Seenaa Gootota Oromoo

      

Goototni Oromoo: Maal jedhan....

"Dhiigni koo, dhiiga mirga uummata Oromoo kabajsiisuuf dhangala'u waan ta'eef dhiiga lafatti badde (dhiiga gumaa hin qabne) miti. Hojii an hin hojjetiini sobaan na yakkanii namoota adda bu'aa natti murteessani hundda bakkattii kanatti ummatni Itiyoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti akka inni gatii isaanii kennuuf nan amana. Oolee haa bulu malee mirgi uummata Oromoo wallaansoo fi carraaqa ijoollee isaan kabajamuun isaa hin hafu."

Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir

 

"Mootummaan kun waan kaayyoo keenya balleesse itti fakkaatee ofumaa nu dhiphisa. Yoo kaayyoo keenya ta'e inni akka bofa garaa keessa seenee ti. Yoo garaa alaatti harkisanis ta'e yoo gara keessatti gadi lakkisan firiin isaa tokkichuma. Summiin isaa tamsa'ee jira hoo."
Obboo Hailamaariyaam Gammadaa

 

 

Maqaan gootota Oromoo kan lakkaayamee/ waamamee dhumu miti, garuu sana keeyssaa xiqqoo maqaa dhayanii yaadachuuf: General Taaddasaa Birruu, Obboo Magarsaa Barii, Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir, Aaddee Daraartuu Roobaa, Obboo Elemoo Qilxuu, Haajii Adam Saaddoo, Obboo Mohammed Gadaa, Obboo Baaroo Tumssaa, Jaal Guutamaa, Jaal Gabbisaa, Obboo Hailamaariyaam Gammadaa, Haajii Simbirroo, Jaal Guutamaa, Jaal Gabbis, Jaal Magarssaa Daadhii, Jaal Daggafaa Qaqqabaa, Jaal Caalaa Najjoo, Jaal Irreessaa Caalaa, Barataa Alamuu Tasfaayee (kan xiqur Incinnii keeyssatti diinotaan ajjeefame), barataa Lammaa Anbassee (naannoo Bishooftuutti kan diinotaan ajjeefame), Barataa Caalaa Xiiqii (Bishooftuu keeyssatti diinotaan kan ajjeefame), ......Uummatnni Oromoo Yoomuu isin hin irraanfatu!!

 

HAYYU DUREE SEENAA SOORESSAA : Generaal WAAQOO GUUTUU (1924 - 2006)

Gurraandhala, 3 , bara 2006

General Waaqoo Guutuu abbaa isanii Guutuu Usuu fi haadha isaanii aadde Qullo Alii Hasan irraa akka laakkooysa Warooppaatti bara 1924 tti aanaa Madda Walaabuu lafa Odaa jedhamtutti dhalatan. Gen. Waaqoo Guutuu warra guddaa ilmaan hedduu qaban irraa dhalatan. Abbaan isaanii Guutuun dhiira 10 fi dubartii 9 wolumaa galatti ilmaan 19 horan.

Generaal Waaqoo Guutuu dubartii 7 irraa ijoollee 49 ka argatan yoo ta'u, kana keessaa 15 lubbuun hin jiran. Gen. Waaqoo Guutuu ilmaan 34 haawwota wajjiin uf duubatti dhiisan. seenaa guutuu.......


SEENAA GABAABAA JAAL GISHUU JAARRAA 

"Situ kufe malee kaayyoon kee hin duunee,
Nutu bakkaan gahaa fajjii kan kee fuunee!"
Jaal GISHUU JAARRAA kutaa Baalee, konyaa Waabee, ona Jaarraa , Dirree Sheek-Huseen, araddaa Dalluu-Gaalaa jedhamutti dhalate. Maqaan haadhaaf abbaan baasaniif, Abdulkariim ture. Guutummatti maqaan isaa, akka dhalootaa-tti: Abdulkariim Sheek Aadamaa Jaarraa jedhama.
Seenaa guutuu


  Magarsaa Barii  Eenyu Turan?

 

 

Obbo Magarsaa Barii bara 1942 abbaa isaanii Barii Tuaa fi haadha isaanii Caaltuu Tufaa irraa Kuta Arsii Koonyaa Cilaaloo, Ona (aanaa) Lemmuu fi Bilbiloo (Boqqojjii) ganda Leemmuu jadhamutti dhalatan.

Maatiin(warri) qonnaan bultoota sirna nafxanyaa duraanii sanaan hacuucamaa fi cunqurfamaa turan yeroo ta'u bara 1953 lafa qonnaa barbaacha godina Arsii irraa gara godina Baaletti... dhufaa jira.

 


SEENAA AADAM JILLO WEEBOO

 Aadam Jiloo Weeboo abbaa isaanii Jiloo Weeboo Tureetiifi haadha isaanii Tukkee Roobilee Bulbul irraa bara 1917-tti Madda Walaabuutti dhalate. Gadaa ijoollummaa isaatis qananiifi kunuunsa haadhaafi abbaa argachaa achuma Madda Walaabuutti guddate. Aadam Jiloo hiriyoota waliin waldhaansoodhaan, fiigichaanifi utaalchaan waldorgomuu jaalachuudha ture. Aadam Jiloo Weeboo waldhaansoo, utaalloo, fiigichaafi taphoota adda addaa jaalachuu ture. Waldorgammiifi walmorkii godhamtu mara kessaa qooda fudhachuudhaan qaamaaf gaafa ijoollee hiriyoota waliin guddatan. seenaa guutuu


SEENAA GOOTICHA BARATAA KABBADAA BADHAASEE

 

Kabbadaa Badhaasee abbaa isaa obbo Badhaasee Irkoo fi haadhaa isaa
aaddee Maammee Tulluu irraa bara 1984 A.L.O tti caamsaa 23 godina
Shawaa Lixaa Aanaa Xuqur Incinnii Ganda Qonnaan bulaa Naannoo
Jidduutti dhalate.Kabbadaan Dhalatee kan guddate maatii isaa biratti
yeroo ta'uu hanga umrin isaa barumsaaf gahutti maatii isaa
tajaajilaa ture.Yeroo daa'imummaa isaa daa'imoota olla walitti
yaa'anii taphatan keessaa daa'ima simboo addaa kana jedhanii ibsuun
nama rakkisu qabu ture. seenaa guutuu
SEENAA  BARATAA GAADDISAA HIRPHASAA

 
 
Barataa Gaddisaa Hirphasaa abba isaa Obbo Hirphasaa Qana’aa fi haadha isaa Aaddee Jaalannee Diroo irraa Eebla bara 1980(A.L.O.) Godina Shawaa Lixaa Aanaa Xuqur Incinnii ganda Qorroo Haarritti dhalate. Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma Xuqur Incinnii mana barumsaa Boorat sadarkaa 1ffaatti xumure. Barnoota sadarkaa lammaffaa kutaa 9 M.B. sadarkaa lammaaffaa Gudaritti kan hordofe yoo ta’u 10-12 ammoo M.B.sadarkaa lammaafaa Jimmaatti barate. Qormaata Biyyoolessaa qabxii olaanaa galmeessuun Yuunivarsiitii Finfinneetti ramadame. Barnoota sadarkaa olaanaas qabxii guddaa fiduun
muummee Teeknooloojii seenuun barataa civil engineering waggaa 4ffaa ture.seenaa guutuu