Aadaa Oromoo
siida Oromummaa
Dhugasaa D. Gobanaa irra
Aadaan saba
Oromoo kun kam jedheen ibsaa?
Kan
har’aas yoo ta’e kan darbe seenaasaa,
Akka hin
qoranne hin qabu carraasaa,
Carraa
mirga-uumaa kan hundeen bilisaa,
Kan
dhukkamsee jiru sirni aadaa cunqursaa,
Yaa qomoo
Oromoo mee seenaa dhageessaa?
Aadaa
jedhuu laataa kan jechaa fi makmaaksa?
“Kan
seerri hin adaabne abjuu hirriba keessaa”,
“Kan hin
filaatamne gammachuu fi gaddisaa”,
“Kan jiruu
fi jireenyaa kan guyyaa halkaansaa”,
“Kan nama
wareersuu yoo ta’e rakkisaa”
“kan
hawwaan yoo ta’e uggum buraaqnisaa”,
“Gaafa
du’an qofa kan ta’e dhumnisaa”
Abjuu
mirga-uumaan waan aadaan odeesaa,
Yaa
Ayyaantuu Oromoo mee ibsi hiikasaa!
Aadaa
siidaan ibsu kan jechaa fi makmaaksa,
“Abjuu
soodaataniif eenyuu hirriba dhiisaa?”
“Abjuun
hawwii argauu kan hundeen beekkumsa”,
Beekaan
male hawwuun hinjiru uumaansaa,
Kan boruu
fi hegeree kan darbe seenaansaa,
Abjuun
seera uumaa ta’uusaa nuuf ibsa,
“Seera-uumaaf safuu du’aatu abjuu dhoksa”,
Kan abjuu
soodate abjuu aadaa bilisaa,
Sirna
aadaa diinaan haa rafu hirribasaa,
Aadaan kan
hiyyuumaa lammii yoom raffisaa,
Abjuu-hawwiin ibsa kan na dhowwe ciisa,
Abjuudhaan
kan argan maaliitu dhugoomsaa?
Badhadhiina male rakkoo kan hinqabne,
Abjuu kan
ijoollen isa hegereef hawwiine,
Abjuu kan
dargaggoon har’aaf waan abdanne,
Kan boruus
murteessaa akka hin irraanfanne,
Abjuu kan
qondaalaan faacha yoo muranne,
Kolba kan
gafarsaa kan leencaa otoon jenne,
Bokkuu kan
araaraa geraarsaan dhaaddanne,
Abjuun
harmee Oromoo sabbanni akka cinne,
Diinaa-halagaa malee lammiin akka hindhiigne,
Caggiinoon
kan diinaa qomootti akka hinroobne,
Firaa fi
obboolaa diina irra gargar baafnee,
Abjuu luba
Oromoon kan roobe caamsannee,
Walabdee
kan lammii haasaan yoo hiikkanne,
Daandii
Bilisummaa waltaanee yoo demne,
Abjuun
yoos dhugoomtii dhugaa yoo dubbanne,
Hiika
abjuu ayyaantuu lammiin qalbeeffannee?
Abjuu
Bilisummaa kan halkan kaleessaa,
Aadaa saba
Oromoof gootatu weeddissa,
Weedduu
kan jaalalaa kan magaallee leensaa,
Hirriba
keessallee misooma-she faarsaa,
Gaaffiin
saba Oromoo wayee hedduu kaasa,
Misooma
kan uumaa kan hundee fi kuusaa,
Aadaa
eenyummaatti diinno silaa ni qoosa,
Lammiin
yaadnu malee eenyu nuu misoomsaa?
“Abjuu
aadaa-uumaa dhugaatu misoomsaa”,
Kan afaan
Oromoo jechaa fi makmaaksa,
Akka baati
waggaa taarreeseetan marsaa,
Misooma
eenyummaa faakkeenya nan ibsa!
