SOCHII DARGAGGOO OROMOO
(SEENAA QABSOO BILISUMMAA KEESSATTI)
Qabsoo barattootaa fi dargaggootni Oromoo amma tarkaanfachiisaa jiran sababii
gochuu dhaan, gulaalaan Qaanqee Bosonaa, qooda kaa'imtootni Oromoo (Oromo Youth)
qabsoo bilisummaa kan bara dheeraa keessatti gumaatan, galma seenaa* keessaa
qunxurree dhiheessa.
Qabsoon kaleessaa ka ardhaa irratti, kan ardhaa ammoo ka boruu irratti dhiibbaa
qaba. Akkasuma jireenni hawaasaa-tis walitti hidhatee wal-duraa duuba
tarkaanfata. Daaw'itii ardhaa tiin yoo of-duuba deebinee ija xiinxallaa tiin
ilaalle, ardhi kaleessa keessa turuu isaa hubatna. Borus ardha keessatti
dhalatee, bor ammoo "bor" jedhamee of-dandahee dhaabata.
Akkaatuma kana fakkaatuun, qabsoon waggoota dheeraaf deemaa tures sochii amma
shamarranii fi dargaggootni Oromiyaa geggeessaa jiran irratti dhiibbaa gumaatetu
jira. Guumaatni sun garuu, sonaan barreeffamee dhaloota ardhaa-tti hin himamne.
Seenaan ofii-of hin barreessu. Namatu barreessuu qaba. Namni haala dabre beeku
yoo barreessee yookaan afaaniin himee dhalootaa hin dabarsin, seenaan suns
awwaalamee hafa. Harqootaa (waanjoo) gabrumma jalaa Oromiyaa baasuu dhaaf
kaa'imtoota qabsoo keessatti kufan tokko-tokkoon maqaa dhawuu baannus, seenaa
boonsisaa isaan galmeessanii dabran kaafnee wal-yaadachiisuun, dhaloota ammaa-f
barnoota guddaa tahuu dhaan hamilee gabbisa; qabsoo-illee iticha.
Dhalootni ardhaa, dogoggoraa fi shira qabsoo kaleessaa keessatti uumame irraa
baratee---qabsoo jalqabe kanas jaarmaya lubbuu-qabuun tarkaanfachiisa jetne
abdanna. Seenaa irraa baratuunis kanumaaf barbaachisa. Dhibdee daandii kaleessa
yoo ifatti beekne, daandii ardhaa sirreeffatuu dandeenna. Ka dabre qofa otuu hin
tahin, sochiin ardhaa-tis dabaree eeggatee seenaa keessatti galmeeffama.
Sirna kolonaaleffataa Habashaa hiddaan buqqisuu dhaaf sochiin dargaggootni
Oromoo tarkaanfachiisan seenaa bara dheeraa qaba. Oromiyaan lafa bal'oo waan
qabduuf jecha, sochii deemsifamaa ture mara sadarkaa guutummaa biyyaatti beekuu
dhaaf qoratnoo guddaa nama feesisa. Ammaaf garuu, namuu haga beeku irraa yoo
barreesse, walitti dabalamee seenaa guutuu taha. Herregni barreeffam kanaatis
kanuma.
Sochiin dargaggoota Oromoo, akka sochii barattootaa-tti bara sirna
mootii-moototaa (Absolute monarchy) keessatti buuphaan isaa uumame. Akka
lakkoofsa dhahata Awuroophaa-tti bara 1973, kutaalee Oromiyaa naannawa adda
addaa keessatti barattootni Oromoo harka lafa jalaa tiin maandhee ijaaratanii
gama tokkoon fincilaa fi diddaa mootummaa Hayila Sillaasee irratti godhamu
kakaasaa, gama biraatiin qonnaan-bulaan Oromoo lafa "malkanyaa" Habashaa tiin
dhaalame deebise akka dhuunfatu gurmeessaa turan.
Warraaqsa bara 1974 Impaayera Toophiyaa keessatti dhoohe argamsiisuuf, qoodni
dargaggootni Oromoo gumaatan seena keessatti bakka guddaa qaba. Barattootni
barnoota dhiisanii gara qe'ee-tti dacha'anii hin cal'ifne. Hawaasa keessa
lixanii kakaasuu dhaan warraaqsa finiinsan; qaanqee hin-dhaamnes qabsiisan.
Lafti akka qonnaan-bulaan dhuunfatamu gochuuf qabsoo deemsifame wixina irra haga
"labsa" gaafii san dhugoomseetti, dargaggootni Oromoo qooda boonsisaa gumaatan.
