu jira. Isaaniis.-
Abbayya, shaalaa, bishooftuu, caamoo, hayiq, qooqaa, laangannoo, laaqii danbal(ziwaay), horafi maayyaa faadha.
Haroowwan kun jireenya qurxummiitiif waan tolaniif karaa nyaata utuba gartokkootahuu dandayu. Daawwattoota (imaltoota) alagaa baay’ee ofitti harkisu. Kan malees horrii gubaan (xaballi) bakka heddutti argamu. Horri albuudaa qaban baay’eeniis bakka heddutti argamu. Qorichummaas qabu jedhamanii waan amanamaniif namoota hedduutu dhaqee cuuphata.
Eegaa Oromiyaan qabeenya uumamaan badhatuudha. Qabeenyaan uumamaa kun akka tahuttiifi akka fedhii Oromoota guututti hojiirra hin’oolle, har’a mootummaan koloneeyfataa Toophiyaatu irkoo dinagdee godhatee jira. Qabeenyi kun beekumsa (qarooma) baraan hojiirra hin’oolle. Wanti qoratamnii argamuu malan hedduu tahu. Kanaaf, dagaagina hegereetiif kan abdii guddaa qabuudha.
Walqunnamtiifi Industrii Oromiyaa
Mootummaan koloneeffataa Amaaraa, alagaa waan taheef sagantaa dagaagina Industriifi wallqunnama kan kurfeessuuf jireenya Oromoo wayyeessuuf utuu hintaanee, sirna saamiinsaafi cunqursaa isaa qofa jabeeyfachuufi mootummaan Toophiyaa ofii saatiifuu harka lafa jalaatiin Imperiyaalistootaan waan qajeelfamuuf sagantaa ijaarsa Industrii adda addaatiifi walqunnama ijaaruun dantaa Impeeriyaalistootaa guutuufi, kan kanarraa ka’e Oromiyaan dagaagina Industrii adda addaatiif mijjaawaa tahee osoo jiruu, industrii akka gaaritti keessatti hinbabal’anne. Isaan jiran keessaa hanga tokko bakka isaan itti argamanii wajjiin kanaa gaditti hamma tokko ilaalla.
Kanneen malees Industroonni adda addaa hedduutu argama. Oromiyaan biyya albuudaa heeddu, dandeetti humna Eleektrikii guddaafi dachii qonnaa mijjaawu bal’aa waan qabuuf, indutriidhaan kana caalaa bal’achuuf carraa guddaa qaba. Dagaaginni akkasii argamee dhimma ummataa bal’aaf oluu kan dandayu mootummaan ummata Oromoo yoo dhalatte qofa. Karaa walqunnamaa yoo laalle, Oromiyaan hedduu ofdura hintarkaanfanne. Haatahuu malee, magaalaa Finfinneefi Jabuuti kan walqunnamsiisu karaa hadiidaa, dheerinni isaa kiloo meetrii 781 tahee ni jira. Akkasumas magaalaa Asabiifi Finfinnee kan walqunnamsiisu karaan asfaaltiis diriireera. Dirree Dawaafi Jabuuti jiddus karaan hadiida ni jira, Finfinneefi Dirree Dawaa kan walqunnamsiisu karaan hadiidaa nijira. Karaan asfaaltii gara biraan Finfinneerraa ka’ee Moyyaalee, biyya Keeniyaarraa ka’ee Ilu Abba Boor keessa huulluuqee Gambeellaa dhaqqaba. Karaa kaan gara kibbaatti dhiisee karaan gara biraa ammoo, Wallagga keessa hulluuqee timjii Suudaaniin tuqa. Karaan yeroo bonaa adeemsisan kan adda adda, Oromiyaa keessatti niargamu. Magaalawwan Oromikyaa keessa jiran gurguddaan karaa xayyaaraatiin walqunnamuu dandaya. Dirreen xayyaaraa Finfinneefi Dirree Dawaatti argaman xayyaaroota biyya keenyaa bira dabranii, kan biyya alaa keessummeessuuf dandeeytii niqabu. Oromiyaan gara lixaa keessaa magaalaan Jimmaa dirree xayyaaraa guddaa qabaachuun beekamaadha. Akkasumas magaalawwan Oromiyaa tokko tokko walqunnama bilbilaa (silkii) niqaban. Haatahuu ammoo, akkaataa walqunnamtii kanaa wayyeessuuf dalagaan nu eegaa jirtu baay’ee guddoodha.
Oromiyaa
(from Billiqa, a book of Oromo poetry by Oromo poet Xaahaa Alii Abdii -
T.A.Abdi)
Gamasiin Suudaan kaaniin Ogadeeniya
Hiriyaa Walaaytaa Sidaamaa Hadiyyaa
Kibbaadhaan Keeniyaa bariin Soomaliyaa
Jabuut fuullee kee ollaa Affariyaa
Toophiyaa miil jalee biyya too Oromiyaa
Ibsaan siif billiqee warraaqsa hurriyaa
Sadoo nafa keetii magaalaa baadiyyaa
Tuuta tiksee burqii hiriirsi waardiyaa
Araddaa boqqoolloo daggala bunneenii
Baddaa midhaan dansaa raaree dheeda loonii
Bosona bineensaa hurruma gammoojjii
Gaarreen malkaa haroo hunduu walii wajji
Waabee laga gamaa gamatti dhawwaaqu
Baaroo gubbaa kaadhee Oomotti burraaqu
Dhidheessaa Aqaaqii gooha caqafadhu
Awaashi Abbayya maqee odeeyfadhu
Xaanaa daangaa jidduu deemee iyyaafadhu
Dhiha barii labsee yaamee dhageeffadhu
Bokkaa kee qaafadhee caama qaqqaamadhu
Asii achi taree bifa tee daaw'achu
Si dhiheeysee hinquufu lammiis dharraa hin bahu
Hawwii tee dhalli kee dhugaan fiixa gahuu
Tumsaa waliif galteen gabroomsaa arihuu
Oromiyaa warraaqi ibsaan kee haa bobahuu