BOQANNOO SADAFFAA FUULA SADAFFAA.
MOOTUMMAA DARGIITIIFII , QABSOO BILISUMMAA.! SOWRAA II. Barri Bara 1975-76.
Oromoonni Bara 1963-64 keessa Sumaaleen Hidhannoo dhoogannaan , Manaafii Matiin dhumee, Manni gubatee, Harka qullaa hoongootiin maal godhuuf Biyyatti galja jedhanii Somaaleetti hafan keessaa namoonni hagoon Hidhannoo argatanii Biyyatti deebi;an.hedduminnaan nama dhibba(100) hincaalan.Biyya irraa eega bahan turanii jiran. wanni martuu jijjiirame. Gandi duraan beekan achi hinjiru.Manni isaan duraan beekan gubatee, Manni biraa waan ijaarameef, Manuma isaaniituu hinbeekan.Ijoolleen xixiqqoon biraa deeman gariin dhuman . ka jiru guddate. Ilma ufiituu yoo itti dhufan hinbeekan. Oorruun qonnaa ta duraan beekan gubatte.jijjirama qabeennaatiifii Lafaa kana irraa kan ka’een, wanni martuu isaanitti haarawa.Sababaa kanaaf, eega naannawa qa’ee isaanii gahanillee namatti mul;atuu sodaatanii Firii Mukaa waan akka Daboobessaa faa sukkuumataa torbaan hedduuf jiraa taa turan.Booda-rratti,suutuma suutaan namatti dhihaatanii eennumaa isaanii beeysisan suutuma -suutaan ummata keessa seenan.Gara Mootummaa irraa uf dhoosanii jiran.Ummanni garuu nama isaa, ka isaaf Hidhate fuudhee Mootummaatti saaxiluu hinfedhu.Haatahuu malee,Humna laaftuu Diina namatti kakaaftee yoo balaan tokko dhufe ta isiitii qilee seentee dhokattu hinfedhan. Humna jajjaba Diina rukutuu dandahu osoo argatanii gammachuu isaaniiti.Hamileen ummataa jajjaba. waan Bara 1963 irraa haga Bara 1969 jiduutti tahe san, yaadatanii Hamilee hincabne.Namoonni hagoon Hidhannoon deeman kun, Hamileen Ummataa ka isaan booharse tahuu hubannaan Halkan namatti mul’atanii Guyyaa dhokataan jiraataa jireenna isaanii suutuma -suutaan Umatta Naannawa sanii mara hubachiisaa turan .Maayyii irratti bakka-bakkatti walqoodanii socho’aa ummataan walfudhatan.! Ummanni Biyyaa ka naannawa jarri keessa socho’an san keessa qubatan akkana jedhanii jara gorsan. Naannawa kana keessa jiraatuu keessan nuti Diinatti isin inhimnu, qaamni keessanillee lallaafoo tahuu keessan argisiisa.kanaafuu, yoo ka Humna jajjaba qabaatuu keessanitti abdattan, jireenna keessan isinummaan Gabroomfattuu Dargii tanatti argisiisaatii achi booda nulleen (Ummanni) eennummaa keessan abdatuu dandeennaa,yoo kana hintaane, Qawee keessan dhooyfadhaa taa’aa jiraadhaa. haga guyyaan biraa dhufuu, jedhanii jaratti dubbatan.Namoota kanallee dirqamni itti dhagahame,akka eegasii himanitti.Cal’isanii taa’uullee hinbarbaadan Aarri Biyyaa Bahaniif ka Bara dheeraa Biyya Nyaapaa keessa jiraataniif.karaa lamaaniinuu dubbiin jajjaba taatee argamte.irraa maayyii, akkana murteeffane jedhan, eega Biyyatti uf mul’isanii nama waliin haasahuu jalqaban booda.Wanni waggaa dheeraa booda, eega firoota keennaan waldaganne, Hidhannee deebineef Biyya teenna Bilisoomsuufi, kanaafuu,akka Ummanni keennallee guutuutti sodaa tokkoon malee ufitti nuqabee nu ammatu godhuuf, Humna Waraana