Seena saba Oromoo Fi sirna Gadaa

Kitaaba(seenaa saba Oromoo fi Sirna gadaa)Birraa/Fulbaana 1995)

(Toleeraa Tasammaa fi Hundasaa Waaqwayyaa) irraa.

 

Dhibbaa alagaa bitamuu waggaa dhibbaa Oromoo irra turuurraa kan ka'e hedduun ummata Oromoo har'a Oromummaa isaa haa beeku malee, seenaa ummanni kun keessa dabree as ga'e ragaa qorannoon deggaramee barreeyfame irraa wanti inni hubatu baay'ee xiqqaadha.
Ammaas tanaan seenaa ummaata guddaa kanaa guutumatti barreeyfamee jira jachuu utuu hin ta'in gaaffiilee Oromoon tokko ofgaafatuufiis tahee, seenaa dharaa diinni Oromoo irratti odeessuuf deebii ga'aa ni taha waan jedhamuuf; kunoo seenaa Oromoo kan sab-boontoota ilmaan Oromootiin haala rakkisaa keessaaa barreeyfamee, akka ummaata keenya gargaaruuf asirratti maxxansine. Nuti maxxansitootni kan keessa qabnu gulaala dogongora qubee dabree dabree mul'atuufi maxxansaa qofa malee, qophiin isaa kan sab-boontoota ilmaan Oromoo tahuu isaa osoo hin hubachiisne bira hin tarru.

Barbaachisummaan barreeyfama kanaa bal'inaan seenaa irratti waan kaa'amee jiruuf, Oromoon ani eenyu? Maddi koo eessa? Daangaan koo eessa? Firaafii diinni koo eenyu kan jedhu hundi haala gahaatiin deebii quubsaa akka argachuu dandayu shakkii hin qabnu.

 Sirna gadaa

Hamma kiyyoo kolonii jala hin seeniniti Oromoon sirna ittiin bulan kan mataa isaanii qabau turan. Maqaan sirna kanaas Gadaa jedhama. Sirni kuniis bal'aa ture. Dhimma jireenya ummata Oromoo fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aada diinagdeefi amantiiti. Sirna hawaasaa guutuu ture jechuudha. Sirni Gadaa sirnaafi seera Oromoonni ittiin walbulchu, kan duulee roorroo ofirraa ittisu, kan dinagdee isaa ittiin tikfatuufi dagaagfatu, akkaata inni itti waliin jiraatuufi kan hawwiin dhala Oromoo cufa ittiin guutu ture.

Sirn kun haala Oromoonni tokkummaan isaanii laaffate kan itti roorrisaa turan Habashaafi Affaar ofirraa deebisuu dadhabe keessatti, haala hawaasaa ilaalerraa, jaarraa 14ffaa keessa biqiluu jalqabee suuta guddatee deeme. Oromoota sirna akkasii jalatti qindeessuudhaaf yeroo dheeraa fudhate. Oromoota gosatti hiraman walitti fidanii sirna tokko jalatti walitti qabuun kufaatiifi ka’uumsaa yeroo dheeraa gaafate. Gara walakkaa jaarraa 15faa isa lammaffaa keessa sirna gutuun argamuu dandaye.

Akkaata himamsa aadaa Boorana kibbaa keessatti yeroon itti Gadaan dhaabbate kanumaan walkipha. Akka mangoddoonni Booranaa himanitti Gadaa jaaruuf yaalii dheeraan eega godhame booda, Gadaan yeroo dheeraaf bifa hojechuu dandayu dhaabbate. Gadaa kanatti Abbaan Gadaa Gadayyoo Galgaloo ture. Raabni isaa (yeroosii) Yaayyaa Gulleelee jedhama ture. Eega gaafasii jalqabee Booranni Abbootii Gadaa 61 lakkaawa. Kanarraa waggaa saddeet saddeetiin yoo herrgne (Gadaan tokko waggaa 8) 61X8 = 488 taha. Eega Gadaan ijaarame, akka himamsa manguddootti Booranatti waggaa 488 taha jechuudha. Barri isaa 1499tti dhihaata. Kanaaf, sirni kun ijaaramuun isaa walakkaa jaarraa 15ffaa isa lammaffaa keessa kan jedhame dhugaa taha.

Sirna Gadaa keessatti wanni hundi gadaan walilaala. Lakkooysi yeroo, aadaan, amantiin, jireenyi hawaasaa, ittisi biyyaafi kkf hundi hidhata Gadaa qabu, fakkeenyaaf sadarkaalee Gadaa, goggeessa Gadaa, abaluu abaluu..jiru. kun, eegaa Gadaan sirna kabajamaafi guutuu akka ture mirkanessa.

Bara itti Gadaan sirna gutuu ture sana akka silaa tahutti galmeessuun hindandaymane. Hammi galmeeyfame baay’ee yaraadha. Sana keessaahillee irra guddaan kan baroota dhihooti. Waa’een isaa hammi beekamu baay’ee yaraadha. Guddinaan odeeffannoon argaman oduu afaaniin kan daddabraniidha. Isaaniis bakka bakkati garagar tahu. Sunillee Gadaan Caffe Caffetti deebi’uu haa agarsiisu malee, tokkummaa sirna kanaaf ragaa kan tahu haftee sirna kan Gadaa Booranaa har’aalee haga taheefuu hojjataa jiruudha. Kanaaf, waa’ee sirna Gadaarratti hangi hubatame xiqqaadha. Waliigalatti sirna kana caalatti hubachuudhaaf qormaata cimaa sirna Gadaa kan mul’isan armaan gaditti ilaalla.

  1. uunkaa jereenya hawaasaa
  2. siyaasaa sirna Gadaa
  3. aadaa sirna gadaa
  4. amantii sirna gadaa

1.  Uunkaa jireenya hawaasaa

Hawaasa keessatti dhalli namaa kophaa hinjiraatu. Kophaas hindalagu. Namoota biraa wajji jiraata, hojjataas. Jireenyi dhala namaa walitti hidhaataadha. Hawaasa Oromoo bara Gadaa keessaa yoo fudhannee akkaataa jiruufii jireenya Oromoo, akkaataa qoodama dalagaa, hariiroo ummanni Oromoo hawaasa keessatti waliinqabau, sirna Gadaa keessatti qaama tokko. Akkaataan polotikaa sirnichaas uunkaa jireenyya hawaasa Oromootti hidhamee jira.

Uunkaa jireenya hawaasa sirna Gadaa keessaa hubachuuf waan kanaa gadii hubachuun barbaachisaadha. Suniis:

a.   Goggeessa Gadaa (Miseensaa) fi Marsaa Gadaa

b.  Hiriyyaa

c.   Ilmaan jaarsaafii ilmaan Kormaa

d.  Sadarkaalee Gadaafi Murnoota Gadaa

a.   Gaggeessa Gadaa(miseensa) fi Marsaa Gadaa:

Gadaan tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeettan waliin GADAA TOKKOTTI YEROO ITTI AANGOON polotikaa warra Gadaa tokko harka jiraatuudha. Kanaaf, Gadaan waggaa saddeet saddeetiin lakkaawama. Waljijjiiraas. Waggaan saddeettan Gadaa tokko maqaa mataa isaa qabaata. Gadaa tokkicha maqaa adda addaa qabaatu. Kun Goggeessa Gadaa ykn miseensa jedhamee waamama. Kun hawaasa Oromoo keessaa, bakka gargaraatti maqaa adda addaa qabata. Jechuun:-

Boorana keessatti- Goggeessa Gadaa jedhama.

Tuulama keessatti- Miseensa jedhama.

Arsii keessatti- Miseensa jedhama.

Gujii keessatti-Baallii jedhama.

Ituu keessatti-Miseensa jedhama.

Qormaata Gadaa Oromoo bakka bakkaarratti godhameen lakkooysi Goggeessa gadaa bakka heddutti shan. Kan kanarraa adda tahees nijiraa. Fakkeenyaaf Boorana keessatti Goggeessa Gadaa torba qabaatu jira. Maqaan isaaniifi tartiibni isaaniia kopha kophaafi beekamaadha. Hoggaa Goggeessi Gadaa jiran tartiibaan deemanii raaw’atan gara isa jalqabaatti deebi’uudhaan marsaa tokko tahu. Goggeessi Gadaa tokko bakka heddutti waggaa 40 booda malee, hin deebi’u. Fakkeenyaaf Ituu keessatti Goggeessi Gadaa (missensi) jiran, Hormaata, Sabbaaqa, Dibbeessa, Fadataafi Daraaraadha. Kanneen tariiba maqaa Gadaawwan waggaa saddeet saddeetiin deeman tahanii Daraaraan gaafa raaw’ate Hormaatatti deebi’a jechuudha. Yeroon kun itti raaw’atee deebi’ee marsuuf naannawuu marsaa Gadaa tokko taha. Marsaan Gadaa tokkoo waggaa 40 qabaata. Goggeessi Gadaa shanan, walitti marsaa Gadaa shanan jalqabarraa ka’anii tartiibaan deemanii xumuramanii marsuuf gara isa jalqabaatti kan deebi’an kun "marsaa Gadaa(Gadaa cycle)" jedhama.