“Siddisee
Amajjii iftuu akka qorsaa”,
Aadaa saba
Oromoo hubaadhaa seenaasaa,
Safuusaa
eeggaatee dhugaa iftuuf tumsa,
Kan
safuusaa cabsee cubbuu kan abaarsaa,
Beekkumsa
kan aadaan hayyuusaatu gorsaa,
Lammii
qalbeeffadhaa jechaa fi makmaaksa,
Aadaa
garboomfataa kan ta’e hundeensaa,
“Eenyuunuu
hin midhagsuu kafanni ergiisaa”,
“Soobni
dhugaa hinta’uu buuleetu fokkissaa”,
“Kan nama
xiinneessu oduu-sobaa dhiisaa”!
Aadaan
saba Oromoo gurmuu guddinsaa,
Kan darbee
seenaansaa kan boruu nuu ibsa,
Kan hin
filaatamne uumaadha hundeensaa,
Kan
wajjiin dhalataan dhiiga onne keessaa,
Lubbuu
sabboonummaa hundee fi utubaasaa,
Diina kan
dhukubsuu lammiif qoorrichi isa,
Diinni kan
tuufatu qomootu miidhagsaa,
Miidhaagni
kan aadaa maalsaatu beeksiisaa?
Gaaffiwwan
akkanaaf hedduudha deebiinsaa,
Lammii
itti yaadaa lakkoofsaan tarreessaa,
Kan
ijoollumma fi kan galgala keessaa,
Kan boruu
fi hegeree kan darbe seenaasaa,
Faakkeenyaaf hubaadha jechaa fi makmaaksa,
“Qomoo kan
baarechuu diina maaf dhukkuubsaa?”
“Lammiin
waliin boonee diinasaa kotteessa”,
“Lammiin
waliin booyee diinasaa boossiisa”,
“Lammiin
waliif tumsee diinasaa waareersa”.
“Baati
Guraandhala uggum yaa ongeesaa”,
Sirna
aadaa rakkoo maalsaatan odeessaa?
Dhukkuba
isa laphee eela kan cunqursaa,
Yoo
jaabaatan malee hundee nama gogsa!
“Xoosanyii
biqiltuu kiicchuu Bitootessa”,
Kan aadaa
midheessu afaantu murteessa,
Galaan
inni har’aa kan hegereef kuusaa,
Afaan
aadaa Oromoo kan jechaa fi makmaaksa,
Yaa lammii
hubaadhaa itti yaadaa hiikasaa,
Xinxala
kan seenaa kan dhaamsaa fi gorsaa,
“Amolee
abbaan tuffaate ormi hawwa goomjisaa”,
“Mataa
abbaan cabsee ormi yoom guddisaa?”,
“Dhanga
orma nyaatuus kan lammii si qubsaa”,
“Diinni
kan ajjese lammiituu kaafansisaa”
“Kan
lammiin kaafane hin badu awwaliisaa”,
Hubaadha
kaanafu gorsa jecha-makmaaksaa,
“Kan Ormaa
abdaachuun abbaatu of xinneessa”!
“Hora
danballi’ee yaa galaana Caamsaa”,
Aadaan
Oromummaa kan hidda bekkumsaa,
Jiruu fi
jireenya kan jechaa fi makmaaksaa,
Diinni
gogsuu yalaa maddaa fi burqaasaa,
Erga bara
dheeraa konye’een nu dhobaasa,
Yaa diinaa
dhageessaa abjuukoon siif ibsa,
Aadaan
saba Oromoo ball’aadha hundeensaa,
Warra
konye’een dhugnuuf gaaftokko mirgiisaa,
Gaafa nuuf
mirgiise akka rooba caamsaa,
Abjuu
guyyaa argan uggum yaa lolaasaa,
Tasa sirra
bayee haallayyaa si buusa!
“Yaa
goobana Ebla caggiinoo nuu roobsaa?”,
Kan halkan
caggiinoo bariitu fixeensa,
Fixeensii
yoo qorree waan kicchuu balleessa,
Aadaan kan
nafxaanyaa uggum yaa qorrasaa,
Isa
kicchuu gogsu akka cubbuu fi abaarsaa,
Aadaan
saba Oromoo hundeen abdii fi obsa,
Bokkaa
birraa roobu isa goge maagarsaa,
Diini
duruu diinaa lammiin walii obsaa!
