Taphoota aadaa Oromoo

 Gugsii fi garmaamsa.

 

Taphni kun tapha fardaa ti. Tapha aadaa Oromoo keessaa tokko beekamaa fi jaalatamaan tapha fardaa ti Warri tapha kana beeku guyyaa ayyaana kan akka guyyaa irreechaa, guyyaa gannoo fi haala kana fakkaatutti warri farda tapha beekan walitti bahanii dabareen walgugsu. Gugsiin kun waldorgomuu, darbatanii walwaraanuu fi wkf. dha. Warri kunis inni tokko jalqaba yeroo tokko jalaa dheessu, inni duubaa arihee qaqqabuun ulee qal'oo ykn siliqqee itti darbatee waraanuuf yaala. Inni jalaa baqatus uleeitti darbatamu sana ofirraa qola, ykn jala miliqa. Dabaree isaa ammoo inni arhihaa ture ni garagalaaf. Akkasuma arihee waraanuuf yaala. Haala abbaan farda cimaa qabuu fi darbatee waraanu, akkasumas inni jalaa dheessu ammoo akkaataa toftaa jalaa miliqu ykn ofirraa qolatu agarsiisa. Taphni kuni gartuun ykn nama heedduu ta'anii taphachuun ni danda'a'ama. Kan biraa ammoo garmaamsa dha. Guyyaa ayyaana ibsaa kormaa ykn  guyyaa ayyaana buttaa Gadaa fi galma warra Qaalluutti garmaamsatu godhama. Warri garmaamu kuni fardeen meeshaa maxaabiriin faayamanii fi miidhagani qabatanii caffeetti ykn gubaa ibsaatti naanna'u. Warri faradoo kanaan garmaamanis farda isaanii olutaalchisaa dhaadatanii jabinaa fi qooda haawasa sana keessatti qaban ufi ibsu.

 

 

 Gugsii fi garmaamsa

  Andirroo .  Andirroon waldorgommii fiigichaa ti. Abbaan irra kaachuu danda'utu fiigee dursa. Kan dursa bakka karoorame gahes mohate jedhama. Yeroo waldorgomuuf waliif galanii ka'an osoo hin qajeeliin dura, " andirroo !!" waliin jedhu.
Oromoota andirroo kanaan adunyaa irratti beekaman keessaa kan akka Qananiisaa fi Xurunash suuraa isaanii mee ilaalaa !!
 
Bishaan daakuu, bishaan daakuunis gosa tapha keessaa isa tokko. Kunis culluxxoo, gurdummii, dugdaa fi garaa daakuun beekama. Warri bishaan daakuu beekan yeroo ganna bishaan guutee nama rakkisu warri nama gargaaru. Balaan tokko namaa fi beeyladaarra yoo gahes isaantu baasa. Bakka tokko tokkotti ammoo yeroo gannaa akka hojiitti lakkaa'anii bishaan bira ooluun maallaqa fudhatanii gamaa fi gamanatti kan ceesisan ni jiran. Fakkeenyaaf dhiha Shawaa bishaan Gudar jedhamee jedhamee beekamu irratti naannoo baadiyyaa bakka nooraan hin jirretti warri bishaan daakuu beekan kun dalagaa guddaa qabu.
 
Xiyya.  Xiyyi ammoo tapha ykn waldorgommii qiyyaafannoo ti. Kunis  buunoo fi xiyya ykn qastii tolfachuun halaala dhaabbatanii bakka qiyyaafatan waraanuun waldorgomu. Akkasumas simbiraa fi bineensa xixiqqaa tokko tokkos ittiin waraananii ajjeesu.

H.W. irraa
 

Kan alaa

 