Yeroo idiletti laalamu jireenya nam tokkoo keessatti, Marsaa Gadaa lamaatu jira. Isaaniis, Marsaan duraa Gadaa abbaa yeroo tahu, inni lammaffaa Gadaa ilmaati. Ilmi Marsaa tokko fixee, Gadaan isaa kan abbaa tahe, kan itti aanu kan ilmaan isaa taha jechuudha. Akkuma kanatti itti fufee dabra.

Eega, bakka heddutti Marsaan Gadaa waggaa 40 akka qabaatu olitti ilaalleerra. Arsii keessatti miseensi Gadaa tokko waggaa 16 waan qabuuf kanarraa adda. Kanarraa Marsaan Gadaa Arsii keessatti waggaa 80 taha jechuudha.dagaagina keessaa Gadaan eega Caffetti qoodamee, as lakkooysifi maqaan Goggeessota Gadaa Marsaa Gadaa tokko keessa jiranii bakka adda addaa tahuun mul’ateera. Kanaas, qabsiisuuf armaa gaditti mee haa ilaallu. Maqaan Goggeessota Gadaa bakka garagaraatti:-

Goggeessa Gadaafi Marsaan Gadaa waan hiriyymummaafi aangoo polotika ilaaluun hariiroo murteessa qabu. Sanaas bal'inaan booda laalla.

B. Hiriyyaa:-

Hiriyyaan warra goggeessi Gadaa isaanii tokko taheedha. Kana jechuuniis hawaasa Oormoo keessatti warrii waggaa Gadaa keessatti dhalatan hundiifi kan maqaan Goggeessa Gadaa isaanii yoo dulloomoo tahanillee wal'irraa bu'ee yookaa tokko tahee hiriyyaadha. Ijoolleen waggaa Gadaa 1-8 jidduufi gaheeyyiin waggaa Gadaa 45-56 jidduu yoo Goggeessi Gadaa isaanii tokko tahe hiriyyaa tokko jedhamu. Marsaan Gadaa naannawutti walitti fidee ijoolleefi jaarsoolii hiriyyaa taasisaa. Marsaan Gadaafi Goggeessi Gadaa akkanatti hiriyyummaa murteessu. Hawaasa Oromoo keessatti hiriyyaan akka obbaleeyyaniitti wal'ilaalu. Ayyaana gurguddaafi beekamoorratti hiriyyaan wal argee waliin turuudhaan walfaarsa. Jaalalti walii, walamanuun, waliif dhimmuun, walgargaaruun…kkf hiriyyaa biratti jabaadha. Aangoo polotikaa keessatti paartii tokko tahu.

Kanaf, hiriyyummaan karaa hawaassfi polotikaa Oromootaa walitti hidhuudha. Waa'een hiriyyaa hoggaa akkas tahu, ijoolleefi ga'eessoota maaltu walitti fidee hiriyyaa godha? Gaaffiin jedhu ka'uun nimala. Gaaffi kana deebisuuf, nama Goggeessa Gadaa isaatiin Gadaa keenya jedha. Gadaa isaa faarsa, kabaja. Kanarraa akka ilaalcha polotikaa baraatti hubachuuf waan Paartii ilaaluun gaarii taha. Hawaasa keessatti paartiileen uumamtu turan jechuudha. Goggeessi Gadaa shanan paartiilee shan kan ijoolleefii manguddoota hiriyyaa godhuus paartii tokkicha waliin qabaachuudha.

c. Ilmaan kormaafi Ilmaan jaarsaa:

sirna Gadaa keessatti Ilmaan kormaafi Ilmaan Jaarsaa qoodameef beekama. Kan hawaasa bakka lamatti qooduudha. Kun jireenya hawaasa Oromoo bara sirna Gadaa keesaatti akkaataa Qabannoo aangoo polotikaa kan murteessuudha. Warra aangoo polotikaa qabachuuf deemaniifi kanatti hawasa qooda. Kuniis, waggaa Gadaa wajjiin walitti hidhataadha. Carraan aangoo polotikaa keessaa qooda qabaachuufi dhiisuun isaa yeroo itti dhalaterratti hundeeyfama. Kanaaniis ilmaan Oromoo yeroo dhalatanirraa kaasee ilmaan kormaafi ilmaan Jaarsaatti qoodamu. Akkaataan qoodamaa kuniis, seera umamaa kan hordofu qaba.

Ijoolleen Abbootiin isaanii sadarkaalee Gadaa keessa seenanii yeroo isaan aangoo polotikaa qabachuttii dhihaatan ykn qabatan (gadooma keessa) dhalatan " ilmaan kormaa" jedhamu. Isaaniis, bara Gadooma abbootii isaanii keessa (waggaa 40 abbootii isaanii eeganii) kan dhalatan waan tahaniif sadarkaa Gadaa keessa seenuudhaan miseensa paartii tahuu dandayan. Kanaaf aangoo polotikaa keessaa qooda fudhachuu dandayu.

Ilmaan Gadooma abbootii isaanii (aangoo polotikaa qabachuu) dura ykn booda dhalataniifi abbootiin sadarkaalee Gadaa seenuu hindandeenyerraa dhalatan hundi "ilmaan jaarsaa" jedhamu. Ilman jaarsaa warra sadarkaalee Gadaa seenanii miseensa paartii tahuu hindandeenyedha. Kanaafiis aangoo polotikaa keessaa warraa qooda fudhachuu hin dandeenyeedha. Ilmaan jaarsaa warra waliin dhalatan hundaan hiriyyaa tahuu dandayu, jechuun ilmaan kormaa wajjiinillee hiriyyaa walii tahuu dandayu.

Eega, hawaasa keessatti Gadoomuuf carraa kan qaban ilmaan kormaa thuu hubanne. Ilmaan kormaa gaafa dhalatanirraa kaasee sadarkaalee Gadaa seenanii akkuma gudachaa deemaniin dalagaa garagaraarratti dirqama polotikaafiis qophaawan. Kun dirqama isaaniiti. Ilmaan jaarsaa garuu, waa'een waan qoratamuufi baratamu hundaaf dirqamuun yoo hawaasicha keessa jiraachuu dandayuuf tahe malee, itti hin dirqaman. Ilmaan Oromoo akkanatti qoodamuun bakka heddutti mul'ate. Gadaa Boorana, Maccaa, Tuulamaafii Gujii keessatti qoodamni kun jira. Qoodamni yoo hinjiraanne tarii Gadaa Arsii, Ituufi Humbanna keessatii tahuu hin'oolu.

d. Sadarkaalee Gadaafi Murnoota Gadaa:

Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa maqaa gurmuu waggaa dhaloota ilmaan kormaati jechuudha. Gurmuu kanaan akkaataan jiruufi jireenya dhala Oromoo hundaatu keessatti murtaawa. Ilmaan kormaatu kormaatu keessa daddabran yoo tahellee, jirenya dhala Oromoo karaa polotikaa, amanti, aadaa, dinagdeefi waraanaafi kkf keessatti kan ilaalu addatti maqaa haaqabaatan malee akkaataan guddinaa, dalagaafii jireenyaa, kan ilmaan Jaarsaa wajjiin tokkuma. Karaa polotikaatiin garuu, garaagarummaa guddaatu jira. Tahullee sadarkaaleen Gadaa jiruuf jireenya dhala Oromoo mara calaqqisiisa. Sadarkaalee Gadaa garagaraakeessatti ilmaan Oromoo dirqama (dalagaa) adda addaatu isa eeggata. Yeroon isaas osoo hin gahinnillee waan beekamuuf sadarkaa itti aanuuf isa qopheessaa ture.

Sadarkaa Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni Oromoo hamma gaafa dulloomee du'utti hawaasa keessatti bakkafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaa gadiitti keenya.

1. Dabballooma waggaa 0-8

2. Gaammoma waggaa 9- 16

3. Dargaggooma waggaa 17- 24

4. Kuusoma waggaa 25- 32

5. Raaboma waggaa 33 - 40

6. Gadooma waggaa 41- 48

7. Yubooma waggaa 49- 56

Gadaa Tuulamaa keessatti Gadoomni waggaa 32 - 40 gidduutii waan taheef kana yaadachiisuun barbaachisaadha. Armaa gaditti sadarkaalee Gadaa jiraniifi murnoota Gadaa isaanii laalla.

1.  Dabballooma

Kun jecha dabballee jedhamu kan Gadaa Booranaarraa fudhatameedha. Ijoolleen dhiiraa Gadooma abbaa isaanii keessatti dhalatan Dabballee jedhamanii yaamaman. Ijoolleen kun waggaa saddeet hamma fixaanitti Dabballetti beekamu, Boorana keessatti Dabballee haa jedhaman malee, bakka biraatti maqaa biraa qabu. Fakkeenyyaaf:

a.   Tuulam keessatti - Itti makoo jedhamu.

b.  Ituu keessatti - maxxarrii jedhamu.

c.   Gujii keessatti- Suluda jedhamu.