Aadaa
uumaa-nama maaliitu falleessaa?
“Biifa
Waxabajjii sora Adoolessa”,
Dararaa
luuccessee kan dorroobe jigsaa,
Gaafa
cabbii roobe hundee odaa buqqisaa,
Yaa afuura
diinaa uggum yaa buubbeesaa,
Kan safuu
hineeganne cubbuu fi abaarsa,
Arraba kan
fardaa qooq’in laaffiinsaa,
Dhugaan
otoo jiruu waan sobaa odeessa,
Fira nuu
fakkaatee waan gadhee nu gorsa,
Biifaa fi
sora diinaa hubaadhaa dhumaasaa,
Kan diina
hintaane lammiitu waldhiigsa!
“Galaana
Hagayyaa daaktuutu ceesiisaa”,
Aadaan kan
araaraa bokkuu fi irreessaa,
Aaraarii
kan lammii diina soodachisa,
Biifaa fi
sora diina ni beekna seenaasaa,
Lammiin
yoo wal-nyaattu isa gamachuunsaa,
Yaa hayyuu
Oromoo qondaala mee gorsaa!
Qomoon
walajjeese gumaan walaraarsaa!
“Coqoorsa
Fulbaanaan harkuun nuu mirgiisaa”,
Aadaan kan
hormaataa isa hegereef kuusaa,
Aadaa
Bunaqalaa bishaan seetee baqsaa,
Dhageessaa
yaa diinaa abjuukoon siif ibsa,
Akka malee
nyaatte amma si albasaa,
Dhageessaa
yaa lammii qomootu walgorsaa,
Qomoon hin
walalu akkatti nyaatasaa,
Dhangaa
aadaa Oromoon humna nuu jabeessaa.
“Keelloon
kan daraartu baati Onkololessa”,
Siida
Oromummaa kan galmaaf irreessaa,
Keelloo
ayyaana waggaaf maaliini ibsaansaa,
Hanxaaxii
urgooftuu kusaayee fi ejeersa,
Kan ittin
hidhaamtu quncee kan daanisaa,
Hidda
feetti yookaan icchiilbee fi gafarsaa,
Irkiisaan
abbayyii laaftoo fi bakkaaniisa,
Jaabataan
abbayyii laaftoo isa furdaasaa,
Qasamee
dhabatuu dirree gubaleessa,
Ibsaa
keelloo-guubaa hayyuutu qabsiisaa,
Bokkaan
bara dhaamse ummarra daarasaa,
Bara sana
quufa waan hundaatu mirgiisa,
Yaa lammii
hubaadhaa jechaa fi makmaaksa,
Rakkoo
saba Oromoo jecha aadaan ibsa,
Kicchuu
waan nu ciiruuf sirni aadaa cunqursaa,
“Ayyaantutu argaa keelloo-gubaalessa”
“Ayyaantutu argaa, keelloo-ayyaana waggaa”
“Goola
baanen argee kan baatii Sadaasa”,
Aadaa
kaayyoo saba kan dukkannaaf ibsaa,
“Buqurii
yoo dhugaan kan garbuu Arfaasaa”,
Aadaan kan
furmaataa hamilee jabeessa,
Abjuun kan
qondaalaa hawwii saba ibsa,
Yaa
weeddisa gootaa kan daggala keessaa,
Hawwii
sabaa ibsuun hingawu qobaasaa,
Abdii isa
boruuf lammiin walii tumsaa,
Akka
hawwiin guutuuf dhiiga diinaa robsa!
Abjuu saba
Oromoo isatu dhugomsaa!
Abjuu
aadaan argee ijoollee kolfiituu,
Yaa
daraara Keelloo kan kannisa waamtu,
Kannisa
kan safaa diina kan iddituu,
Dargaggoo
Oromoo akkamiin walaltuu?
Hagayya
waan biifeef coqoorsa biqqiltuu,
Lalistuu
coqoorsaan dhameessi yoo hortuu,
Ayyaana
ijoolleef baqsaan yoo coroortu,
Hiikasaa
mee hiimaa kan taboree nyaatu.