Haatahu malee, dargaggootaa fi hayyoota ilaalcha warraaqaa tarkaanfachiisuu
irratti bobba'an san daandii qabsiisee gara humna bilisummaa Oromiyaa-tti
deebisuu dhaaf, jaarmayni sadarkaa guutummaa biyyaatti beekamee hin turre.
Akkuma seenaa sochii ummataa irraa hubatamu-tti, warraaqsi jaarmaya cimaa dhaan
hin hogganamne abbootii-irree tiin butamee galii yaadame irraa maqa; wareegama
hin barbaachisnes nama baasisa. Jecha kanaaf ragaan guddaan, haala bara 1974
ture wal-yaadachiisuun gahaa dha. Yeroo sanitti, surrii qaanqee warraaqsaa tiin
finiine gab-gochuu dhaaf, ilmaan Oromoo baay'een "ilaalchi sirna
wajjiin-jireenna (socialist ideology) rakkinna sabaa fi sab-lammootaa tiif
furmaata argamsiisa" yaada jedhuun jaarmayoota Impaayera Toophiyaa kabeebsuuf
dhaabatan keessa duudan.
Mootummaan humna waraanaa ----Dargiin, surrii hayyoota Oromoo xuuxee itti
gargaaramee, booddee garuu dabaree dabaree dhaan wal-nyaachisee lammiiwwan saba
tokkoo wal-ficcisiise. Yeroo san ture, hayyootaa fi dargaggootni beekkomsa
baranee qaban hammi tokko, tooftaan Impaayera Toophiyaa kabeebsuu akka Oromiyaa
walaba hin baafne hubatanii ka qabsoo bosonaa-tti dabalaman.
Kun tahuu durattis , gara biraatiin sochii seenaa keessatti dagatamaa dhufe
tokko-tu ture. Innis, maqaa " Soowraa" ["Warraaqsa"] jedhamuun beekama.
Bilisummaa Oromoo falmatuu dhaaf dargaggootaa fi gameeyyiiwwan kuma heddu-tti
lakkaawaman sochii sanitti dabalamuu dhaaf: Baale, Diida'a (Arsii), Harargee fi
Booranaa keessaa gara Somaaliyaa-tti girrisan. Leenjii waraanummaa tii fi
hidhatnoo fudhatanii bosona-tti deebi'an. Haatahu malee, jaarmayni caasaa
baranee tiin of-qindeessee humna guddaa kana naamusaan toohatuu dandahu hin
turre. Gara biraatiin, mootummaan Somaaliyaa tis sochii kana-tti dhimma bahee
dantaa isaa fiixa baasatuu dhaaf shira waan hojjataa tureef jecha, qabsaawota
Oromoo sanitti, hireen wareegummaa qisaasaa baasuu dirqama seenaan isaan-itti
fide tahe.
Dhugumatti, namoota sochii bara " Soowraa" sirritti beekaniif, lolli akkasitti
raayyaa mootummaa Habashaa naannoowwan heddu keessatti gamaa-gamanaa muddee
raase, seenaa Oromoo ka gaafa bara Minilikii asii keessa hin jiru. Garuu,
jaarmayaan hogganamuu dhabuun sochii sanii, akkuma sochii " bara dhoobirkaa"
jedhamut-tti, lubbuu fi qabeenna daangaa hin qabne saba Oromoo baasisiissuu bira
dabree faaydaan argamsiisse hin turre. Diinagdeen hawaasa kutaawwan sochiin sun
keessatti deemsifamee bara san unkutaawe. Manguddootni bebbeekamoon gita hin
qabne hedduun isaanii bara san dhuman. Ummatni kumaatamni baay'enis biyyoota
ollaa-tti dahatee, achumaan "dhaloota seenaan irraanfate" tahee hafe.
Sochii Oromoo Baalee ka bara 1963 irraa jalqabee haga ardhaa-tti, dargaggoota
cir'achi Somaaliyaa liqimse, dargaggoota alaabaa Oromiyaa dhugoomsuuf dirree
qabsoo keessatti wareegaman, dargaggoota manneen hidhaa mootummoota Habashootaa
keessatti kufan, dargaggoota dooniwwan bahara (galaana) Diimaa wajjiin imala
Jizaan keessatti nyaataman, dargaggoota mooraa dahattootaa kan Keenyaa keessatti
hamileen cabdee hafan, dargaggoota oow'aa fi gaaga'iinsi poolisoota Jibuutii
sammuu hadoochee zarraa ("barandaa") jalatti harca'an, dargaggoota Suudaan,
Masrii, Ugaandaa, Taanzaaniyaa, Yaman, Afrikaa Kibbaa, Sa'uudi Arabiyaa fi
biyyoota gara garaa keessatti haga yeroo ammaa kaanatti abdi tokko malee du'aaf
jireenna jiddutti rarra'anii guyyaa lakaahatan yaadachuu duwwaan, wareegama
dhalootni wal-irraa dhaalee baasaa jiru ifatti mirkaneessa jetnee amanna.