Gabroomfattuu Dargii keessaa bakka jajjaba laallee murannoo jajjabaan rukutuu qabna.yoo dhumnes numartuu bakkuma takkatti haadhumnuu, waliin jenne jedhan. Achi maayyii, Dirreen kunoo, Fardi kunoo akkuma jedhan san bakka Naannawa san keessaa Humni Mootummaa Gabroomfattuu Dargii itti Maandheffatte filatanii rukutuu, Murannoo qaban Ummata Naannawaatti argisiisanii gammachiisuu,guutuutti uf fudhachiisuu fii Humna Diinaa Barbadeessanii waan Hidhatanii dhufaniif hujii irra oolchu yaada jedhuun bakka yaroo duraatiif rukutamuu qabdu filatan.! Bulchaa Beeltoo keessatti Magaalaan Kurkurruu bakka maraaf Waltajiidha.kanaaf jecha,Mootummaan Dargii Maandhee Humna Waraanaa guddaa fii jajjaba tahuun beekame achitti Maandheffattee turte. qunnamtiin Maandhee Kurkurruu bakka hedutti ijaajjaa turte. Hararitti gama bahuuf kaluudha.Waraanni Gindhiiriin jirullee akka Golgaatti abdata. kanaafuu, yoo ka fudhatamaafii abdii fuul-duraa ka Ummata irraa argatuu barbaadan tahe, Humna Waraana Kurkurruu cabsuu waan taheef,Humna san cabsuuf qophaawan.kanaan dura eega Biyya seenan takkaa Rasaasa tokko hin aarsine.ka itti murteeffatan kun Lola tokkoffaa tahuudhaaf jiraata. Biyya keessa seenuun isaaniillee kanumaan labsamee bakka mara dhaqqabuuf jiraata. Guyyaan murteeffatan hindhihaate.dadhabbiillee baafatan.Qaamnis jajjabaate.Galgala tokko Halkan jala-Bultii dhaqanii bakka rukutamuun irra jiru jalatti ufqopheessan. Bariisaa didimmisa keessa yaroo duraatiif Waraana Dargiitti Lola baqaysan.Lolli hinfiniine.Waraanni Dargii eennuun waliin akka Lolaa jiruu hinbeeku.Balaan Didimmisa Bariisaa keessa itti buute.Ummanni Biyyaa ka Naannawa san qubatu hirribaa ka’ ee Gigiiysaa Rasaasaatiifii, Bonbii dhageeffata.Aduun baatee yaroo waareedhaa gabayaan Lola addaan galtee jirti. Irra hedduun Waraana Dargii achitti dhume.hagni gabaabaan baraarugaan waliin gara deemu osoo inhubatin, Waabee tarkaanfatee Hararitti gama bahe. Gariin ammoo baraarugaan Biyya keessa faca’an.Magaalaa Gindhiir gahuuf yoo Makiinaan hintahin,Miilaan karaa dheeraadha. Ummata jalaallee dhokatanii deemuun hinmijjaahu.Ummanni ammoo, ka duraan rakkisanii Afaan Qawweetiin Bulchaa turan waan taheef, firummaan nadhooysii karaa nadabarsi jedhanii kadhatan guyyama takkaan hindhalattu. kuni Afaan Amaaraati. Way inee, Gudee zaaree Fallaa jedhanii mitii ree duraanuu. Gudiin isaanii guyyaa san dhalate. Maandheen Kurkurruu hinonte. Ummanni Naannawa sanii Aduu Bilisummaa takka jedhee jalqabe.Hamileen Ummataa daran jajjabaatte. Ummata Naannawa saniitiifii, Loltuun Bilisummaa Haadhaaf Kurree tahan. Oduun bakka maratti facaate. Ummanni Biyyaa Humna Loltoonni kun qaban caalaatti olfuudhanii oduu waljalaa dabarsan.Fandhaartuun Humna Waraana Dargii ta kufaa, ka’aa akka taate -taatee Magaalota adda-addaa seente.Baraaruguma isaan mudate odeessan. kuni martuu walitti dabalamee, Tarkaanffii fuul-duraa ka Loltoota san eeggatu maraaf