Abjuu
tokkon argee qawweessa dilbataa,
Annannoo
maraattee kan siida hormaataa,
Ayeetuu
nuu qicci aadde Ayyaantu waataa,
Bultee nuu
cafaaqxii wixataa fi kibxata,
Sonboon
ciinaa ejeersaa walakkaa dhaabbata,
Anfaaree
irkiifti karaa mirgaa fi bitaa,
Dallaa nuu
ijaarti manaa fi galma gootaa,
Ayyaana
hormaataa goola baana laataa?
Goola kan
bilisaa maaltu isa qiixxaataa?
Bu’aa
hedduu keessaa xinno tuquu laataa?
Kan nagaan
dhaalate nagaan nuu guddata,
Kan humna
hinqabne lammiisaa abdata,
Lammiin
sooda malee aadaasa dhaaddata,
Beekkumsa
kan aadaan qabeenyi guddata,
Yoosan
sabni Oromoo deega uubbaafata,
Dhukkuba
kan laphee eela isa ulfaataa,
Sirna
aadaa gadhee saba garboomfataa,
Kufuunsaa
hinoluu eenyutu abdii kutaa?
Hiika
abjuu goola kan Ayyaantu Waataa,
Dhuma kan
hinqabne abjuu kan hormaataa,
Booka kan
ejeersaa, waatoo fi doddoota,
Okolee
qoraasti roobii fi sambata,
Marqaan
itti guutte baqsaa ciirriqfata,
Torbii
irreessaatti kamisaa fi jimaata,
Biqila
qabaattee farsoo isa jikita,
Eebba nu
eebbisuuf kan qondaalaa fi gootaa,
Qomoo
Oromoo jeette qooqa bareessataa,
Gaaffii
yoo gaafattu talacoo maaf raftaa?
Kan sirra
bubulee sirna garboomfataa,
Hirriba
kan deegaa raftees ni abjoottaa,
Abjuu isa
gaarii eebba Ayyaantuu Waataa,
Abjuun
hiika tolaa keessaa kan hormaataa,
Lammii
eebba fudhu eebba kan furmaataa,
Jeettee
yoo calqabduu eela maaf quufataa?
Wareerren
dammaqee maal nuun jeette laataa?
Walqabadhaa lammiin akka damee coqoorsaa,
Bakkasha
mee ta’aa dukkana nuu ibsaa,
Akka
qorsa-barii kan Kaayyoo finiinsaa,
Mee urjii
nuu ta’aa hundee nu baalliisaa,
Akka Odaa
Oromoo damee nu dagaagsaa,
Akka
andoodee kormaa boruus nuu laaliisaa,
Akka
ejeersa diimaa irree nu jabeessaa,
Laanqisaa
fi diigaaluu ofirraatti gogsaa,
Mee akka
waleensuu diina nurraa tiiksaa,
Bekkuumsa
argaadhaa lammii mee walgorsaa,
Aadaa kan
Oromoo hubaadhaa seenaasaa,
Odaan yoo
dagaagee lammiisaaf gaadissaa,
Dhangaa
qomoo malee kan diinaa sin qoomsaa!
“Kan diina
abdaatee gaaraatu kuffiisaa”,
“Kan
afaani tufaa kan gaaraa hooqqisaa”
Yaa jechaa
Oromoo kun dhaamsa moo gorsaa?
Hiiphoo
kan akkanaa maaliini deebiinsaa?
Hiiphaka
yaa hadhoo gaaffii keettiif deebii,
Hiphoon
waan akkanaa aadaaf ibsa dubbii,
Dubbii
seenaa darbeef kan hegereef marii,
Uumaadhaaf
weeddistii dinbiicceenu barii,
Siida
Oromummaa eebba aadaa durii,
Xinxaala
hubaadhaa kuusaa fi galaa borii,
Qoonne haa
faacaafannu seenaa isa durii,
Kan
faacaafatani abdii fi makaarri,
Lammii
qalbeeffadhaa jecha Oromoo durii
“Garbuu
kan hamatee han dhugu buqqurii”,
“Rufrufoo
haa nyaannun yoo asheette ataarri”,
Siddisa
eedaanii kan bokokaan looni,
Siddisa
hindararee loon hintikfaatani,
Birraan ni
baariiti lammii obsi turii!
