SOCHII DARGAGGOO OROMOO

(SEENAA QABSOO BILISUMMAA KEESSATTI)



Qabsoo barattootaa fi dargaggootni Oromoo amma tarkaanfachiisaa jiran sababii gochuu dhaan, gulaalaan Qaanqee Bosonaa, qooda kaa'imtootni Oromoo (Oromo Youth) qabsoo bilisummaa kan bara dheeraa keessatti gumaatan, galma seenaa* keessaa qunxurree dhiheessa.

Qabsoon kaleessaa ka ardhaa irratti, kan ardhaa ammoo ka boruu irratti dhiibbaa qaba. Akkasuma jireenni hawaasaa-tis walitti hidhatee wal-duraa duuba tarkaanfata. Daaw'itii ardhaa tiin yoo of-duuba deebinee ija xiinxallaa tiin ilaalle, ardhi kaleessa keessa turuu isaa hubatna. Borus ardha keessatti dhalatee, bor ammoo "bor" jedhamee of-dandahee dhaabata.

Akkaatuma kana fakkaatuun, qabsoon waggoota dheeraaf deemaa tures sochii amma shamarranii fi dargaggootni Oromiyaa geggeessaa jiran irratti dhiibbaa gumaatetu jira. Guumaatni sun garuu, sonaan barreeffamee dhaloota ardhaa-tti hin himamne. Seenaan ofii-of hin barreessu. Namatu barreessuu qaba. Namni haala dabre beeku yoo barreessee yookaan afaaniin himee dhalootaa hin dabarsin, seenaan suns awwaalamee hafa. Harqootaa (waanjoo) gabrumma jalaa Oromiyaa baasuu dhaaf kaa'imtoota qabsoo keessatti kufan tokko-tokkoon maqaa dhawuu baannus, seenaa boonsisaa isaan galmeessanii dabran kaafnee wal-yaadachiisuun, dhaloota ammaa-f barnoota guddaa tahuu dhaan hamilee gabbisa; qabsoo-illee iticha.

Dhalootni ardhaa, dogoggoraa fi shira qabsoo kaleessaa keessatti uumame irraa baratee---qabsoo jalqabe kanas jaarmaya lubbuu-qabuun tarkaanfachiisa jetne abdanna. Seenaa irraa baratuunis kanumaaf barbaachisa. Dhibdee daandii kaleessa yoo ifatti beekne, daandii ardhaa sirreeffatuu dandeenna. Ka dabre qofa otuu hin tahin, sochiin ardhaa-tis dabaree eeggatee seenaa keessatti galmeeffama.

Sirna kolonaaleffataa Habashaa hiddaan buqqisuu dhaaf sochiin dargaggootni Oromoo tarkaanfachiisan seenaa bara dheeraa qaba. Oromiyaan lafa bal'oo waan qabduuf jecha, sochii deemsifamaa ture mara sadarkaa guutummaa biyyaatti beekuu dhaaf qoratnoo guddaa nama feesisa. Ammaaf garuu, namuu haga beeku irraa yoo barreesse, walitti dabalamee seenaa guutuu taha. Herregni barreeffam kanaatis kanuma.

Sochiin dargaggoota Oromoo, akka sochii barattootaa-tti bara sirna mootii-moototaa (Absolute monarchy) keessatti buuphaan isaa uumame. Akka lakkoofsa dhahata Awuroophaa-tti bara 1973, kutaalee Oromiyaa naannawa adda addaa keessatti barattootni Oromoo harka lafa jalaa tiin maandhee ijaaratanii gama tokkoon fincilaa fi diddaa mootummaa Hayila Sillaasee irratti godhamu kakaasaa, gama biraatiin qonnaan-bulaan Oromoo lafa "malkanyaa" Habashaa tiin dhaalame deebise akka dhuunfatu gurmeessaa turan.

Warraaqsa bara 1974 Impaayera Toophiyaa keessatti dhoohe argamsiisuuf, qoodni dargaggootni Oromoo gumaatan seena keessatti bakka guddaa qaba. Barattootni barnoota dhiisanii gara qe'ee-tti dacha'anii hin cal'ifne. Hawaasa keessa lixanii kakaasuu dhaan warraaqsa finiinsan; qaanqee hin-dhaamnes qabsiisan. Lafti akka qonnaan-bulaan dhuunfatamu gochuuf qabsoo deemsifame wixina irra haga "labsa" gaafii san dhugoomseetti, dargaggootni Oromoo qooda boonsisaa gumaatan.