karaa haqe. Caalaatti Naannawa Haarawa keessa seenan. Karaa Gindhiiriifii Gooroo tiinillee Humnuma akkasii argisiisan. Humni Waraana Dargii Birgeenni jajjabni tokko Kaluu Magaalaa Gooroo Maandheffataa ture.Karaan Magaalaa Muummittii Baalee Goobba irraa dhufu, Magaalaa Roobee keessa bahee, Magaalaa Gooroo tiin Goda Soof Umar hulluuqee Magaalaa Gindhiir seena. Karaan kun guutuutti dhuunfaa SOWRAA keessa seene.Konkolaataan Humna Waraana Gabroomfataa Daaraa tahuu jalqabe.Geejjibni Ummataa tokkollee hingubanne.Ummanni caalaatti isaan dinqisiifatee ammatuun, jaratti dablamee waliin qabsaahuuf hawwuu jalqabe.Dargaggoon Oromoo bakka maraa qophaahee itti makamuuf Miila tokkoon dhaabataa ture.Biyya keessa shaanfulli Gabayaa Darraate fakkaata. Namni bakka jiru maraa waanuma kanaa malee, waan biraa hinhaasahu. Barattoonni Oromoollee Barmoota kutanii deemuuf gammachuun qaban kabiraati. Walii-galatti, Oromoon kaluufii naannawa socho’a sanii keessa qubatu, akkuma jirutti mataa ol qabate.Diinni Oromoo martuu akka Daraaraa Aduun itti baateetti Guyyaa-Guyyaan Fuulli jaraa qaamayaa dhufe.! Bara san keessa Bulchaan kutaa Baalee Hayla-Maaram Leencoo ture. Itti Aanaan isaa Magarsaa Barii ture.Barri isaa Bara 1976 keessa. jarri kun lamaan Socho’a deemaa jiru hubatuudhaan, shaanfulaafii Gammachuu Fuula Oromoo irraa calanqisu hubannaan, Humna Bilisa Baaftuu Oromoo SOOWRAA waliin qunnamuu eegalan. akka odeeffamaa turetti,yaroo tokko Hayla-Maaram Leencoo Hoggaanaa SOWRAA waliin bakka qunnametti waan afatanii irra taa’an Lafa afate, Qabsaawaan inni bira dhaqe Hayla Maaram- Leencootiin akkana jedhe jedhan. Ani Biyya tiyya Bilisoomsuuf waan qabsaawaa jiruuf Biyyee Biyya tiyyaa irra taa;uu filadha jedhee Hayla-Maaram Leencootti hime jedhama. Akka hiree tahee yaroon Muuda Dirree-Shek Huseen kalaahe.Dirreen-Sheek Huseen bakka Oromoon Baatii jaha-jahaan itti walitti qabamee Muuda Muudee wal eebbisee addaan galu.Oromoota yoo xiqqaate Kuma Kudhaniin lakkaawamutu achitti walitti qabama.Hayyoonni Oromoo Jaarsotiin Biyyaa Bebbeekamooon martuu achitti walqunnaman. Finfinneeffii Magaalota Biraa, ka akka Goobbaafii Gindhiir irrallee Namoonni Xayyuuraan achi dhaqan. Xayyuurri Guyyaatti yaroo Lama yookaa yaroo sadhii achitti buufata.kanaaf jecha, Humni Waraana Habashaa yaroo Hayla-Sillaassee irraa jalqabee Xayyuura kana eeguufii, akkasuma Ummata Oromoo ka Kumaatamaan achitti walqunnamu san toohatuuf jecha, Waraanni Itoopiyaa takkaa achi irraa hafee hinbeeku. Salphinni lammataa ka akka gaafa Lola Kurkurruu Gudee Fallaa mata-mataan isa jechisiise, har;a ammoo guutumatti. Gudaachin Fallaa isa jechisiise. Sababaan isaallee akka armaa gaditti jiru kana. akkuma kanaa olitti ibse.Loltuun Bilisummaa Oromoo SOOWRAAN karaa Makiinaa dhuunfattee jirti.akka Humni Waraana Dargii Dirree-Sheek Huseen dhaquuf qophaahe dhageennaan, SOOWRAAN karaa Makiinaa ka Diree dhaqu Bombii Makiinaa Barbadeessu