Sadarkaan Gadaa kun bakkayyuu waan jiruuf walitti qabatti Dabballoota jechuun hin badu. Dabballoomanii sadarkaa Gadaa isa dura ilmaan kormaa akka dhalataniin itti seenaniidha. Sadarkaa Gadaa kanatti ijoolleen hojii beekamaa hinqaban. Naannoo qa'ee turanii toohannoofi tajaajila guddaadhaan guddatan. Ilmaan kormaa sadarkaa kana:

a.   Boorana keessatti ilmaan Dooriiwwaniifi warra Gadaati.

b.  Tuulam keessatti Foollee jedhama

.

2. Gaammoma:-

jechi kun sadarkaa Gadaa Boornaa keessaa maqaa gaammee jedhamurraa kan fudhatameedha. Ilmaan kormaa sadrakaa Dabballoomaa fixan Gaammotti dabru. Waggaa 8 - 16tti akkaataa itti rifeensii isaanii qoramurraa yoo jedhame dhugaadharraa hin fagaatu. Ijoolleen dhiiraa sadarkaa Gammomaarra jiran:

a.   Booran keessatti - Gaammee xixiqqoo jedhamu.

b.  Tuulama keessatti - Dabballee jedhamu.

c.   Gujii keessatti - Dabballee jedhamu.

d.  Ituu keessatti - Ruuboo jedhamu.

Gaammoonni sadarkaa Gadaa yeroo itti ijoolleen jabbiilee tiksan, hojii warraarratti gargaaraniifi loon tiksaniidha. Dalagaa kanaafi kana fakkaatanitti haa bobbahan malee, sadarkaa kanatti tohannoo warraa ala hin bahan. Yeroo kanatti taphatanii caalatti walbaruu jalqabu.

 

1.  Dargaggooma

Yeroo kana kan itti dargaggooman waan taheef, sadarkaa Gadaa kanaas bakka gargaraatti maqaa garagaraa waan qabuuf sadarkaa kanaan, Dargaggooma jedhama. Ilmaan kormaa sadarkaa lammaffaa fixanii waggaa 16 - 24 jidduu:

a.   Booran keessatti - Gaammee Gurguddaa jedhamu

b.  Tuulam keessatti - Foollee jedhamu.

c.   Gujii keessatti - kuusa jedhamu.

d.  Ituu keessatti - Goobam jedhamu.

Dargaggoomni sadarkaa itti namichi toohannoo warraarraa hillee walaba tahaa deemuufi warrarraa fgaatee soch'auu dandayuudha. Akkasumas, yeroo itti jabina, beekumsafi jagnummaa ofii mul'isuu jalqaabniidha. Jiruu dhufataa deemuudhaan yeroo itti ofdandayutti tarkaanfataniidha. Hawaasichaa bu'aa buusuufiis kan keessatti ofqophessu. Dalagaarratti bobbahanii, loon fagaatanii bobbaasuu, ol'aantoota isaanii wajjiin deddeemuu, adamoo bahuufi bineessoota loonirraa ittisuudha.

4. kuusoma

kuusomni sadrkaa loltummaati. Naannoo garagaraatti ilmaan kormaa sadrkaa kanaa adda addaa qabaatanillee Booran keessatti kuusa waan jedhamaniif kanarraa fudhannee kuusoma ittiin jenne.

Murni kun:-

a.   Boorna keessatti - Kuusa jedhama.

b.  Tuulama keessatti - Qondaala jedhama.

c.   Gujii keessatti - Raaba jedhama.

d.  Ituu keessatti Raaba jedhama.

Hawaasa Oromoo bara sirna gadaa keessatti, kun murna lolu ture. Waggaa 25 - 32 jidduu kan tahan dirqama loltummaa qabu. Namuu roorroo biyyarra geesse ittisuuf waan ittiin lolu- xiyyaas tahee, eeboofii gaachana mataa isaatii qopheeyfatee farda lolaas qabaate taha. Lolli argamnaan akka dhagayeen qophaawee walgurmeessee duula. Kanatti dabalee waan dhimma biyyaa ilaalan yeroo kanaa kaasee qorachuu dandaya. Sadarkaan kun, Tuulamaafi Ituu keessatti yeroo itti ilmaan kormaa aangoo qabachuuf ofqophessan, sadarkaa 4ffaa tahuudhaanifi dirqama loltummaa qabaachuudhaan tokko yoo tahan kaanirraa kanaan adda bahu.

1.  Doorama

Bakka heddutti sadarkaa itti aangoo qabachuudhaaf ilmaan kormaa qophii barbaachisaa godhaniidha. Yeroo kana keessatti dhimma biyya, bulchiinsa, sera, aadaa, amantiifi seena dabre baratu. Waa'ee sirna Gadaa caalatti hubachuu dandayu. Haalli isaanii warra biyya bulchuu ykn qondaaloota Gadaa wajjiin walitti hidhataadha. Bakka warrii Gadaa itti murtii seeraa kennan, dubbii gosaa ilaalanfi marii godhanitti argamanii irraa baratu. Bakka aadaafi amantiitti argamanii sirna qalbifatu. Caffee yaa'ii Gadaarratti argamanii murtii kennuudhaan hojiidhaan ofqaru. Hayyoonniifi manguddoonni biyyaarraa qoratanii barachuudhaan beekumsa isaanii bal'ifatu. Biyya keessa sossohanii ummataan walbaruu, akkanatti aangoo polotikaaf ofqopheessu jechuudha.

Sadarkaan kun, Tuulamafi Ituu keessatti isa afraffaadha. Ilma kormaa sadarkaa kanaa, akkamu asii olitti kaa'ametti Tuulama keessatti qondaala, Ituu keessatti Raba jedhamu. Sadarkaan Gadooma isaanii waggaa 32- 40 jiddutti waan tahaniif, isaan keessatti dalagaa akkanaa (doorama) kan qaban wagaa 23-32 jidduutti kan jiran Tuulama keessatti Qondaala, Ituu keessatti Raaba, akkanatti ofqopheessu.

Boranaafi Gujii keessatti ammoo, yeroon aangoon qabanna tartiibaan waggaa 45-53ttifi waggaa 40-48tti waan taheef, yeroon itti aangoof ofqopheessan kun waggaa Gadaa 32-40 jiddutti taha. Arsii kessattiis akkanuma.

Sadarkaa Dooramaa Booranaa keessatti iddoo lamatti qoodama. Isaniis Raabamaafi Doorama tahu. Raaboonni yeroo itti ilmaan kormaa Raaba tahan jedhamu, waggaa 32-40 jiddutti. Waggaa 41-45tti Doorama jedhama. Inniniis yeroo itti ilmaan kormaa Doorii jedhamaniidha. Kanaaf, sadarkaadhaan bakka itti garaagarummaan jiru tokko kana taha. Kuniis kan mul'ateef dagaagina sirni Gadaa arge keessatti jijjiiramni waan argameefi. Yoo sadarkaa kana ilaalle ilmaan kormaa sadarkaa shanaffaatti (waggaa 32-40 jiuddutti)

a.   Tuulama keessatti- Luba jedhama.

b.  Ituu keessatti - Doorii (Raaba-dorii) jedhamu.

c.   Boorana keessatti - Raaba dorii jedhamu.

d.  Gujii keessatti - Doorii jedhamu.

Idileen sadarkaa kanatti kan ilaalle garuu, Dooramni qophii aangoo qabachuuf godhamuudha.

6. Gadooma

sadarkaa itti ilmaan kormaa aangoo polotikaa qabataniidha. Yeroo itti warri Gadaan isaanii geessee biyya bulchan, seera ilaalan, dubbii Gosaa furaniidha. Sadarkaa Gadaa kun Tuulamafi Ituu keessatti isa shannaffaadha. Boorana, Gujiifi Arsii keessatti ammoo, isa jahaffaadha. Ilmaan kormaa sadarkaa Gadooma Booranaafi Gujii keessatti Gadaa; Tuulamafi Ituu keessatti Luba. Ituu keessatti Raaba doorii jedhamu. Yeroo Gadoomaa:

a.   Tuulama keessatti - waggaa 32-40tti

b.  Ituu keessatti - waggaa Gadaa 32-40tti

c.   Boorana keessatti - waggaa Gadaa 45-54tti

d.  Gujii keessatti - waggaa Gadaa 40-48tti

e.   Arsii keessatti - waggaa Gadaa 40-48tti taha

Bakka heddutti Gadooma keessatti ilmaan kormaa martinuu sadarkaa Gadaa keessaa hamma guutuu biyyatti dhibdee polotikaa, dinagdee, hawaasafi waraanaa cufa furuuf itti gaafatama qaba.