Haatahu malee, dargaggootaa fi hayyoota ilaalcha warraaqaa tarkaanfachiisuu irratti bobba'an san daandii qabsiisee gara humna bilisummaa Oromiyaa-tti deebisuu dhaaf, jaarmayni sadarkaa guutummaa biyyaatti beekamee hin turre.

Akkuma seenaa sochii ummataa irraa hubatamu-tti, warraaqsi jaarmaya cimaa dhaan hin hogganamne abbootii-irree tiin butamee galii yaadame irraa maqa; wareegama hin barbaachisnes nama baasisa. Jecha kanaaf ragaan guddaan, haala bara 1974 ture wal-yaadachiisuun gahaa dha. Yeroo sanitti, surrii qaanqee warraaqsaa tiin finiine gab-gochuu dhaaf, ilmaan Oromoo baay'een "ilaalchi sirna wajjiin-jireenna (socialist ideology) rakkinna sabaa fi sab-lammootaa tiif furmaata argamsiisa" yaada jedhuun jaarmayoota Impaayera Toophiyaa kabeebsuuf dhaabatan keessa duudan.

Mootummaan humna waraanaa ----Dargiin, surrii hayyoota Oromoo xuuxee itti gargaaramee, booddee garuu dabaree dabaree dhaan wal-nyaachisee lammiiwwan saba tokkoo wal-ficcisiise. Yeroo san ture, hayyootaa fi dargaggootni beekkomsa baranee qaban hammi tokko, tooftaan Impaayera Toophiyaa kabeebsuu akka Oromiyaa walaba hin baafne hubatanii ka qabsoo bosonaa-tti dabalaman.

Kun tahuu durattis , gara biraatiin sochii seenaa keessatti dagatamaa dhufe tokko-tu ture. Innis, maqaa " Soowraa" ["Warraaqsa"] jedhamuun beekama. Bilisummaa Oromoo falmatuu dhaaf dargaggootaa fi gameeyyiiwwan kuma heddu-tti lakkaawaman sochii sanitti dabalamuu dhaaf: Baale, Diida'a (Arsii), Harargee fi Booranaa keessaa gara Somaaliyaa-tti girrisan. Leenjii waraanummaa tii fi hidhatnoo fudhatanii bosona-tti deebi'an. Haatahu malee, jaarmayni caasaa baranee tiin of-qindeessee humna guddaa kana naamusaan toohatuu dandahu hin turre. Gara biraatiin, mootummaan Somaaliyaa tis sochii kana-tti dhimma bahee dantaa isaa fiixa baasatuu dhaaf shira waan hojjataa tureef jecha, qabsaawota Oromoo sanitti, hireen wareegummaa qisaasaa baasuu dirqama seenaan isaan-itti fide tahe.

Dhugumatti, namoota sochii bara " Soowraa" sirritti beekaniif, lolli akkasitti raayyaa mootummaa Habashaa naannoowwan heddu keessatti gamaa-gamanaa muddee raase, seenaa Oromoo ka gaafa bara Minilikii asii keessa hin jiru. Garuu, jaarmayaan hogganamuu dhabuun sochii sanii, akkuma sochii " bara dhoobirkaa" jedhamut-tti, lubbuu fi qabeenna daangaa hin qabne saba Oromoo baasisiissuu bira dabree faaydaan argamsiisse hin turre. Diinagdeen hawaasa kutaawwan sochiin sun keessatti deemsifamee bara san unkutaawe. Manguddootni bebbeekamoon gita hin qabne hedduun isaanii bara san dhuman. Ummatni kumaatamni baay'enis biyyoota ollaa-tti dahatee, achumaan "dhaloota seenaan irraanfate" tahee hafe.

Sochii Oromoo Baalee ka bara 1963 irraa jalqabee haga ardhaa-tti, dargaggoota cir'achi Somaaliyaa liqimse, dargaggoota alaabaa Oromiyaa dhugoomsuuf dirree qabsoo keessatti wareegaman, dargaggoota manneen hidhaa mootummoota Habashootaa keessatti kufan, dargaggoota dooniwwan bahara (galaana) Diimaa wajjiin imala Jizaan keessatti nyaataman, dargaggoota mooraa dahattootaa kan Keenyaa keessatti hamileen cabdee hafan, dargaggoota oow'aa fi gaaga'iinsi poolisoota Jibuutii sammuu hadoochee zarraa ("barandaa") jalatti harca'an, dargaggoota Suudaan, Masrii, Ugaandaa, Taanzaaniyaa, Yaman, Afrikaa Kibbaa, Sa'uudi Arabiyaa fi biyyoota gara garaa keessatti haga yeroo ammaa kaanatti abdi tokko malee du'aaf jireenna jiddutti rarra'anii guyyaa lakaahatan yaadachuu duwwaan, wareegama dhalootni wal-irraa dhaalee baasaa jiru ifatti mirkaneessa jetnee amanna.

