Sheekkoo ykn Afoola Oromoo
Jabana tokko maatii hantuutaa keessatti, kan gurraacha dhimuu fakkaatu tokkotu dhalate kunis hantuutota isaan kaanirraa adda ta'ee waan dhalateef, sanyiin hantuutaa ilaalanii baay'isanii dinqisiifatan. Kan dhalate kun guddatee gaa'elaa hennaa gahu, intala itti herumsiisuu qabaniarratti mari'atan. Marii booda akkas jedhan "ilmi keenya adda waan ta'eef ilmoo waaqaa kadhanneefi fuusifna" jedhanii waliigalan. Gaaf tokko, dhimma kanaaf, jaarsoolii afur samiitti ergan. Akkuma ergamaniin waaqa wajjin wal arganii
Ilmoo adurreefi ilmoo hantuutaa
Gaaf tokko galgala ilmoon hantuutaa manatti galtee oduu guyyaa itti oolte haadha isiitii himte. “yaa haadha koo! Har'a hiriyyaa bareeddu kan ijji isii miidhagu tokkoon arge. Yeroo haasooytu sagaleen isii namatti tola. Hugguu deemtu jattee tarkaanfati, rifeensi isii akka jibriitti lallaafa, areeda dheeraa qabdi. An isii wajjiin osoon taphachuttu jiruu namich jarjaraafi hababaraan tokko waan akka kall'ee lama waliin dhawee, yaa haadha koo! Awwaaraa nutti kaase nu naasisee jennaan baqanee gargar fiigne. Kanaafaan kun baqadhee gara manatti gale, yaa haadha koo” jette. Haati hantuutaa kana dhaggeeyfattee, “yaa dhala koo waaqayyoon harkaa si baase malee isiin ati bareedaadha, hiriyyaan godhadha jette sun sanyiib isii kan sanyii keenya lafarraa fixe. Abbaa kee akaakayyuu kees kan ajjeesse sanyii jaraati. Gara fuula duraatti jara kana fakkaatan hoggaa argitu if eeggadhu. Dafii karaa duraa maqi. Namichi isin naasise, jarjaraan hababaraan foon mataarraa qabu sun fira keenya. Sanyiin isaa takkaa nu xuqanii hin beekan. Hoggaa namni foon isaa nyaachuuf isa qalatu lafeen isa irraa hafe nu ga'a” jette. Akkuma ilmoon hantuutaa manatti galtee haadha isiitii waan garte odeessite ilmoon adurrees manatti galtee haadha isiiti odeessite. Haati adurree oduu ilmoo isii kana dhaggeeyfattee, “ani sanyii isaanii isiniif adamseen ittiin isin guddise maalif akkasumatti cal jettee gad dhiifte? Lamada yoo walitti deebitan qabadhuu alanfadhu malee akkasitti gad hin dhiisin” jetee ilmoo isii gorsite. Borumtaa isaa lachuun isaan taphachuuf yeroo bakkeeti bahan, ilmoon adurree ilmoo hantuutaatiin” yaa hiriyyee kaleessaa koottu wajji taphannaa” jette. Yeroo kana ilmoon hantuutaa deebiftee”yaa hiriyyee kaleessaa isa haati kee sitti himte haati koos natti himteetti” jetteen.
Duula hantuutaa fi lukkuu
Gaaf tkko hantuutaa fi lukkuun osoo duula deeman jeedalaa fi waraabessatti dhufan. Osomaa deeman aduun karaatti itti dhiitee jeedalli lukkuun hatuutni qabbana hin dandahuutii ufjala raffisi situ koola qabaa jetteenii hantuutni lukkuu jala bulee kooluu isii cufa irraa fixe. Ganama yeroo bari’u deemsa ka’nii, lukkuun rifeensi irraa dhumee deemuu hin dandeettuu ati asumatti nu eegi jedhanii biraa deemanii lukkuu rumichi fudhate. Guyyaa lammaffaa haatuuta, jeedalaa fi waraabessa tahanii waliin osoo deeman aduun itti dhiitee, jeedalloon waraabessaan ati hangafa keenyaa walitti mamaxxannee rafna jetteenii, eegee hantuutaa eegee waraabessaatiin walitti hiitee ganama yeroo lafti bariitee deemsaa ka’an, jeedalli waraabessaan ati hangafa keennaa nu dura deemi jetteenii, yeroo ka’an jeedalloon waraabessaan waatu duubaa si ari’a jetteenii waraabessi arda ( fiigicha ) itti kute. Akkasitti jeedalli qaruutummaan isiitiin hafte jedhama.