7. Yubooma

Sadarkaa gadaa, murni itti aangoo Gadaarra ture aangoo eega gadi dhiisee itti dabruudha. Gadaa jaarsummaa ykn manguddummaati. Sadarkaa kana keessatti ilmaan kormaa akka hangafaatti ilaalamu. Dalagaan isaanii warra Gadooman gorsuu, qacheelchuu, maandhaa isaanii kan tahan gorsuu, leenjisuufi barsiisuudha. Gara boodaatti hojiirraa walaboomanii ta'anii sadarkaa itti aangoo dhiisanii soorama seenaa kana keessa kan jiran (kan Yubooma)

a.   boorana keessatti - yubaafi booda Gadamoojji

b.  Tuulam keessatti Yuba

c.   Ituu keessatti Lubajedhamu.

Aadaa sirna gadaa

Dhallii namaa akkaata itti naannoo isaa hubatee, itti jijjiiru qaba. Kana keessatti hooda, safuu, beekumssa, qaroomaafi yaadumsi qooda guddaa kennu. Kun hundi dinagdeefi polotikaa sirna hawaasaarratti hundeeyfamau; kanneenirraa calaqqisa argamaniidha. Akkaataaan itti dhalli namaa naannoo isaa hubatee jijjiiru, daawwannoo dinagdeefi polotikaa kan tahe kun aadaa jedhama.

Sirna Gadaa keessaas aadaan maddu jira. Akkaataa dinagdeefi polotikaa issaarraa aadaan hawaasa Oromoo keessatti, bara Gadaa dagaagee beekamaa ture. "aadaa Gadaa" jedhama. Kuniis sirnicha sirna aadaa fakkeessa. Hubannootni karaa cufaa jiru akka aadaatti fudhatamee hawaasa keessatti fudhatama. Kabajaa, safuu, hoodaafi kkf qabaatee mul'ata.

Hoodni, safuufi amantiin sirna kana keessa ture hundi nama hunda biratti fudhatamee kabajama; sanii ala bahuun hawaasaa ala tahutti waan fudhatamuuf nam-tokkoo kaasee hamma maatiitti, maatiirraa kaasee hamma sabaatti qaama walii tahanii jiraatu. Akkaataan jireenya maatii, fuudhaafii heerumaa, hariiroon uumaa, baasiin gumaa, adabni seeraa cabsaniifi kkf hundi aadaa waan tahaniif fudhtamoo turan. Akka bara saniitti eenyulleen aadaa kana nifudhata. Murtiin du'aa yoo itti dabrellee namni sun aadaa waan taheef, beekee eegumsa tokko malee, taa'ee adaba isarritti raaw'atamu eeggata jedhamee himama.

Waliigalteen jaalalaan, tokkummaan waliinjiraachuuniis aadaa jiraachaa ture. Aadaa kanaa ala bahuun, badii isa sadarkaa oliitti waan fudhatamuuf, namuu aadaa tahuu isaa waan beekuuf sirna Gadaa keessa jiru kabajee osoo keessaa hinbaasin kabajee jiraata.

Heeraafii seerri biyyaa akka aadaatti fudhatamee jabaata, kabajamaas, waan jiruufi jireenya ofii ittiin geggeeffatan taheef seeraafi heerri ni kabajamu jechuudha. Waan sirna kana keessatti tahan hundi akka aadaafii amala biyyaatti fudhatamee kabajama. Akkaataan qabannoo qabeenyaa itti loon bobbaasan, looniifi bishaan eelaa baasan, itti qotaniifi akkaataan itti waa horatanii dhimma ittiin bahan aadaa Gadaa keessatti gamtoomaafi marabbaatu calaqqisa. Namuu qabeenya mataa isaa qabaatee irratti mirga guutuu qaba. Kan dhabe, kan balaan uumaafi lolli dhaqqabe, kan dhukkubsateefi abaarri itti dhufe, … hundaa suphuufi hadhaadhiyyuun beekamaadha. Har'allee Boorana keessatti "Buussaafi Gonfa" kan jedhamu aadaa osoo hin badin jiruudha. Namuu waan waliin horate waliin dhimma bahuurraa dabree hawaasa keessatti walbadhaasuufi walgargaaruun aadaa Gadaa keessatti beekamaadha.

Aadaa kanaafi kana fakkaatan ala bahuun hawaasa keessaa nama baasa. Jechuun adaba namarratti seeraan dabru malee, waan halaba (out-casted) nama taasisan jiru. Isaan keessaa haraamuu, caphanaa,…fikkf beekamoodha. Namni haraamuu, caphana,.. jedhamee gosa keessaa bahee namummaa dhabee kophaa jiraata; kophaa godaana, qubata. Gargaarsi hawaasummaa keessati godhamuuf irraa dhaabbata. Gatamuun kana fakkaatan waan jiraniif namuu aadaa Gadaa keessaa kabajee jiraata.

Sirna Gadaa keessatti yeroo garagaraatti aadaan jireenya hafuura ilmaan Oromoo calaqqisan jiru. Isaan keeessaa, ayyaanootni beekamoon kabajamuun waan jiraatani. Ayyaanoota kana keessaa kan sirna Gadaa keessaa jireenya polotikaa ilmaan Oromoocalaqqisu ayyaana buttaati. Guutuu hawaasichaa keessatti yeroo itti aangoon polotikaa Gadaa tokkorraa kanitti dabru, ayyaana kanarratti horiin (loon) qalamanii, nyaachisni guddaan godhama. Sirba, tapha, faaruufi wanni kana fakkaatan ayyaanicha ho'isan addatti beekamoodha. Ayyaana buttaa malee, kanneen sirna kana fakkaatanii maqaa mataa isaanii qaban sadarkaa oliiti dhaabbata tahanii yeroo beekoomaatti kabajaman hedduudha. Isaan keessaa garii maqaa dhawuuf:

  1. Boorana keessatti ayyaana Guduruu buufachuufi qumbii walirraa fudhachuu.
  2. Arsii keessatti ayyaana baraartiifi guduruu, gurra uraafii jaarraa qaluu
  3. Tuulam keessatti ayyaana dhagaa kooraafi jaarraa
  4. Gujii keessatti ayyaana bantii haaddachuu

Kanneenii alattiis, cidhni gargaraa yeroo beekamootti bakka bakkatti godhamu, amantiiniis qaama aadaa hawaasichaa waan taheef, ayyaanni amantii sirna Gadaa calaqqisan bakka hundatti godhamaa ture. Ayyaana kana namuu Qaalluu (geggeessaa amantii) muuduudhaan eeyba kadhata, waaqa (rabbi) isaa galateeyfata; biyyaaf nagaya kadhata; hormaatarratti milkaa'uufi ilmaan isaa, uummtaafi mataa isaaf, fayyaafi jireenya kaadhata. Eegaa, kun aadaa amantii sirna Gadaa keessaa isa tokko. Aadaa Oromoo kan bara sirna Gadaa keessatti yeroon baay'ee barbaachisaadha. Guyyaa, ji'a (baati), waggaafi Gadaa lakkaawuudhaan hawaasa Oromoo sirna kan jalatti qindeessuun qaama aadaa ture. Kanaafiis, hawaasa Oromoo keessatti qaroomni (civilization) addunyyaf gumaache kalandarii Oromooti. Kalandariin Oromo kuniis, astronoomiin kan qoratamee argameedha. Ji'a waggaa dhaloota, bara Gadaa, guyyaafi ji'a ayyaanaa lakkaawanii add baafachuuf tattaafii qormaata ji'a, urjiifi aduu irratti godhamaniin qarooma Oromoota adda godhuufi dagaagina argameedha.

Akkaataa kalandarii Oromootti ji'i (baatiin) tokko guyyaa 29.5 qaba. Waggaan tokko ammoo, ji'a 12 ykn guyyaa 354 qaba. Kanneeniis addaan kan baafataman:

  1. ba'uu, seenuufi guddina addeessaa (ji'a) lakkaawuu
  2. bakka, teessuma, mul'ina urjiilee keessaa buusaa, bakkalcha, … to'achuufi jala bu'anii hordafuudhaan tahu.

Hojii mataa isaanii godhanii hordafuudhaan kan hawaasicha beeksisan, beektoota astronoomiiti. Isaaniis beekumsa qaban kana kaaniif dabarsuurratti barnoota laatu, shaakalsiisu. Guyyootiin ji'a tokkoo soddomitti dhihaatan hundi maqaa mataa isaanii addatti qabaatu. Guyyootii jiraniif maqaa 27tu jira. Har'a Boorana keessatti hojjetaa jiru. Maqaan 27n tartiibaan guyyootii 27f tahanii hoggaa xumuraman gara isa jalqabaatti deebi'anii ammaas marsuuf itti fufu. Maqaaleen 27n kun:

Maqootiin kun hundi hiikkaa mataa isaanii qabu. Inniniis urjii, bakkalcha fi ji'arratti huundeeyfamee hiikama. Yeroo hiikamuus ayyaana guyyootii sana ibsu. Fakkeenyaaf, Gidaadaafi Gabra naannaa kan jedhaman ayyaana carraa gadheeti. Inni hiikaa hangafaa waan qabuuf, dureettiin jaalatama waan ibsuufi gaafa wanti hojjetan hundi, waan namatti tolaniifi ayyaana carraa gaariidha. Namni dhalatu ayyaana akkamiirra akka dhalate kanneen irraa himama. Eegaa, hundi qarooma Oromoota haatahan malee, sirna Gadaa keessatti aadaa tureedha.