  1. Korboo (geengoo) : hidda yookaan muka dhommoqaa irraa geengoo tolchanii, yeroo geengoo san darbanii lafarra konkolaattu keessa isii waraanuuf waldorgommii gochuu dha ; seera qaba. Akkasumas bineensa fiigu (kaatu) waraanuu barsiisa.
  2. Qillee : muka mataa bokkuu xiqqoo hokkatuun (mukoo, batoo) bokkee ijoo ykn qillee) muka irraa tolfamte rukutanii mana ( manii ) garee dorgomaatti galchuudha.
  3. Utaalchoo : dhaabaa garanaaf garasitti hordame irra sadarkaa sadarkaan muka qallaa biraa ykn haada irratti hidhuun utaaluu dha.
  4. Fiigichoo : bakka tokkoo ka’anii fiiguun waldursuu osoo hin jalqabin « abba dusoo » jedhanii fiiguun waldorgomu.
  5. Kuruphisoo : ufirra quphanuudhaan lafarra utaalanii waldorgomuu dha.
  6. Darbachoo : hofaa , eeboo dhagaa darbachuun abbaa caalaa fageessu laaluu dha.
  7. Muka yaabbii : muka dheeraa yaabbachuun abbaa caala fagaatee gara fiixeetti aanu laaluu dha.
  8. Saddeeqa : boolla saddeet walcinaa lafa ykn muka irratti qotuun lama tahanii cirrachaan taphachuu abbaa kan isaa irra dabree mana dorgomaa caala qabateetu moo’ata
  9. Wallee : tikseeleen gamaa gamana dhaabbatanii akka wallee (sirbaa) fakkeessanii wal arrabsan.
  10. Kuukkuluu : garee lama tahuudhaan inni garee tokkoo ija qabatee gareen kuun ammoo yeroo bakka itti dhokatan tolfatan booda dhokachuudhaan yemmuu isaan ‘kuukkuluuluu’ jedhan gareen ija qabate ammoo ‘bariitee’ jedhaan ammas kuun ‘ee’ yeroo jedheen wal barbaduutti ka’an.
  11. Waldhaansoo : namni lamaa walqabuudhaan kan dandeettii qabu kuffisee moo’ ata.
  12. Tirgaa : lafarratti boola xiqqoo isii qotuudhaan nama lama ykn lamaa ol tahuudhaan dhakaa, qulfii, saantima, …kkf tirgatanii ( gara boolla saniittin darbachuudhaan) kan keessa seensise waan ittiin taphatan san nyaata.
  13. Yaabbii fardaa : fardaan gulufuudhaan abbaan dura dabre injifata ( moo’ata).

    Kan mana keessaa

  14. Hiibboo : waan tokko wahitti fakkeessuun yemmuu tokko gaafatu, kan biroo ammoo itti yaaduun waan inni gaafate san deebisuu qaba. Yoo deebisuu dhabe lafa kan gaafate lafa naa kenni jechuudhaan lafa kennaaf. Fakkeenyaaf « wajjiin nyaannaa maaf huqqatte » kan jedhuuf deebiin isaa  « fallaana » taha.
  15. Hiibboon teen ( hiibboon xar) : yeroo tokko jedhu kan jalaa qabu teen ykn xarxar jedha, gaafataan abbaa manaa, haadha manaa, dibicha, raada, …kkf jechuun olloota keessaa hanga mana tokko keessa jiru hima. Gaafatamaan mana kam akka tahe beekee himuu qaba.
  16. Binoo : maqaa bineensaa daddafanii jechuun tasa maal nyaata ? jechuu waan jibbamaa kan dhahe itti kolfama.
  17. Tokkeen maali ? : jedhee yoo tkko gaaaftu inni kaan tokkeen quba, lamaan mucha re’ee tokken quba, sadan sunsummanii lamaan mucha re’ee tokkeen quba , afran mucha sa’aa sadan sunsummanii lameen mucha re’ee tokkeen quba. Jechuun shanan quba harkaa, jaha jabbii qaraxaa, torban torbee sanbataa, saddeettan dhala leencaa, saglan yaa’ii Booranaa, kurnan kurnii waaqayyoo fi kkf jechuun hanga dandahu olii gad lakkaawa.
  18. Takkooyyee lamooyyee : miila diriirfatanii tarree galuun abbaan tokko takkooyyee lamooyyee lamarraa qulaalee kkf jechuun akka carraa abbaa lakkoofsi irra gahe bakka gadhiisisuu
  19. Jimmaa jimmitoo  (jimmitee) : kan gaafatu kaan jijim jedhu waan gaggadhee dhahee osoo lukkuun koo hin iyyin kan dubbatee fi kan dubbachiiseisa hunda nyaata jedha. Osoo hin xiixin turuun obsa qabaacchuu garsiisa.
  20. Uummoon maal baattee dabarte : jedhee tokko gaafata kan deebii kennu haamtuu fi cidii jedha ; kan gaafatu « mormashee, mormashee » daddaffiin yoo jedhu kan deebisu ‘shaf shaf’ jedhaa, daddafee deebisuu itti fufee gidduutti kan gaafatu « marma kee » jedha, yoo shaf jedhe ni moohame
  21. Afaan sinbiraa (biyee, makol, kkf) : haasya hiriyoota malee kuun hin dhageenye uumanii walitti haasawu
  22. Qoshee : yeroo kan ofii fixan quba ofii wal keessa xaxuun qoshee qoshee jedhanii kadhachuu
  23. Oduu durii (sheekkoo ykn durdurii) : galgala galga ibiddarratti wal gahanii oduu duraan dhagahan walitti himuu