awwaalte jedhamee odeeffamaa ture.Waraanni Dargiillee, akka karaan Bombiin hidhame dhageette.SOOWRAAlleen Muuda dhufuu heddi jedhamee odeeffamaa ture.Namoonni Oromoo hedduun ka Sochii Oromoo kana dhagahanii, Loltoota Bilisummaa kana Ija isaaniitiin hinarginillee Bakka Muudaatti Loltoota arguuf hawwiin eegaa jiran. Guyyaan Muudaa hinkalaahe.Oromoon bakka hundaa gara Dirree deemuu jalqabe.Waraanni Dargiillee yaroma san deemuu qaba. Haatahuu malee, Bombiin awwaalamuu dhageennaan deemuu sodaate.yoo bakka Oromoonni walitti dhufan san irraa hafe,waan takkaa achi-rraa hafee hinbeeyneef , marroo tana Waraanni Gabroomfataa SOOWRAA sodaatee hafe jedhama. Cal’isee deemuudhaaf ammoo, yoo Makiinaan Waraanaa gubate Oromoonni bakka hundaa dhufan kun martuu oduu kana fudhatanii waan galaniif Hafuurri Sochii bakka hindhaqqabin hunda dhaqqabuuf jiraata.kanaafuu, malli wahii tokko godhamee Waraanni Mootummaa achitti argamee Nagaya Xayyuuraatiifii, ka Namootaallee eeguu qaba yaada jedhuun Manguddoon Oromoo dubbii kana keessa galanii fala tokko akka fidaniif, gaafate.Warri SOOWRAAllee, marroo tana nutu achitti argama malee, Waraanni Gabroomfataa achi dhufuu hinqabu jedhanii dhaadatan jedhama. Booda-rratti, Hoggaantonni Waraana Dargii Manguddoo Oromoo filtee akka jidduu deemanii furmaata rakkoo kanaa argamsiisan ergite.Jaarsotiin filaman, jidduu Waraana lamaanii deddeebi’anii haasawa eegalan.Maal akka jedhanii murtii irra gahan qabatamaan namni dhagahe hinjiru.Haatahuu malee, wanni himamaa ture, Dirreen-Sheek Huseen bakka kabajaa qabdu waan taateef, Dhiiyni Namaa irratti hindangala’u,Waraanni Mootummaalee dirqama ajajaatiin waan deemuuf achitti argamuu qaba. kanaafuu, Bombiin yoo ka awwaalamte tahe, haakaafamtuu Waraanni SOOWRAAllee achitti akka argamuu dandahu. garuu, yaroo adda-addaa keessa tahuu qaba.yaroon isaallee,Waraanni Mootummaa Guyyaa qofa akka Ummata keessa deemu.yoo Aduun lixxe, Waraanni Mootummaa Buufata isaatti deebi’ee Daangaa kennameef bira akka hintarre. Waraanni Soowraallee Daangaa kennameef bira akka hintarre jedhanii murtii saniin gama lamaanuu waltaasisan jedhama.Murtii Manguddoo Oromoo kanaan Waraanni Mootummaa Dirree dhufe.Soowraalleen achitti argamte.Xayyuurillee hinbu’e.Magarsaa Bariillee xayyuuraan achi dhufee ture.Magarsaa Barii Ummata Oromoo ka achitti walitti qabameen akkana jedhe jedhan. Waan guyyaa argitan duraanuu beeytan,Wanni Halkan argitan sun ammoo isinuma, hinsodaatinaa Muuda keessan fixaa nagayaan galaa jedhee lallabaa ture jedhan.!! Akkuma jedhametti, osoo rakkinni tokko hin argamin, akkasuma, osoo Dhiiyni Oromoota kumaatamaan lakkaawamanii achitti argaman sanii tokkollee hindhagala’in, nagayaan bakka irraa dhufanitti addaan galan.akka Seenaan kun nuargisiisutti,Bilisa Baaftuun, Soowraan Oromoo sun, akka Dhiiyni Oromootaa akka maleen bilaashtti hindhangalaaneef, Dirqama baadhatanii, mararfattoollee Ummataaf qabaatuu