Kaayyoo
Oromummaa kan hiddaa fi foonii,
Qomootu
tikfataam kan gannu seetanii?
Qilledha
taphanaam qille aadaa gannii,
Qille kan
taphaataan yoo gita beekanii,
Mariin
lammiin malee nutti qoosti diinni,
Siddisa
hindararee diina hinabdaatanii,
Bookoka
haammaatti loonuu hineedanii,
Mirga
uumaa-nama kan qosaa gootani,
Of
tuuffachuun mitii midhagnii fi guddiini,
Aadaa kan
eenyuummaa of hin tuuffatani,
Ittin kan
miidhagaan yoo of misoomsani,
Hiphoo
ijoolle mitii hasaa kan qoosaani,
“Lammii
hirmi tufaan aadaaf yoo kuufaani”,
Kun
dhaamsaa fi gorsa yoo qalbeeffaattani!
Hiiphoo
seenaa jettee hiiphaka jedhuree?
Hiiroon
kan obbolle dhaamsa durba qarree,
Seenaaf nu
gaaffaatti lammiin dhageessuree?
Aadaa saba
Oromoo eenyu kan gurguree?
Aadaa
hingurguraani eenyu haa jennuree?
Diinii nu
gurguru yoo qomoon walbaaree,
Lammii
doofaa malee kan Waaqni abaree.
Dhageessa
yaa durbe mee olbaana qarree,
Faaggaakee
qabaadhu kiilolee ishe buurree,
Hingiccaatuu gahe allaaduun kan mare,
Allaaduu
kan coomman hora dirree raaree,
Battee
siifaan dha’aa toora saadi maree,
Suuqata
kan aadaa maaltu si mararee?
Keenna kan
jaalalaa keelloo saardoon maree,
Akka aadaa
Oromoo booqquukoo siif mare,
Ijaan na
waakkaataa lappheekeen mararee?,
Sirbi na
dhungaadhu eenyuun soodataree?,
Ga’eelli
bilisaa lammiin yoo nuuf baree!
Farsoo
ayyaana waggaa buqquriin areree,
Eebuuf
dhugna seenaa lammiin walafeerree,
Kan
eeboone beekna seenaa aadaa burree,
Kan jiruu
fi jiireenyaa lammii akkas turee!
Aadaa
uumaa keenya kan diini jiijjiree,
Kan gaddaa
fi eelaa kamsaa himaannaaree?
Qarree mee
haaddadhuu aadaa isa ture,
Suubboon
abdii hinkutuu eenyu si mararee?
Erga atuu
jeette koottu gama qarree,
Ofiiyuu
argiitaa kan anaan maraare,
Jaalala
kan uumaa qeerroo isa gasharee,
Keelloo na
hiixatee keelloo kan dararee,
Lappheekoo
fudhate suubboon kanaaf aaree!
Dhageessa
yaa suubboo seenaa durba qarree,
Aadaasheef
filattee qerroo isa gasharee,
Aadaa kan
eenyummaa kan doofaan gurguree,
Mee
waayela taa’ii fuudhi guundoo booree!
Erga guba
ganniif farsoon nuu areree,
Warra
hiiyoole gatan Oromoottan aaree,
Dhiicchisa
kan gootaa diinni nuu sirbaree?
Maalaatoo
Oromummaa isatoo takalee,
Aadaan
saba Oromoo ball’aadha guraamale,
Sirba
aadaa Oromoo haa sirbinu ijoollee,
Sirba kan
tufaatu kan aadaa wallaallee,
Lammiin
haa ibsinuuf sirritti xinxaallee.
Oromiyaa
bahaa maallattoon kan Ituu,
Aadaa odaa
Bultuum kan warra Bareentu,
Yaa dalaga
noolee ayyaana kan buuftu,
Kan gama
Woboraa shaggooyeefa beektu!