Baqa harree fi saree
Gaaf tokko sareen qabbana keessa na oofuu, balbala na eeysisuun na miidhee ; ni bannaa beenu jettee harreen mari’atte. Harreenis ani fe’aan natti baayyatee, bakka fe’aan hin jirretti baqadha jedheenii waadaa walii seenan. Waadaan isaan irratti waliigalanis, sareen, " yoo calee (marga) argattee dheeddee quufte nuttin alaakin" jetteen harreen. Harreenis yoo beelofte nuttin iyyin jedheen sareen. Kanarratti walii galanii deemsa eegalan. Osomaa yaa’anii lafa margaatti dhufan. Harreenis marga isaa waan argateef dheedee dheedee quufee alaakuu eegale. Sareenis nuttin alaakin waraabessa nutti yaamta jetteen. Harreenis alaakuu hin dhaabnee alaakuu isaa itti fufe. Ammas deebiftee sareen akkana jetteen " kan durattii yaamuu keetii kan ammaa bakka jirru itti himuu keetii " jetteen. Achumaan waraaboonis dhagayee dhufee, waraaboon akkana jedheen harreen " koottu waldhaansoo walqabnaa " jedheenii harree fi waraaboon waldhaansoo walqabuu eegalanii harreen lafaan dhayattee jennaan " hayye kaa waldhaansoo walqabnee amma narraa ka’I kaa " jedheenii harreenis gowwaa waan taateef irraa kaatee yeroo lammaffaaf walitti deebi’anii waldhaasoo wal qabanii waraaboon lafaan dhahatee jennaan harreen akkana jetteen " hayye kaa ani lafaan si dhawadhee sirraa ka’ee atis narraa ka’ii " jennaan harreen waraaboonis akkana jedheen " warri keenna lafaan nama dhahatanii namarraa ka’uu hin beekan " jedheenii waraabessi harree nyaatee yoo raawwatu saree mammaramtee ciiftu argee, aboo maal asii gootaa mitii deemii billiitii harree addaan babaasii fidii jedheen. Saniin booda sareen billiitii harree addaan baaftee eega fixxee booda waraaboon akkana jedheen sareen "obbo saree onnee fidii " jedheen. Sareenis akkana jetteen " osoo harreen onnee qabaattee maal godhiinsa as dhufte " jettee sareen onnee harree nyaatte jedhama.
Qocaan dur mana hin qabdu turte. Gaaf tokko shimbirroon/ simbirroon faajii jedhamtu tokko qocaa agartee shimbirroota hundumaa waamte ”koottaa qocaa nyaadhaa” jettee. Qocaan kana hugguu dhageesse sodaattee, ”yaa rabbi na gargaari jettee kanadhatte”achumaan waaqayyoon / rabbiin mana tolcheef. Akkasitti qocaan mana sana keessa lixxee diina/nypha jalaa ba'uu dandeesse.
Harreefi waraabeessa
Bara dur harroonni sagalee waraabeessaa waaqa keessaa dhagayuu malee ijaan hin argan turan. Gaaf tokko, “mee isa gurraan dhageenyu kana ijaan nu garsiisi” ja'anii waaqayyoo kadhatan. Kana irratti waaqayyoon kadhaa isaanii dhagahee waraabeessa gad buuseef. Gaaf tokko abbaan waraabeessaa duunaan harroonni du'a/taaziyaa gahii dhaqan. Harroonni ala mana jala teenyaan waraabeessi immoo “ ol lixaati mana ta'aa” jedhan. Harroonni garuu waan sodaataniif warra kaan alatti hambisanii warri jaarsoolii qophaa'anii ol lixan. Kana booddee waraabeessi “ maalif du'a gahii abbaa kootii dhufuu dhabdan?” harroota gaafate. Harroonni immoo deebisanii “ maal ammaas abbaan kee in ka'e dhufnee maaltu bade” jedhan. Waraabeessoonni garuu aaranii kan daftanii du'a gahii abbaa keenyaa dhufuu turtan irratti yommuu waan nyaatan (qabbaneessaa) nuu fiduu diddan” jedhanii itti utaalanii huuruu harrootaa irraa cufatan. Achumaan ilkeen harrootaa bakketi hafee yommuu argan, “ isa abbaan keenya du'e gadduu dhuftan jennaan kolfuu dhuftanii? Jedhanii yommuu isaan warraa mana keessaa hundumaa qabatan, isaan immoo warraa alatti hafaniin “ nuti mancaaneera warri haftan baqadhaa” jedhan. Kana booddee harroonni warri hafan waliin mari'atanii iyyata isaanii waaqayyotti akka isaaniif dhageessisu manguddoo isaanii kaphuuriin gara waaqaatti ergatan. Kaphuur hamma deebi'ee dhufuttu waraabeessi harroota sana akka hin fixneeef namatti kennatanii adeeman. Namn immoo dadhabiinsa maal akka argatu yommuu isa gaafate kaphur “gurratti hin dabarsin, gurraan gahii itti fe'adhu jedheen.”
Harroonni deebi' kaphur waan eeggataniif yommuu faandoo harree argan fuunfatanii”kun faandoo kaphur”jedhu. Kanaaf hamma har'aatti yommuu karatti walitti dhufan huuruu walii fuufatanii”oduu kaphur quba qabdaa” jedhanii walgaafatu
Itti fufa..................