Waggaa tokko keessa kan jiran ji'ooti (baatiileen) Oromoo 12n maqaa mataa isaani qabu. Isaaniis bakka garagaraatti maqaa adda addaa qabaatu. Ji' 12n wagga tokko keessa jiran keessa guyyaa 354 akka jiran olitti kaafneerra, ammaas ni yaadachiifna. Maqaan ji'oota Oromoo bakka bakkaatti:

Walumaagalatti aadaan calaqqisan akkaataa dinagdeefi polotikaa sirna tokkoo, akkaataa dhalli namaa ittiin naannoo isaa hubatee jijjiiru tahuu olitti ilaalleera. Sirna Gadaa keessattiis ummanni Oromoo aadaa walii galatti bifa armaan olii qabaatu akka qabu, aadaa kanarraahiis qaroomni ummata Oromoo kalandara mataa isaa qabaachutti akka geesse hubanna. Aadaa sana keessaa immoo amantiin maddee maal akka fakkaatu kophatti ilaalla.


          

Amantii sirna gadaa

Amaantiin Gadaa ummanni qabaatu keessaa tokko waan sirna Gadaa keessatti hojjetaman aadaa tahee qaama Oromootaa akka ture olitti kaafneerra. Inniniis waan sirna sana gadi jabeesse akka tahe hubatamaadha. Aadaa jiran keessaahiis amantiin hordafamaa ture, sirnicha utubee kan jabeesse dha. Amantiin aadaa haatahuu malee, mataa isaatiis sirna Gadaa keessatti waan aadaa tahan hundaa kan jabeesseedha. Kanaaf amantiifi aadaan tokkummaa akka qaban ifaadha.

Jireenya hafuura qabu keessatti dhalli namaa, hubannoota naannoo isaarraa qabuun waan amanu qabaachuu waan malu, bara Gadaa keessattiis ummanni Oromoo waan itti amanu qaba ture. Inniniis waaqa jedhamee yaamama. Waaqni waan hundumaa ol kan tahe, hunda kan tolcheefi kan uume, waan hunda kan dandayu, … tahuu isaatti amanama. Ormootaafi waaqa kana kan walqunnamsiisan qaalloota jedhamu. Hojiin isaaniis akka qeesotafii sheekootaati.

Qaaloota yeroo jennu akka bara dhihoo keessa ummata samuuf jecha sobanii, gowwoomsanii irraa waa guurratan akka qaallichaa Habashaamiti. Qaalloonni Oromoo bara sirna Gadaa ummata, uumamaafi biyyaaf waaqa kadhatu; galateeffatu, ummata eeybisu, looniifi madhaaniif rooba kadhatu, warra bira dhaqanii waaqa kadhachuuf isaaf muudaniif eebba keennu. Dalagaa kana fi kana fakkaataniin akka ummanni amantii Waaqatti amanuufi hordofu godhu; ummataafi Waaqa walqunnamsiisu.

Oromoonni karaa Qaalluu Waaqaan walqunnamuu malee, akkaataa biraas niqabu. Kuniis yeroo garagaraarratti ofiis waaqa kadhachuufi galateeyfachuudha. Bakki itti waaqa kadhatan, galateeffataniis galma ijaarame keessa, muka jala, gaararraa malkaa gubbaa,…dha. Kanneen utuu kana godhanii, yeroo yerotti dhaqanii Qaalluu muudu. Ayyaanni amantiis yerootti ayyaaneeffataman nijiru. Isaaniis warraa akka

  1. Ateetee- Kan dubartootaati. Inniniis kan mucaa argachuuti.
  2. Nabii - Kan abbootiiti.
  3. Jaarri ayyaana nagayaa, tikfama namaa, looniifi qa'eeti.
  4. Abdaarrii-ayyaana dachii midhaan baasisuuti

Qaallonniis sirna ayyaana amantii kanarratti ummata gorsu, jajjebeessu. Qaalluun eessaa baha? Gaaffiin jedhuu ka'uun nidandaya. Gosa keessaa Qaalluun bahuu dandayuufi hin dandeenye jiru. Inniniis waanuma hangafummaafi quxxusummaa hawaasa Oromoo keessa turerraa tahuun nimala. Qaalluun gosa beekamaa keessaa baha. Achi keessaa bahee gosoota hafniifiis Qaalluu tahu. Hundaaniis muudama. Qaalluun gosa beekamaa keessaa haa bahu malee, tokko qofa taha jechuumiti. Maadhee hawaasa olii sana keessaa dabalanii jiraachuu dandayu. Garuu isaan keessaa tokkootu hundarra kabajaa qabaata. Isaanutuus yeroo ayyaanaa muudatti muudamaas. Fakkeenyaaf Boorana keessatti Qaalloota (laduu) shana jiran kan Maxxaarrii sadaniifi kan Karrayyuu tokkoofi kan Odituu tokko keessaa hunda caala kabajaman Qaalluu Odituuti.

Qaalluun isa oliiti jechuudha. Booranaa alaas qaalluun kana muuduuf Oromoonni lafa fagoo deemanii dhaqu. Kanaaf, sadarkaa qabu; warri gad hafan isaa gaditti dalagu jechuudha. Qaalluun abbaadhaa ilmatti dabree dhaalama deema. Namchi mataan amantii Qaalluu hoggaa jedhamu, haati mana isaa ammoo, qaallitti jedhamti. Qaallitiiniis akkuma qaalluu kabajamtuudha. Ilma hangafaatu yeroo abbaan isaa du'u dhaalee qaaluu tahuuf carraa duraa qaba.

Sirna Gadaa keessatti muuda Qaaluu kan yeroo malee, ayyaanni guddaan muuda jedhamu jira. Inniniis jidduu Gadaa tokkootti yeroo (si'a) beekamaafi dhaabbata tokkotti yaha. Ayyaana kanarratti Oromoonni dhaqanii galma isaatti qaalluu olii muudu. Sirna tahu keessatti yeroo kanatti eeyba Qaalluu fudhachuun beekamaadha. Namoonni lafa fagoorraa ka'anii dhaqan, ganda isaatti muudu, achitti qalanii nyaatu, nyaachisuusi.

Eegaa, walumaagalatti dalagaan Qaalluu inni tokko namaafi waaqa walqunnamsiisuu akka tahefi jireenyi hafuura Oromootaa maal akka fakkaatu ilaalleerra. Qooda Qaalluufi amantiin sirna Gadaa keessaas sirni kun sirna amantii tahuu fakkeessa. Dhugaan isaa garuu sirna amantiis, ofkeessaa qabaachuudha.

Qoodni Qaalluun qabu kan biraa aadaa Oromoo kan sirna Gadaa keessaa tiksuufi too'achuudha. Kanarratti bakka guddaa qaba. Akka aadaan sirna kanaa hin dabnefi seerriifi heerri sirnichaa hin banne qaceelcha. Ummata biratti karaa aadaafi amantii fudhatama guddaa guddaa waan qabuuf, yaada ummataa (public opinion) dhufata isaa jalaa waan qabuuf aadaa Oromoo tiksuufi daandii sirna Gadaarratti too'achuu dandaya. Waan haraamuu, caphana,… gatama namatti fiduu dandayanirraa ummata eegu dandaya.

Kanneenirratti dabalee qoodni guddaan Qaalluun qabu jireenya polotikaa sirna Gadaa too'achuufi qajeelchuudha. Murtii polotikaarratti fuulaan yoo qooda hin fudhannellee, waan yaada ummataa of harkaa qabaniif qajeelchuufi karooraratti qooda guddaa kennu. Filmaata qondaaloota Gaddfi marii biyyaarratti argamuudhaan gargaaru. Filmaata qondaaloota Gadaarratti yaada ummataa sassaabuudhaan irratti hundeeyfamanii ija filmaata godhamee adda baasanii labsu. Marii seeraafi heeraarratti argamanii akka seerriifi heerri Gadaa hin dabneef gorsuufi qajeechuudha. Qoondaaloota Gadaa aangoo qabatan sirnaan muudu, eeybisu. Kanaaf, amantiin sirna Gadaas karaa kanaafii kana fakkaataniin jireenya polotikaa ummata Oromoo qajeelchuurratti qooda guddaa qaba.