Ayyaana
dhalatee kan boquun taphaatu,
Aadaa odaa
Roobaa kan Arsii beektuu?,
Siida
Oromummaan shaamarraan galaantu,
Aalgee
kafaanishe dooqa kan kawwaattu,
Eeleellaan
fi meetiin akka urjjii iftuu,
Qakee kan
garbuumaa har’as kan qufatuu,
Seenaatu
ishe guuba harma kan ciirantu,
Himimaan
ijjasche akkamiin haa qoortuu?,
Yaa qomoo
sosoobi xiqqo haa kolfituu,
Mee
sirbiif Karrayuun Gujiin haa tobbatu,
Diinaa
qoosaa seete yoo sanjaan qaaramtu,
Aadaa
saani tuq’xee morma kan si cituu!
Oromiyaa
kaaba gama wara hiluu,
Yaa
ayyaana Rayya akkaaf jibbe walluu,
Sirna
garboomfataa kan aadaa takaalu,
Kan
hundeen hiyyummaa isafiiyyuu hintoluu,
Humnaan
taanan male lammiin itti buluu,
Qomoo
ijoolle Oromo Jarsoo warra hiluu,
Riigaan
ulumayii kan ilkaan qulquluu,
Kiilooleewwan Walloo eenyu kan wallaaluu?
Kan odaa
Makoodi aadaa saaniif lolu,
Bilisa
argachuun gaaftokko hin oolu!
Handhuraa
Oromiyaa biraan yoo baritee,
Seera odaa
Nabeen araarri yoo buute,
Utala
gammachuun ayyaanni soorratee,
Dhiichissa
tuulamni anfarroo kawwatee,
Kan sirbu
Salale shiimala qabatee,
Aadaa
isaatu akkana diini tapha seetee,
Kan urjjii
laakooftu conqolaattoo ciiftee!
Ulfiina
wallaallaan saggoo kan dhaahamte,
Dhaaddano
dargaggoo aadaa kan bubulte,
Fira yoom
nu ta’aa harma kan nu kutee!
Ayyaanni
yoo galuu salgii isa hurgufaa,
Aadaan
odaa Bisil akka qorsaa ifa,
Shuubissa
kan Jimaan gara kibbaa biifaa,
Hiiyyaasee
kan Horroon gara dhihaas biifaa,
Macca yoo
dhaaddatu dhigaasatu danfaa!
Eeboo isa
mirmirse diina saati horfaa,
Siida
Oromummaa kan mana hangafaa,
Aadaan
odaa Garees bara baaran quufaa,
Dhameessa
boobbasee dhadhaa baqsaa biifaa,
Eebba kan
Booranaa: “lammiin walitti hafaa”!
Kan lammii
boossisu uggum qoosa diinaa,
Maallattoo
Oromummaa sirba akkam dhifnaa?,
Kaayyoon
keenyi maali, eegaa maaliif duunaa?
Aadaan
saba Oromoo ball’aadha guramalee,
Siida
Oromummaa kan abdii fi hamilee,
Ball’iinni
gudd’ina lammiin yoom wallaallee,
Yaa qomoo
Oromoo kan sirbaan yoo tolee,
Kuusaa
aadaa keenyaan dalaguu wallaallee!
Jaataani
kan saba yeroo dalaganii,
Lammii
wajjiin male qoobaan midhagani,
Aadaan
daboo fi jigii dug’da kan baasani,
Dug’da
goota Oromoo kan warra dhuumani,
Dalagni
kan seenaa gumaa yoo basaani,
Dhangaa
aadaa malee eessa dhufa humni,
Dhangaa
aadaa Oromoo warri tufaattani,
Mee
guumaan haa hafu maaliini guumani?
Dhangaa
kan eenyummaa otoo yaadattanii,
Garaan yoo
rafamu ijji himmimaanii,
Aadaa saba
Oromoo yaa burqaa annaanii,
Shiriin
qoorxii guutee yoom dhabame humni!