Gara seenaa jalqabneetti yoo deebine, warraaqsi bara 1974 Impaayera Toophiyaa keessatti dhohe, bu'ura gaafii saba Oromoo akka deebisuu hin dandeetne hubatuu dhaan, dargaggootni Oromoo, gameeyyii fi manguddoota sabaa isaanii wajjiin gurmaawanii jaarmaya qabsoo bilisummaa masaku, Adda Bilisummaa Oromoo uumatan. Dargaggoota Adda Bilisummaa Oromoo jalatti hiriiranii wareegaman kuma heddu as keesatti tarreessanii ibsuun dandeettii fi humna xalayaa kanaati oli. Garuu, seenaa waggoota dheeraa dhiifnee dargaggootuma bara Chaartaraa-ti as dhuman, kanneen haga ammaattis manneen hidhaa Wayyaanee keessatti gidiramaa jiran yaadatuun gahaa nutti fakkaata. Hogganni boodatti-hafaan, shamarranii fi dargaggoota Oromoo moora keessatti galchee rasaasa Wayyaanee tiif isaan saaxile. Kunis cubbuu fi yakka seenaan hin dagatne.

Aangawootni jaarmayichaa yeroo roophilaan alatti girrisan, qabsaawotni haqaa garuu akkuma dur bosona-tti dacha'anii wareegama baasan. Kanneen lubbuun hafan, ardhas kunoo baasaatuma jiran.

ABO durii, akka leencaa bosonaa-tti yoo isa fakkeessine, hogganni muratnoo bilisummaa hin qabne garuu, dhaaba kana daldala aangoo-f oolchuu dhaan leenca ilkaan hin qabne taasisee qaarriffaa tokko-tti isa hanbise. Addaan qoodamiinsi baranaa, qaarriffama hafe sanuu irraa buqqise.

Hogganootni kun, haga carraa akka "Kora London" argatanii Habashoota wajjiin aangoo qoodamuuf Finfinne-tti deebi'anitti, "Asmaraa" irraa bookkisaa-----maqaa qabsoo bilisummaa tiin shamarranii fi dargaggoota, abbootiif haawwota sabaa ficcisiisuu malee faaydaan isaan fidan gonkumaa (inumaa) hin jiraatu. Lammiiwwan Oromoo haqa kana hubatuu qaban.

Shamarranii fi dargaggootni Oromoo, hoggana qabsoo bilisummaa tiin daldalatee Finfinetti deebi'uu dhaaf ajaja Obboo Isaayyaas eeggataa jiru kana irraa akka of-eegan hubachiifna. Ummatni Oromoo, maqaa "adda bilisummaa" jedhu san jaalatuu alatti, eenyummaa hoggana kanaa ifatti keessa hubatee dhugaan beeku hin jiru. Jarreen kun ummata Oromoo bal'aa gurmeessanii hogganuu dhiisii, murna WBO tokko sonaan masakanii tooftaa itti baasanii bobbaasuu dhaaf ilaalcha gahaa hin qaban. Lammiiwwan Oromoo haqa kanas hubatuu qaban.

Sochiin diddaa-sirna gabroomfataa Habashaa irratti jalqabame akka bilchina horatee itti fufu gochuuf, namuu beekkomsaa fi qabeennaan bira dhaabatuun dirqama Oromummaa-ti. Dargaggootni ardhaa, qabso dargaggoota kaleessaa irraa baratanii, daandii dogoggoraa irraa of-eegaa tarkaanfatan jetnee abdanna. Hegereen saba Oromoo harka dhaloota ardhaa keessa jiraatuun isaaniillee hubatamutu irra jira.

Ummatni jaarmayaan gurmaawee hin qabsoofne humna hin qabu; walis quba hin qabu. Qabsoon isaatis eessa-illee hin gawu. Ummatni qajeelfama qindoominaa malee sochii geggeessu akka billaacha ibidda (abdidda) waziiza gubbaa deddeebi'ee balali'uu-ti.