Gara seenaa jalqabneetti yoo deebine, warraaqsi bara 1974 Impaayera Toophiyaa
keessatti dhohe, bu'ura gaafii saba Oromoo akka deebisuu hin dandeetne hubatuu
dhaan, dargaggootni Oromoo, gameeyyii fi manguddoota sabaa isaanii wajjiin
gurmaawanii jaarmaya qabsoo bilisummaa masaku, Adda Bilisummaa Oromoo uumatan.
Dargaggoota Adda Bilisummaa Oromoo jalatti hiriiranii wareegaman kuma heddu as
keesatti tarreessanii ibsuun dandeettii fi humna xalayaa kanaati oli. Garuu,
seenaa waggoota dheeraa dhiifnee dargaggootuma bara Chaartaraa-ti as dhuman,
kanneen haga ammaattis manneen hidhaa Wayyaanee keessatti gidiramaa jiran
yaadatuun gahaa nutti fakkaata. Hogganni boodatti-hafaan, shamarranii fi
dargaggoota Oromoo moora keessatti galchee rasaasa Wayyaanee tiif isaan saaxile.
Kunis cubbuu fi yakka seenaan hin dagatne.
Aangawootni jaarmayichaa yeroo roophilaan alatti girrisan, qabsaawotni haqaa
garuu akkuma dur bosona-tti dacha'anii wareegama baasan. Kanneen lubbuun hafan,
ardhas kunoo baasaatuma jiran.
ABO durii, akka leencaa bosonaa-tti yoo isa fakkeessine, hogganni muratnoo
bilisummaa hin qabne garuu, dhaaba kana daldala aangoo-f oolchuu dhaan leenca
ilkaan hin qabne taasisee qaarriffaa tokko-tti isa hanbise. Addaan qoodamiinsi
baranaa, qaarriffama hafe sanuu irraa buqqise.
Hogganootni kun, haga carraa akka "Kora London" argatanii Habashoota wajjiin
aangoo qoodamuuf Finfinne-tti deebi'anitti, "Asmaraa" irraa bookkisaa-----maqaa
qabsoo bilisummaa tiin shamarranii fi dargaggoota, abbootiif haawwota sabaa
ficcisiisuu malee faaydaan isaan fidan gonkumaa (inumaa) hin jiraatu. Lammiiwwan
Oromoo haqa kana hubatuu qaban.
Shamarranii fi dargaggootni Oromoo, hoggana qabsoo bilisummaa tiin daldalatee
Finfinetti deebi'uu dhaaf ajaja Obboo Isaayyaas eeggataa jiru kana irraa akka
of-eegan hubachiifna. Ummatni Oromoo, maqaa "adda bilisummaa" jedhu san jaalatuu
alatti, eenyummaa hoggana kanaa ifatti keessa hubatee dhugaan beeku hin jiru.
Jarreen kun ummata Oromoo bal'aa gurmeessanii hogganuu dhiisii, murna WBO tokko
sonaan masakanii tooftaa itti baasanii bobbaasuu dhaaf ilaalcha gahaa hin qaban.
Lammiiwwan Oromoo haqa kanas hubatuu qaban.
Sochiin diddaa-sirna gabroomfataa Habashaa irratti jalqabame akka bilchina
horatee itti fufu gochuuf, namuu beekkomsaa fi qabeennaan bira dhaabatuun
dirqama Oromummaa-ti. Dargaggootni ardhaa, qabso dargaggoota kaleessaa irraa
baratanii, daandii dogoggoraa irraa of-eegaa tarkaanfatan jetnee abdanna.
Hegereen saba Oromoo harka dhaloota ardhaa keessa jiraatuun isaaniillee
hubatamutu irra jira.
Ummatni jaarmayaan gurmaawee hin qabsoofne humna hin qabu; walis quba hin qabu.
Qabsoon isaatis eessa-illee hin gawu. Ummatni qajeelfama qindoominaa malee
sochii geggeessu akka billaacha ibidda (abdidda) waziiza gubbaa deddeebi'ee
balali'uu-ti.
