Taphoota aadaa Oromoo
Gugsii fi garmaamsa.
Taphni kun tapha fardaa ti. Tapha aadaa Oromoo keessaa tokko beekamaa fi jaalatamaan tapha fardaa ti Warri tapha kana beeku guyyaa ayyaana kan akka guyyaa irreechaa, guyyaa gannoo fi haala kana fakkaatutti warri farda tapha beekan walitti bahanii dabareen walgugsu. Gugsiin kun waldorgomuu, darbatanii walwaraanuu fi wkf. dha. Warri kunis inni tokko jalqaba yeroo tokko jalaa dheessu, inni duubaa arihee qaqqabuun ulee qal'oo ykn siliqqee itti darbatee waraanuuf yaala. Inni jalaa baqatus uleeitti darbatamu sana ofirraa qola, ykn jala miliqa. Dabaree isaa ammoo inni arhihaa ture ni garagalaaf. Akkasuma arihee waraanuuf yaala. Haala abbaan farda cimaa qabuu fi darbatee waraanu, akkasumas inni jalaa dheessu ammoo akkaataa toftaa jalaa miliqu ykn ofirraa qolatu agarsiisa. Taphni kuni gartuun ykn nama heedduu ta'anii taphachuun ni danda'a'ama. Kan biraa ammoo garmaamsa dha. Guyyaa ayyaana ibsaa kormaa ykn guyyaa ayyaana buttaa Gadaa fi galma warra Qaalluutti garmaamsatu godhama. Warri garmaamu kuni fardeen meeshaa maxaabiriin faayamanii fi miidhagani qabatanii caffeetti ykn gubaa ibsaatti naanna'u. Warri faradoo kanaan garmaamanis farda isaanii olutaalchisaa dhaadatanii jabinaa fi qooda haawasa sana keessatti qaban ufi ibsu.
Gugsii fi garmaamsa
H.W. irraa
Kan alaa
Kan mana keessaa