isaanii mul’isa. (... They are very concern, and carry responsibility to avoid any un necessary Blood shed may occur to Oromo people, properly.) Oromoonni Dirreetti walitti dhufan sun martuu oduu kana qabatanii addaan galan. Waraanni Dargiillee hingale.Sooraan Oromoo sun, eega Biyyatti galte irraa jalqabee haga walgahii Muudaa sanitti, namoota ciccimoo muuxannoo adda-addaa qaban hagoo malee, akka Ummanni heddumminnaan itti makamu hinbarbaadan turan.Ummanni ammoo dhangala’ee itti makamuu fedha.Muuda booda, akka namni qabsoo Bilisummaatiif fedhii qabu bal’innaan guutumatti akka ufqopheessee jaratti makamuu dandahu labsite. Dargaggeessi Oromoo ka Muuda Dirree dhufe achumatti uf kenne.eegasii bakka maraa namni akka galaanaatti dhangala’ee dhufe. Ummanni Oromoo ka Mootummaa Dargiitiin ukkaamamee, waan ufgodhu wallaalee jiraataa ture, Hidhannoo yoo argate deebi’ee Loluu fedha.kanaaf dhangala’ee. harka qullaa Daggalatti gadi yaa’e. Bilisa Baaftuun, SOOWRAAN akkaataa Ummanni kun, Imala karaa dheeraa qaxxaamuree, akkuma gaafa Soowraa duraatti Sumaalee dhaqee hidhatuuf karaa mijjeessite. Ummanni Oromoo bakka maraa dhangala’ee Sumaalee seenuu jalqabe. Hidhannoo argatee Biyyatti deebi’e. Namoota Kumaatamaan lakkaawamutu yaroo adda-addaatti, marroo hedduu Hidhannoo fudhatee gale. Lolli bakka mara dhaqqabe. Ummanni Biyyaa guutumatti SOOWRAA tahe. Namoonni dandeettii Faaruu baasuu qaban, Faaruu Soowraa baasuu jalqaban.Fakkeenna akkana jedhan. Sooraan qacalee, Aduu reefu baatee, Adoola jedhanii, teenna-teena Lafti Warqiin baate, Warri Gabroomfataa Waggaa heddu Nyaatee, Bar Kokkee siqabdee, Soowraan haqaaf kaatee. Irratti Bobeennaa Akkuma Beenziilaa, Duunee dhumnu malee, Hindhiifnu Dachiiteennaa Dhiiga dhangalaafnaa, Bilisummaa teennaa, Gaafas dudubbanna waan Taarika keennaa. Jilbiiffadhaa Lola, Soowraa,Soowraa Soowraa. Guyyaa Gabayaa bakka Namni Walitti qabametti faaruu adda-addaa hedduutu Kaasseetaan taphatama.Fakkeennaaf, yoo laalle akkana jetti. Ummanni keenna Saba Guutamaa, Irra taa’ee Miidhe Gadheen namaa, Dammaqee ka’ee Bar ammaa, Ufirraa darbuuf Gabrummaa. Ummata Biyyaa ka’aa, ka’aa, Haga yoomiitti teettani ka’aa, Bilisummaan isin eeydii ka’aa, Barbaadan malee, hindhftuu beekaa. Adunyaan Bal’oon Bilisa baatee, Gabrummaan bar namarraa haftee, Namuu ufiin buliinsa fidee, Bilisummaa isaa Harkaan gahatee. Haala kanaan Lolli itti fufe.Baqattuun Oromoo bakka maraa dhangala’ee Sumaalee cabalaqse.yoo xiqqaate Mooraa Baqattuu gugurdoo shanii olitti lakkaawamtu tu ijaaramee jira. Raashinni UN achitti kennamaafii ture..Shirri Ziyaad Barree Qabsoo Oromoo irratti Shiree,Abjuu isaa ittin geegeffatuu barbaadu,rakkinna baqattuu Oromoo irratti fide hinqaba. Haatahuu malee, Ummanni Oromoo kana irraa dantaa takkallee hinqabu.Dantaan Oromoo, Hidhannoo qofa.Dhugaan isaa kanatahuu, dhufati Addi Bilisummaa Oromoo (OLF) Sumaalee dhufe, dhugaa kana sirriitti mirkaneesse.!