Kan
qoorxiinsaa guutuu dilbii qaba manni,
Lammiin
mee hubaadhaa akka on’su diinni!
Siida
Oromummaa dilbiin kuusaa-humnaa,
Galaa haa
naqaanu galaa daandii seenaa,
Laaffisoo
kan Ituu daaxaa kan Booranaa,
Garbuu
naanoo Bale marqaaf xaxeefanaa,
Marqaa kan
Arsii baqsaa cuubne nyaanaa,
Aadaa
harmee Oromoof shameeta naqaana,
Shameeta
ateetee kan nuu kennu humna,
Humna
kurfeessaamee kan koolasu diina,
Siiqee yaa
hanxaxii mee nuu ibsi seenaa,
Humni akka
kurfaawu maaliin wal-gorsanaa?
Aadaa
gadaa malee boruuf maal abdanaa?
Gadaa
hundii siru mee guumaata keennaa!
Guumata
kan aadaan lammiin waliif tumsaa,
Gudayyaan
akaahaa Caliiyaa mee baqsaa,
Akaahii fi
baqsaan qorii nuu qooressaa,
“Qorii
gurra nyaatu nyaata qaaru keessaa”,
Liiban moo
Kuttaayee eenytu calleessaa?,
Talila kan
Ituun Karraayyuun mee dhubsaa,
Tuma kan
Boraanaan taffagaa qolassaa,
Gujiin haa
tobbatu haa tiksu diinaasaa,
Ibida kan
Rayyaan qoraan jiibat keessaa,
Akaahii
kan garbuu qomoon nuu daksiisaa,
Boruuf
qorii miti cuukkoo barbaachisa,
Galaan
daandii seenaa cuukkoon kan bilisaa,
Baqsaan
ta’u malee bishaan ni rammeessaa,
Diinatu nu
guusee akka hinnyaane baqsaa,
Mee harkuu
elmanna feetu nuu mirgisaa,
Cukkoo kan
hegereef har’a haa nyaannu bassoosaa!
Ittoon
baaduu jedhu mee gargar nuu baasaa,
Galaa yoo
naqaataan galaa daandii-bilisaa,
Kan lammii
gumaataa kan diinaa nu qomsaa,
Ittoos
ta’u baaduu seenaatuu gargar baasaa,
Seenaa
aadaa Oromoo kan nu gubu dhiisaa,
Lammiin
walqeqqaanaan diinni nutti qoosa,
Qoosaan
akka qaba qomoon mee walgorsaa,
Caliiya
haa cororsuu Kuttaayee irrabuusaa,
Leeqaan
ancooteerraa nu naqaa dhukaamsaa,
Dhukaamsaan kan Noonnoo haa gubu diinaasaa,
Dhaangaan
otoo jiru kan quubsu hawwaasa,
Deega
seenaaf safuu daadhima beelessa,
Dhageesuu
yaa lammii seenaatu nu gorsaa,
Qummussiin
kan Soddoo Bachoof Ollataansaa
Humna
diina cabsuu ammichoo huunkuroonsa,
Warqee
warqii caaluun xaanee biyyaa baasa,
Mulmulliin
kan Walloo mee Horroo caacabsaa,
Marqaan
warra Jimmaa raafuu irra buusaa,
Baqsaa
dhibeef miti aadaatu miidheesaa!
Aadaa
guraamalee kan kuusaa kaleessaa,
Kan
abdannu hegereef galaa nuu guddissaa,
Galaa
daandii-seenaaf lammii walii tumsaa!
Kaashiin
cumboo jedhu beddeedha eeleensaa,
Giixxoo
kan cabsataan qomootu biishessaa,
Dhangaan
saba Oromoo kan aadaasa ibsaa,
Abjuu-hawwiin ibsee kan na dhowwu ciisa,
Aadaan
Oromummaa ball’aadha qorxiinsaa,
Kaa nan
beekuun ibsee kan hafeef nan kiisaa,
Yaa hayyuu
Oromoo kan hawwan beekkumsaa,
Kuusaa
aadaa Oromoo beekaan nu barsisaa!
Gootota
Oromoof !