Sochiin ummataa, tarkaanfii dallansuu (spontaneous action) bira dabree, gara
tarkaanfii qindoominaan (co-ordinated action) fudhatamuu itti ol-guddatuu qaba.
Kana gochuuf immoo, haaxoo-dhaaba (organizational networks) kan akka hidda
dhiigaa-titti jaarmayicha sochoosu qabaatutu irra jira. Kaabaa-Kibba-tti ,
Bahaa-Dhihatti tarkaanfii qindoominaan geggeeffamu finiinsuu dhaaf, jaarmaya
hawaasa keessatti caasaa diriiraffate nama barbaachisa.
Kanaafuu, sabboonotni Oromoo warraaqsa ummata irraa burqaaa jiru kanatti
dabalamanii ogummaa beekkomsa isaanii tiin sochii kana roga qabsiisutu irraa
eeggama. Dammaqqiin ummataa cimee sadarkaa ardha irra gahe kanatti, qabsoo
bilisummaa fiixa baasuu dhaaf haala mijjaawatu bubbisa. Haalli kun ammoo bakka
tokko dhaabatee nama hin eegu. Seera jijjiiramaa hawaasaa-ttu dirqisiisee
dabarsa. Akka hayyichi ogummaa-falaasamaa kan Awuroophaa (European philospher)
tokko: " Tarkaanfiin keenya utuu kaleessa tahe heddu itti jerjerre; utuu bor
tahee baay'ee duubatti dhiboofne; ardha fudhatuu keennaan kunoo milkiidhaan
fiixa baasne" jedhetti, tarkaanfiin guyyaa isaa eeggatee fudhatamu injifatnoo
akka goonfatu hubatna. Duubatti hafuun gaabii qofa tahee hafa.
Dargaggootni ardhaa-tis, nu dargaggootni kaleessaa akka sobamne-tti yoo
sobamanii hafan kasaaraa guddaa dha. Olola abjuu keessaa burqe kan hogganootni
siyaasaa oofan hordofuun, hurritti rarra'anii hawwii dhaan qilleensa gubbaa
gulufuu taha. Jarreen lafa-Oromoo takkuu takka bilisoomsuu dadhabantu kunoo
ardha immoo kutaa lafa-sanyii biraa tiif tumsanii bilisoomsuu dhaaf " lola"
banuu isaanii labsee dargaggoota-tti of-dhaadaa jira. Ka surrii qabu haa hubatu
jenna!!
Sochii dargaggootaa walaba (independent youth movement), Oromiyaa keessatti
qabate akka waan daballootni "adda bilisumamaa" gurmeessan fakkeessanii, biyya
alaa taa'anii ololuun seenaa kaa'imtoota kanaa xureessuu bira dabree, lubbuu
isaaniitis qisaasuu taha. Sabboonota Oromoo dhabamsiisuuf kan sababaa barbaadan,
OPDO-f Wayyaneen, hunbuluqa (warraaqsa) dargaggootaa tiin rifatanii, hardhas
kunoo maqaa ABO-tiin dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jiru. Kan ajjeesee fi kan
ajjeesises haleellaa seenaa jalaa hin miliqan jenna. Kan nama gaddisiisu garuu,
lammiin saba Oromoo "hamma yoom maqaa dhaaba "hoggan-dhablee" kanaan dhuman?"
gaafii jedhu taha. Dhugumatti, itti yaadamuu qaba!! Malli nutti fakkaatu:
ummatni Oromoo ka’e, hoggana ayyaan-laallataa fi qancarsaa qabsoo bilisummaa
fi Adda Bilisummaa Oromoo laamshesse san fonqolchee dhaaba kana dhuunfatuu,
yookaan tufee of-keessaa baasee humna lubbuu-qabu ijaaratuu dha.
Haga alaabaan Oromiyaa gad-dhaabatu-tti, qabsoon itti fufa. Wareegamnis ni
baafama. Kanumaafi, shamarranii fi dargaggootni umrii qacalee, rasaasa mootummaa
Wayyaanee dura dhaabatanii ka sagalee diddaa dhageessisaa jiraniif. Rasaasni
mootummaa gabroomfataa, lammiiwwan Oromoo ajjeesuu ni dandaha. Garuu, kaayyoo fi
kaayoo isaan wareegamaniif kan BILISUMMAA OROMIYAA eenyus ajjeesuu hin dandahu!
Ammas qabsoon itti fufa. Qaanqeen bosonaa-tis hin dhaamu; daran qabatee diina
waxala.
Oromiyaan qabsoon bilisoomti!
Qabsoon bilisummaa haa finiinu!
maddi: bilisummaa forum