UMMATA OROMOOTIIFII, ADDA BILISUMMAA (OLF) SUMAALEE, MUGDISHOO KEESSATTI.
Adda Bilisummaa Oromoo bakka bu’uun namoota lamatu. Mugdishoo dhufe.Barri isaa Saddeettamawwan keessa ture Maqaa isaanii himuu irraa ufqusadha. akkuma armaa olitti ibsetti Baqataan Oromoo Mooraa Gugurdoo mara guutee , Magaalaan Mugdishoo Dardara Oromootiin guutamtee jirti. Manguddoon, Haawwan, Dubartiin shamarran, Barattoonni, Dalaydoonni Ilmaan Oromoo Bifa asii olitti ibse kana maraanuu Magaalaa Mugdishoo Walakkaa qabatan yoo jedhe dhugaa sanirraa hinfagaanne. Shirri Ziyaad Barree, ka Abjuu isaa ufumaa Abjaahee ufumaa hiikkate, yaaduma isaatu deemaafii jira seha.Yaroo Namoonni Lameen Muqdishoo dhufan Waan Nama Oromoo tokkollee achitti argatuu dandahan itti hinfakkaanne.Karaa Biraatiin yoo laalle ammoo, Ummata Oromoo Ka baqatee Biyya Sumaalee cabalaysee guute sun,akka Adda Bilisummaa Oromoo,jalatti hiriiruun, Oromummaa isaa baratee dammaqee osoo qabsaahu hindhufin, Hoggaantonni Adda Bilisummaa Oromoo ka yaroo saniillee hinbeekan.akkasumatillee, yaroo namoonni Adda Bilisummaa Oromoo bakka bu’anii dhufan san, Ummanni Oromoo gammachuun simatee Waajira san, Waajira Waggoota dheeraaf achi ture fakkeessanillee dhugaa Awwalamuufii Waakkatamuun hindandahamne. ka dhugaa isaa Hoggaantonni achi turan martuu beekani. Sumaalee keessatti Ummata Oromootu, Adda Bilisummaa Oromoo dursee shaffise moo.? Adda Bilisummaa Oromootu Ummata Oromoo durse.? gaafii jedhu yoo bu’ureeffanne, haala yaroo san ture saaxil baasanii ibsuun hedduu salphaadha.garuu,ani yaroo ammaatti waan akkasii irraa dubbatuuf fedhii hinqabu.kanaaf irraa uf uggure. fidhiin tiyya Akka ummanni Oromoo tokkoomu qofa. Ummata Oromoo rakkoo amma keessa jiru keessaa ka baasu,tokkummaa isaati.kanaa alatti qorichi biraa hinjiru. kanaafuu, ka beeku kanaa, ka beeytu as kenni.ka qabu kanaa, ka qabdu as kaahi. walitti haadabalannuu, ka ijaarame diiguu dhiifnee, ka diigame haa ijaarruu.Seenaa qabsoo huqqisuu dhiifnee haagabbifnuu. jedhee Barruu tiyya as irratti xumura. Nagayatti. Tokkummaan Humna.! Oromiyaan nibilisoomti. MURANNEE.
maddi : bilisummaa forum