Sochiin ummataa, tarkaanfii dallansuu (spontaneous action) bira dabree, gara tarkaanfii qindoominaan (co-ordinated action) fudhatamuu itti ol-guddatuu qaba. Kana gochuuf immoo, haaxoo-dhaaba (organizational networks) kan akka hidda dhiigaa-titti jaarmayicha sochoosu qabaatutu irra jira. Kaabaa-Kibba-tti , Bahaa-Dhihatti tarkaanfii qindoominaan geggeeffamu finiinsuu dhaaf, jaarmaya hawaasa keessatti caasaa diriiraffate nama barbaachisa.

Kanaafuu, sabboonotni Oromoo warraaqsa ummata irraa burqaaa jiru kanatti dabalamanii ogummaa beekkomsa isaanii tiin sochii kana roga qabsiisutu irraa eeggama. Dammaqqiin ummataa cimee sadarkaa ardha irra gahe kanatti, qabsoo bilisummaa fiixa baasuu dhaaf haala mijjaawatu bubbisa. Haalli kun ammoo bakka tokko dhaabatee nama hin eegu. Seera jijjiiramaa hawaasaa-ttu dirqisiisee dabarsa. Akka hayyichi ogummaa-falaasamaa kan Awuroophaa (European philospher) tokko: " Tarkaanfiin keenya utuu kaleessa tahe heddu itti jerjerre; utuu bor tahee baay'ee duubatti dhiboofne; ardha fudhatuu keennaan kunoo milkiidhaan fiixa baasne" jedhetti, tarkaanfiin guyyaa isaa eeggatee fudhatamu injifatnoo akka goonfatu hubatna. Duubatti hafuun gaabii qofa tahee hafa.

Dargaggootni ardhaa-tis, nu dargaggootni kaleessaa akka sobamne-tti yoo sobamanii hafan kasaaraa guddaa dha. Olola abjuu keessaa burqe kan hogganootni siyaasaa oofan hordofuun, hurritti rarra'anii hawwii dhaan qilleensa gubbaa gulufuu taha. Jarreen lafa-Oromoo takkuu takka bilisoomsuu dadhabantu kunoo ardha immoo kutaa lafa-sanyii biraa tiif tumsanii bilisoomsuu dhaaf " lola" banuu isaanii labsee dargaggoota-tti of-dhaadaa jira. Ka surrii qabu haa hubatu jenna!!

Sochii dargaggootaa walaba (independent youth movement), Oromiyaa keessatti qabate akka waan daballootni "adda bilisumamaa" gurmeessan fakkeessanii, biyya alaa taa'anii ololuun seenaa kaa'imtoota kanaa xureessuu bira dabree, lubbuu isaaniitis qisaasuu taha. Sabboonota Oromoo dhabamsiisuuf kan sababaa barbaadan, OPDO-f Wayyaneen, hunbuluqa (warraaqsa) dargaggootaa tiin rifatanii, hardhas kunoo maqaa ABO-tiin dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jiru. Kan ajjeesee fi kan ajjeesises haleellaa seenaa jalaa hin miliqan jenna. Kan nama gaddisiisu garuu, lammiin saba Oromoo "hamma yoom maqaa dhaaba "hoggan-dhablee" kanaan dhuman?" gaafii jedhu taha. Dhugumatti, itti yaadamuu qaba!! Malli nutti fakkaatu: ummatni Oromoo ka’e, hoggana ayyaan-laallataa fi qancarsaa qabsoo bilisummaa fi Adda Bilisummaa Oromoo laamshesse san fonqolchee dhaaba kana dhuunfatuu, yookaan tufee of-keessaa baasee humna lubbuu-qabu ijaaratuu dha.

Haga alaabaan Oromiyaa gad-dhaabatu-tti, qabsoon itti fufa. Wareegamnis ni baafama. Kanumaafi, shamarranii fi dargaggootni umrii qacalee, rasaasa mootummaa Wayyaanee dura dhaabatanii ka sagalee diddaa dhageessisaa jiraniif. Rasaasni mootummaa gabroomfataa, lammiiwwan Oromoo ajjeesuu ni dandaha. Garuu, kaayyoo fi kaayoo isaan wareegamaniif kan BILISUMMAA OROMIYAA eenyus ajjeesuu hin dandahu! Ammas qabsoon itti fufa. Qaanqeen bosonaa-tis hin dhaamu; daran qabatee diina waxala.

Oromiyaan qabsoon bilisoomti!
Qabsoon bilisummaa haa finiinu!

maddi: bilisummaa forum