Eegaa xumuruudhaaf, geggeessaa amantii kan tahe Qaalluun jireenya hawaasa Oromoo sirna Gadaa keessatti qooda guddaa sadii qabaata. Isaaniis:-

  1. qooda amantii - namafii waaqa walqunnamsiisuu
  2. qooda aadaa- aadaa sirna Gadaa eeguuf, tiksuufi too'achuu
  3. qooda polotikaa- filmaatarrattiifi marii biyyaa kan seeraafi heeraarratti too'achuufi qajeelchuudha.

Dhumarratti aadaan, polotikaafi amantiin walitti hidhatoo tahuun ifaadha.

Godaansa Oromoo Jaarraa 16ffaan duratti

Ummata akka waan hinsossoonee kana akka garaa, dhagaa ykn galaanaa godhanii fudhachuun hin tahu. Ummatni kamiyyuu ni sossoha, bakka takka gadhiisee bakka biraatti ni godaana. Seenaa ummatoota addunyaa keessatti godaansa heedduu argina. Sababootii godaansaa uuman akkuma biyya sanaafi haala yeroo sanaarratti hudeeyfama. Kanaaf sababootii godaansa uuman bal’aafi hedduudha. Haa tahuu malee, warri keessaa gurguddaa tahan nijiru:

haalli qilleensaa geeddaramuun balaa dhufee jalaa dheessuuf,

lakkooysi ummataa sanaa hedduu dabaluun dhiphina lafaa dhalatu keessaa bahuuf,

lola ummatoota olla jiddutti dhalaturraa kan ka’ee jalaa dheessuuf, kun ammoo lafa bal’ifachuuf tahu nidandaya. Seenaan godaansa Oromoo kan jaarraa 16ffaan duraa haala kana keessaa tokkorratti hundeeyfamuun nimala.

Madda ummata Oromoo yeroo ilaalletti Oromoon Baddaa Baaleefi gam tokkoon Sidaamoo keessa yeroo dheeraaf akka jiraataa ture mirkana’ee jira. Kana jechuun Oromoon hangaa jaarraa 16ffaa keessatti naannoo kana duwwatti murtaa’ee jiraataa ture jechuumiti. Godaansa haala akkasiitiin dhiheessinu warri barbaadan Qeesoota Amaaraati. Godaansi ummata kamiyyuu ballama qabatee jaarraa akkasiitiin godaana hinjedhu. Godaansi sossohiinsa ummata dhawaataan, suuta suutaan, yeroo dheerinaa keessa kan mul’atudha. Waan jaarraa tokko keessatti jalqabee dhumatuusiimiti.

Herbert S Luwis madda saba Oromoo argacuuf afaanoota Kushoota bahaa bakka 24tti qoode. Afaanoota isaanii karraa kan ka’e, durattii isaa kun lammii tokko turan jedhe. Yroo dheeraa keessa lakkooysii namaa babal’achurraa kan ka’e walirraa fagaatanii qubacuun, lammiin adda addaa dagaagan. Walbiraa godaanuun isaanii kun yoomifii akkamitti akka jalqabameef wanti beekamu hinjiru. Sababnii isaa garuu, waa asii olitti ka’erraa tokko tahuun nimala.

Lammiin affaariifi Saahoon dura godaanuu waan jalqaban fakkaata. Gara kaabaatti baay’ee fagaatanii kan qubatan, isaan kana. Lammiin kun lameen, yeroo dheeraaf waliin jiraataa turanii booda foxxqanii akka qubataniidha. Bara dhihoo dura akka waliin turan, afaan isaanii walitti seenuun ragaa nitaha. Lammiin Somaalee itti aanee sossohee waan gara bahaafi kibbaa qubate fakkaata. Ar’a Somaaleen Oromoorraa gara bahaafi kibbaa, Affaarirraa ammoo, gaara kibbaa qubattee jirti. Akka Herbert S. Luwis jedutti isaan kanatti aanee kan godaane Oromoodha. Affaar, Sahoo,Somaaleefi Oromoon hoggaa naannoo sanarraa sossohan Kuushootni bahaatti hafan ammoo, naannoo ha’a irra jiraatan keessa babal’atan malee hedduu hinsossoone.

Ormoon naannoo Mandayyoo, Dallofi Jamjam bara dheeraa jiraataa turanii dhawaata lafa naannoo isaaniitti siqaa, irra jiraataa dhufan. Yeroo isaan itti naannoo Baaleefii Saidaamoorraa sossohanii hamma Wallootti qubatan waan beekamuumiti. Garuu yeroo dheeraa keessa tahuun hinmamu. Eega Affaarootnifi Saahootni naannoo amma jiran keessa jiraachuu jalqabanii ykn, isaanumatti aananii godaananii qubacuun waan malu.

Akkaata godaansa Oromoo kan ofumaan deemaa ture kana, isa jaarraa 16ffaatti akeekuun hin tahu. Abbaa Baahireenuu yeroo akkaataa godaansa Oromoo barreeyse:

Booranni biyya isaarraa yeroo godaanu hundaan hindeemu, warri deemuu hin baebaanne nihafa. Kuniis waan mootii hinqabneef namni isaan ajaju hinjiru. Abbaan akka barbaade hojjata" jedhe. Bartels namchi jedhamu ammoo, akkaata godaansa Oromoorratti yeroo barreeyse: nama Oromoo tokko gaafatee deebii argate:

Yeroo tochoonu, ilmi hangafni bakka itti dhalateetti hafa. Ilmi quxxusuun dabranii lafa haaraya barbaadu. Ilmaa warra hangafaa naannotti hafan ammoo, firoota isaanii barbaaduu ka’anii godaanu" jedhee jira. Ragaa kana lamaanirraa kan hubachuu dandeenyu, Oromoon godaanee daangaa Keeniya kaasee hamma daangaa Tigreetti qubachuu kan dandahee, yeroo dheeraa keessa akka tureedha. Jaarraa 16ffaa keessa yeroo Baahireen barreeyse baayyinni ummata Oromoo meeqa taha? Akaa inni jedhutti utuu godaansi Oromoo yeroosunii jalqabee ilmaan quxxusuu duwwaan dabranii kan qubatan yoo tahee, lafa har’a Oromoon irra jiraatu firfirsanillee wal hingayan jechuudha. Kanaaf Oromoon jaarraa 16ffaa keessa godaanuu jalqabee utuu hintaane, jaarraa hedduun dura suuta suutaan, ilmi quxxisuun dabree qubachaa, lafa margaafi bishaan qabu barbaadaa godaane. Haalli jaarraa 16 ffaa keessatti mul’ate waan gara biraa waan taheef bakka isaatti laalla.

Duraani Oromoonni lammi tokko tahee osoo jiraatanii gosa Booranafi Bareentummati adda bahan. Bareentumafi Booranni osoo naannoo Baaleefi Sidaamoorraa gara bahaa jiraatanii lakkooysi namaafi horiin saanii baay’achuun gargar fagaatanii qubachuu jalqaban. Ilmaan Bareenummaas akka walitti heddommaachaa deemaniin adda adda bahanii qubachuu jalqaban. Ituufii Humbanni Mormorirraa ka’anii gara bahaatti sossohanii osoo adda hin bahin naannoo Odaa Bultum qubatan. Odaan Bultum kaarra Qurquraarraa gara kibbaatti hamma km 3 fagaatee argama. Ituufi Humbanni osoo adda hinbahin bakka Odaa Bultum kana       

 

Akkaataa bultuma Oromoon Gaddaan duratti.

Sirna Gadaan duratti akkaataa bultuma Oromoo akkam akka ture wanti beekamu hinjiru. Qesoota Amaaraa tahee, seenaa barreeysitoonni gara biraa waa’ee Orommoo kan barreeyssuu jalqaban jaarraa 16ffaa booda ture. Kanaf sanaan dura seenaan Oromoo ture himamsa aadaarraa, yoo argame malee wanti galmaa’e kan jiru hinfakkaatu. Haa tahuu malee, himamsa afaaniitfi akkaataa dagaagina hawaasaarraa kan hubachuu dandeenyu nijira.

Akkaataan dagaagina hawaasaa dhala namaa kamiyyuu sirna keeessa dabru niqaba. Haalli hawaasni Oromoo bara Gadaa duraafi booddee keessa ture calaqqiinsa akkaataa bulmaata isaa ka duraanii nuuf ibsuu ni dandaya. Akkuma ummata kamiyyuu hawaasni Oromooo gamtooma Doofaa durii keessa turuun isaa waan hin’ooleedha. Kuniis akkaata qabeenya dhuufaa turerraa calaqqisa. Ormoon waan tikfattee tureef qabeenya dhuunfaa loon yoo tahe malee, lafti qabeenya gamtaa ture. Kanaa wajjiin kan ilaalamu haala walbulchiinsa isa jidduu tureedha. Hamma hawaasaatti Oromoon guddatee sadarkaa gosa gahetti manguddoo walbulchuun saa hin’oolle. Kabajaa manguddoon hawaasa Oromoo keessatti qabu har’allee aadaa Oromoo keessatti ni calaqqisa. Hamma Gadaan dhufee bakka qabtetti, manguddootaan buluun kun sadarkaa sadarkaan guddataa dhufuun hinhafne.

Haalli kun akkamitti ture? Akkamitti hojjachuu dandaye? Wanti kana calaqqisu boodana dabree maali? Hawaasa Oromoo keessatti aadaan jalqabarraa ka’ee gad dhaabbate hariiroo hangafaafi quxxusuuti. Hariiroon kun dura sadarkaa maatii keessatti gad dhaabbate. Ilmi hangafni kabajamuu qaba. Warri quxxusuu isa hordofu. Waan inni jedhe dhagayu. Hariiroon kun maati duwwaa keessatti hin hafu. Akkuma hawaasni sun dagaaguun hangafaafi quxxusuun ibidda, manaafi gosa keessattiis hojiirra oola. Ibiddi hangafaafi quxxusutti adda bahee walkabjuuniifi waliif abboomamuun buluun dhalate. Hariiroon ku yeroo dheeraaf hawaasa Oromoo keessatti hojjate.

Goso tokko keessa karra hagafaafi quxxusuu nijiraatu. Maanguddootni karra hangafaa keessa jiran biyya (gosa) bulchuurratti qceelfama kennu. Karri quxxusuu tahan warra hanagafa kana jalatti gurmaawu. Sadarkaa gossaattiis hariiroon kun ittifufa.

Gositi hangafni yeroo warra kaan qaceechu, geggeessu warri quxxusuun isaan jalati walitti qabamu. Gosootni kun akkasitt walitti dhufanii tokkooma gosaa (tribal confederacies) tolfatan. Tokkoomni gosaa kun ammoo, walkeessatti hangafaafi quxxusuu qabu. Hawaasa Oromoo keessatti akkaataan hangafaafi quxxusutti qoodamuun kun qoodama karra cimdii" ( bi social differentiation) jedhama. Sirni bulmaataa karra lamatti qoodamuun bu’ureeyfamu ammoo, sirna qoodama karra cimdii taha. Hamma Gadaan dagaagutti akkaataan bulmaata Oromoo sirna kanaan ture.

Sirna kana keessatti manguddoonni qooda lammii guddaa qabu. Manguddoota lammii keessaa ammoo, kan warra hangafaa hunda dursu. Waldhabbii gosoota giddutti ka’u manguddoota kanaatu ilaala. Gosoota Oromoo keessaa Booranni hangafa. Kanaaf waldhabbiin gosa bareentumaa, fakkeenyaaf Arsiifi Macca giddutti yoo ka’e, manguddoota Booranaatu ilaala. Haalli kun gosa, karra hundumaa keessatti akkasitti hojjata. Ummata ollaa wajjiin waldhabbiin yoo argamees, gumaabaasuufiis tahee, falmu, lola waan ilaaluufi dantaa lammii saanaa guutummatti manguddootaan ilaalamee murtii godhata.

Sirni manguddootaan qaceelu amaluma hawaasa doofaa taheellee kan Oromoon dhaabbate jabaa tahuun isaa, hangafaafi quxxusuun qaceeluu isaati. Sirna isa booddee Oromoon tolfatee ittiin walbulcheef bu’ura kan qabuudha. Sirna Gadaa keessatti hawaasni Oromoo gartuu lamatti qoodamee ijaarame. Gartuuleen kun aadaadhaan hangafaafi quxxusutti beekamu. Garuu waltoo’achuufi walgituurratti walqixa. Fakkeenyaaf qoodamni akkasii Boorana keessati Sabboofi Goona, Maccaa keessatti Booranaafi Gabaro, Ituu keessatti Kuraafi Galaan, Humabnna keessatti Qal’oofi Anniyya jedhamanii beekamu. Haaluma qoodama gosa keessa duraan tureetu Sirna Gadaa keessattiis ga-dhaabbate jechuudha. Kanaaf Oromoon osoo sirna Gadaatiin as hin bahin, sirna qoodama karra cimdii kanaan walbulchaa ture jechuun nidandeenya.

Meelba:- bara 1522-1530

Gadaan duraa Melba jedhama jedhu. Bara Gadaa Melbaa kana Oromoon abbaa duulaa itti ijaaree yeroo duraatiif gurmuun duulutti bobbaase. Baalli weeraruu jalqaban. Namichaa Amaara Faasil jedhamuu wajji wal lolanii inniis duularratti du’e. Duula Oromoo isa jalqabaa kanaan amaarri "dawwee" jedhan. Afaan Amaaraatti dawwee jechun, dhukkuba lamxii jechuudha

Muudana:- bara 1531-1538

Mebatti aane kan Gadaa fudhate Muudana jedham. Bara Muudana kana seera jajjabaa lama tumatan. Lubni hundi duula akka duuluufi laf haaraya baasan malee, meendhicha akka hin hidhanne kan jedhu ture. Baalli kan Melba weeraruu jalqabe Muudannii dhufatee hamma qarqara laga Awaashitti irra qubatan. Barri Gadaa Muudanaa kun bara Islaamoonni Imaam Ahmadiin geggeefamanii Kiristaanootaan lolaa turani. Lola diinootni isaa lamaan wal lolaa jiran kan Oromoon faana bu’aa ture. daareel Baates namichi jedhamu kana hogga ibsu:

"lolli Kiristaanoota Habashafi Islaamoota ture, Poortugaal gargaartee Imaam Ahmed mohamullee hin dhaabbanne. Waggootii dheeraaf dabree dabree deemsifamaa ture, gaallaa (Oromoo) haala kana duukaa bu’anii too’ataa turan. Gartuun lamanuu waan miidhameef lafa isaanii deebifachuuf ….yeroo itti eeggachaa turan"jedha. Lolli amantii yeroof akkasiit qabbanaawullee Oromoon lola isaa itti fufe. Muudanni Gadaa isaa fixee Kiiloleetti dabarse.

Kiilolee:- bara 1539-1546

Kiiloleen duula bal’isee DAWAAROO rukutuu jalqabe. Yeroo gabaaba keessati handhuura Dawaaroo gahe. Galaawudoos mooti Habashaa waana isaa kan nama Adaal Mabraq jedhamuun hoogganamu Dawarrootti bara 1545tti erge. Waraanni Adaal Mabraq harka Oromootti baqe, inniniis lbaqatee laga Awaash cehe.Dawaaroo kan jedhamu Arsii har’aatt akeekuun ni dandayama. Galaawudoos Islaamoota mohuu dandahullee Oromoobiyya isaaf lolu mohuu hindandeenye. Kiiloleen Gadaa isaa fixee Biifoleetti dabarse.
Biifolee:- bara 1547-1554

Galaawudoos Adaal Mabraq moohamuu dhagayee humna isaa waliti gurmeessee, waraana warra Poortugaaal fogargaarsisee Oromootti bara 1548tti duule. Humna guddaan itti haa duulu malee, Galaawudoos Oromoo mohuu dadhabee, dahannoo jabaa qotatee Dawaaroo keessa qubate. Oromoonni achitti iti marsanii lolan. Lolli sun guyyaa kudhalama deeme. Oromoonni gootummaan lolanii gaafa 12ffaa waraana Habashaa dahannoo isaa keessatti itti seenaanii hedduu irraa fixan. Ajajaan waraana Poortugaal Ayrees Deez jedhamu madaawee boodarratti du’e. Waraanni Habashaa moohame. Biifoleen duulaa isaa itti fufef Awaash cehee Faxagar waraanuu jalqabe. Hatahuu malee, Biifoleen akka Luboota isa duraa lafa haaraya qabachuudhaan hinmilkooyne. Habashoonni dhiibbaan Oromoo gara qa’ee isaaniitti dhihaataa waan deemeef jabaatanii dura dhaabbatan. Galaawudoos humna Habasha gurmeesse ofirraa ittise. Gama lachuu namni dhube baay’ee guddaa ture. biifoleen Gadaa isaa raaw’atee Michilleetti dabarse.

Michille:- bara 1555-1562

Michilleen Gadaa isaa kana keessatti namni diina hinajjeefne akka hin fuune, akka rifeensa mataa hinhaaddanne seera baase. Akka jedhamuttiis bara Gadaa Michillee kana Oromoon fardaan loluu jalqabe. Kanaaf lafa fagoo deemee lola gochuu jalqabe. Bara Michillee kana Galaawudoos waraana isaa Faxagar keessa jiru namicha Hamalmaal jedhamuti kennee bataskaana Imaam gube ijaarutti deebi’ee ture. bara 1555tti Michilleen Hamlmaaliin bakka Dagoo jedhamutti waraanee moohe. Hamalmaal moohamuun Faxagariin guutumatti harka Oromootti deebise. Faxagar Enriif Karrayyuu har’aani taha. Michilleen Faxagar irra dhaabbatee Cafaat, Bazimoofi Daamoot salphatti rukutuu jalqabe. Gibeen qabachuuniis yeroo kana jalqabe. Bara Michillee injifannoo guddaan argame garuu, Islaamootarratti ture. islaamoonni eega Imaam Ahmed boodde weerara guddaa kiristaanatti bobbaasuu hindandeenye. Hatahuu malee, geggeessaan Islaama Harar Amiir Nuur jedhamu humna walitti qabatee bara 1559tti Habashatti duulee ture. amiir Nuur Galaawudoosiin lolee moohe. Galaawudoos lola sanirratti du’e. Amiir Nuur osoo inni injifannoo argatetti gammadee ayyaaneeffachaa jiruu Oromoonni magaalaa Harar seenanii barbadeessan. Oduu kana dhagahee osoo inni gara Harar deebu’utti jiruu Michillee bakka Tulluu Hazaaloo jedhamtutti haxxee hidhee rukute. Lola taherratti Oromoonni haa dhuman malee, Amiir Nuur ni moohame. Waraanni saa harka loltuu Oromoorratti akka dhadhaa baqee dhume. Lubbuun kan keessa bahan xiqqaa ture. lolli Tulluu Hazaaloo biratti tahe kun, yeroo dheeraaf Kiristaanaafii Islaama gidduutti lola deemaa ture addaan kute. Humni Oromoo jabaachuun warra wal lolaa turan gidduutti nagaya buuse.

Michillee booddee duulli Oromoo karaa lamaarraa tahuu jalqabe. Isaaniis:- Oromoota Walloofi Maccaafi Tuulama. Wallo keessati kan Gadaa fudhate Harmuffaa jedhama. Kan Tuulama ammoo, Hambisaa jedhama. Lachuu saanii bara 1563-70tti Gadaarra turan. Hambisaan duula gurguddaa Shawaa keessatti haa godhu malee, Amaara dhiibuu hin dandeenye. Mootiin Habashaa Minaas akka jabatti Hambisaafi Harmuffaa dura dhaabbate. Osoo isaaniin loluu du’e. Malaak Saggad ykn Sarta Dingil kan jedhamu itti dabree aangoo Habashaa qabatee lola ittifufe. Hambisaaniis lafaa haaraya osoo hinqabatin Minas wajjiin lola gurguddaa osoo godhuu Gadaan isaa dhumeeRoobaleetti dabarse. Harmuf Awaash cehee Affaarootafi Habashootatti duuluu jalqabe. Gi'orgis Haaylee kan jedhamu bakka qacinaafi Wayaata jedhamutti lolee Moo'e. Affaarootaas lolee naannoo Angootttifi Ganyi jedhamtu qabatee taa'e. Bakka kanarraa Amaara Saaynitiifi Bagamidritti duuluu jalqabe. Harmuuf bara Gadaa isaa Affaaroota, Argoboota, Doobotafi Amaaroota Ganyiifi Angoot keessa turan waraanee ofjala galchee gosa moggaase. Harmuuf Affaaroota humna isaanii cabsee baay'ee xiqqeese. Harmuuf Gadaan isaa dhumee Robaleen harka fudhate.

Robaleen:- bara 1571-1578

Malaak Saggad Roobalee Shawaa keessatti dabarsuu dhoorke. Ofiis garuu Roobalee dhiibuu hindandeenye. Shawaa keessatti haala akkanaan jiru Roobaleen Walloo Bagamidir seenee lola jalqabe. Yeroo kana Malaak Saggad saffisaan gara Bagaamidir deebi'ee Roobalee bakka wayinaa Dagaa jedhamutti lolee Roobaleen moohame wallotti deebi'e. Roobaleen hoggaa Malaak Saggfad gara Bagaamidir deeme, duula Shawaa keessatti jabeessee Amaaroota gara hallayyafi olqatti naqee biyya qabate. Malaak Saggad deebi'ee Roobalee dhiibuu hindandeenye. Gadaan isaanii dhumee lamaanuu Birmajiif bakka gaddhiisan.

Birmajii:- bara 1579-1586

Bara Gadaa Birmajii Oromootni Amaara hedduu muddanii qaban. Birmajiin Wallo Bagamidir seenanii Amaaroota hedduu fixan. Aantoot Malaak Saggad lolarratti dhuman. Amaara Bagamidir akka malee hollachiisee. Birmajiin Tuulamaafi Macaa lafa fardi isaa dhaquu dandayu mara deemee qabate. Amaarri gara hallayyaafi holqatti galtee dhokatte. Osoo gaarri, hoqiifi hallayyaan hinjiru tahee, namni hafu hinjiru jedhaa ture barreeysaan Habashaa Alaqaa Atsimeen. Malaa Saggad oliifi gad fiigutti yeroo isaa fixe. Birmajiin Shawaa laga Jamayii cehee Waqaa qabatee Amaara lafa Oromoo keessa qubatte Habashaarraa kute. Achirraa Gojjaamiifi Daamoot waraanuu jalqabe. Malaak Saggad nama Daragoot jedhamu akka Gojjaamiin ittisuuf itti erge. Birmajiin lola Daaragootirratti du'e. Haa tahu malee Birmajiin gara dhuma Gadaa isaati jala Gojjaam keessatti moohame. Biramjiin bakka lachuutti Gadaa gad dhiisanii Mul'atatti dabarsan.

Mul'ata:- bara 1587-1594

Bara Gadaa Mul'ataa kana Walloon hedduu hinduulle. Yeroo lama duwwaa Godaritti duulee saamee Wallotti deebi'e. Qubatee waan taa'e fakkaata. Mula'ati, Maccaafi Tuulama duula isaa itti fufe. Bifa lolaa geeddaree Amaara karaarratti gaadanii ajjeesuu jalqaban. Gaara gidduufi saaqaa dhiphoo ta'an jiddutti eegee Amaara murachuu jalqabe. Kanaaf Amaarri bara sana lafa sodaatu bira hoggaa gahewalitti lallaba, walwaama dabra ture jedhama. Bakka fardasaaf mijjaa'u Gondariifi Gojjaam keessa gulufee basha'e. Boodaas achi quabatee taa'e. Amaarri araarfachuu jalqabdee, suuta suutaan walmakuu jalqaban. Haa tahu malee, lolli isaan jiddu hindhaabbanne: isaan keessa warri gurguddaan:

Jaarraa 17ffaa jalqabarratti (1605-1617) bara mooti Habashaa Suusiniyoos Oromoon Bagamidrifi Gojjaamitti duulaa ture, garuu ofirraa ittisan.

1620 Oromootni Walloo Bagamidriti duulan.

Qaabsis Paaris (Paris chronicle) jedhamu lolli gurguddaan baroota 1639, 1643, 1649, 1652fi 1658tti akka tahan galmeessee jira.

1661 Oromoonni Walloo Warra HimannooGondaritti duulanii Faasilaa Dasiin lolan.

1683-1688 Oromoon Guduruu Habashaa lolee moohe.

1709 bara Tewoofiloos mooti Habashaa ture Oromoon Amaaratti duulee ture.

Jaarraa 18ffaa kaasee lolli xixiqqaan Amaaraafii Oromoo jiddutti deemaature. Amaaroonni Oromoo ofitti qabuu (firoomfatuu)jalqaban. Waldhabbii isaan jidduu jirurratti akka Oromoon isaan gargaaru hawwachaaturan. Yeroon itti Oromoon waardiyaa mooti Habashaa tahee qa'ee(gibbii) isaaniitti galees niture. Habashoonni walii isaai fonqolchuufi aangoorraa turuufiis Waraana Oromootti yeroon dhimma ba'aa turan niture.

Duula Oromoo kana booddee haala akkamiitu Gaafa Afrikaa keessatti dhalate? Humni Oromoo jechuuniis maal uume? Hamma Oromoon Gadaan of hinjaaranitti miidhaa gurguddaan irrgahaa akka ture beekamaadha. Yeroo sanaas Kiristaanootnifi Islaamootni duula wailrraa hincinne walirratti oofaa turan. Gaafni Afrikaa bakka lolaa turte jechuun nidandayama. Oromoon Gadaan ijaaramee as bahuun, madaala humna Gaafa Afrikaa keessatti jijjiire. I) lola Kiristaanaafi Islaama jidduu nidhaabe. 2) hawwii babal'achuu Habashaan qabu dhaabee walitti isii suntuurse. 3) Oromoo kabajamaafi sodaatamaa taasise. 3) Mootummaa Islaama Harar dhawee walitti bute. 5) daangaarratti waldhiibuufi lola xixiqqaa tahan malee, nagaya gara jaarraa lamaaf Gaafa Afrikaatti buuse.

Madaalli humnaa kan yeroo dheeraaf ture, kan jijjiiramuu jalqabe walakkaa jaarraa 19ffaa booda eega meeshaan lolaa haarayni harka Habashoota seene ture. Yeroo kanarraa kaaseeti kn Oromoon caphee kolonii Habashaa tahuu kan jalqabe.