Yaadannoo gaggabaaboo Seenaa Saba Oromoo

 

Saba: (hiikkaa Stalin Soviet Russia itti kenne)- ‘uummata biyya daangaan isaa beekame keessa jiraatu kan afaan,seenaa,aadaa,dinagdee fi hawwii (siyaasaa ,dinagdee fi hawwaasummaa) tokkicha qabu dha’

 

Seenaa Sabaa

 

Barbaachisummaa Seenaa barachuu

 

Madda Seenaa Uummataa

 

HUB:

 

Namoota Alagaa seenaa Oromoo barreessan:

(A)Qeesii Habashaa(A/Baahiree) bara 1593 barreesse

 

Seenaa Gaallaa kanan barreessuu jalqabeef lakkoofsa gosa isaanii,nama ajjeessuuf qophii tahuu isaanii fi amala isaanii kan gara laafina hin qabne beeksisuufi.Seenaa uummata gadhee kanaa maaliif barreessite  utuu kan uummata gaarii jiruu jedhee yoo namni na gaafate  kitaaba keessa ilaalaa seenaan Mahaammadii fi mootota Isilaamaayyuu barreeffamee jira mitii,,,’ jedhee jalqaba.

(B)Qees Atsime Giyoorgis=>’Ilmaan sheexanaa,,,’

(c) Alaqaa Taayyee‘Innaastaawwuqaalleen Gaallaa Indeet Kebaahir indewexxaa’

§         Qurxummii hin nyaatu,bishaanitti sagada jedha mirkaneessuuf ammoo.

HUB:Erga Oromoo cabsanii koloneeffatanii booda garuu seenaa Oromoo barreessuu ni dhaabani,warra Awurooppaas akka hin barreessine dhiibbaa irratti godhani.

§         Muudaa qaba.

 

Hub:Madda jiran kanneenitti dhimma bahanii seenaa haqaa barreessuuf maddi amansiisaan  himamsa afaanii aadaa Oromoo ti.

 

Seenaa Oromoo fi Qooda Qabsoo ABO

§         Qabsoon Seenaa dabee jiru sirreessa,kan dhokate gadbaasa.

§         Fedhii alagaan waa’ee uummata Oromoo baruuf godhuu guddisee qormaata irra bal’aaf karaa baneera.

§         Dagaagsuu fi guddisuuf gahee guddaa qaba.

 

Damee dhala namaa Afirikaa

  1. Haam/kush

a)      Beejjaa

b)      Berberiinsi

c)      Oromoo

d)      Somaalii

e)      Saboota kibba Itoophiyaa

f)        Missiroota

  1. Seem
  2. Neegiroo
  3. Buushmen /Hotentoos fi
  4. Negirilos dha

 

Uummata Oromoo:

=>Uummatni Oromoo Saba tokkichadha.

 

Maqaa Jibbinsaa/balfamaa Oromootti Moggaafame,Gaallaa

v     Oromoon Ilmaan Ormaa ofiin jedha=>Chaarles T.Beekee 1847

v     Namoonni adda addaa yaada adda addaa dhiyeessu garuu kan fakkaatu kan Kaasate Birihaan Tasammaa(Habashaa) guuboo jechootaa keessatti barreesse akka Habashaa(Amaarri) moggaase agarsiisa=>’Gaallaa maalet aramanee.yaal selexxenee,cakkaany.ye amaaraa xalaat’ jedhee barreesse.

 

Madda Saba Oromoo

Namooti adda addaa akka adda addaatti dhiyeessu:

  1. Waan Qeesoti Habashaa barreessan
  2. Afirikaa alaa dhufe warra jedhan
  3. Afirikaa keessaa golee tokko lafa kaahuu warra barbaadan

=>qorannoon isaa (a)qorannoo afaanota Kush bahaa fi (b) Himamsa aadaa irratti hundaahe.

=>Afaanota kush 47 keessaa 24 qoratee,uummatoota kanneen baay’ee Oromoo wajjin wal fakkaatan  qoratee madda Oromoo ibse:’,,,afaan Oromoo fi kan jaraa tokko ture.Booda afaan isaanii adda adda babbahe.Oromoon gara hundaatti socho’e,,,’

=> Lammii tokko turani,adda adda babbahani,Affaarii fi Saahoo dura godaanani kaabatti,Somaalii itti aanee gara bahaa fi kibbaatti socho’e,Oromoon sadaffaa socho’e,kan hafan sabootni kush naannoo duraarraa otoo guddoo hin hiiqne qubatani!

  1. Himamsa afaanii Oromootaa ti.

 

Hub:Lakk(3) fi (4) Qorannoon namoota garaagaraa  fi Himamsi afaanii manguddoota Oromoo kan ibsu Oromoon uummata Afrikaa qulqulluu ta’uusaati;warri Afrikaa alaa dhufe jedhan abbaa biyyummaa Oromoo sarbuuf yaalii godhanidha.

 

 

v     Xumura:uummatni Oromoo uummata Afirikaa keessaa isa tokko ,damee kush keessatti kan argamu yaroo dheeraa irraa kaasee Kaaba Baha Afirikaa keessa kan jiraate,har’as jiraataa jiru dha.

=>Oromoon baddaa Baalee fi gam tokkoon Sidaamoo keessa

 

Afaan Oromoo

Afaan

v     Meeshaa dhalli namaa ittiin walqunnaman,yaada isaanii ittiin ibsatanii fi dabarfatani dha.

 

v     Afaan hundinuu afaanummaan walqixadha

v     Dagaaginnii afaan tokkoo guddina hawwaasichaa fi bilisummaa isaa calaqqisiisa.

 

Afaan Afirikaa

1.      Afiroo-Eeshiyaa

a)      Barbaaraa

b)      Chaadii(Hawusaa,,,)

c)      Kuush(A.Oromoo as keessatti argama)

d)      Missiraa

e)      Oomoo fi

f)        Seem(Hibiriwu,Arabikii,Tigirinyaa,Amaarinyaa kkf)

2.      Niijer-Koongoo

3.      Naayiloo-Sahaaraa fi

4.      Kihoosaan dha

 

Afaan Oromoo

v     Afaan kuush keessatti argama(Afaan Oromoo afaan Kush Baha G/Galeessaa keessatti argama.)

v     Afaan Afiroo-eeshiyaa addunyaa irratti dubbataman keessatti bal’inaan dubbatamuun sadaffaadha Afaan Hawusaa fi Arabaatti aanee,

v     A/Koonsoo waliin %51 sagaleen lamaanii tokkodha.

v     A/Somaalii gara %30-40 walfakkaata

v     Uummata Oromoo M35 oliin dubbatama

v     Dhiibbaa hedduun irra gaheera akka hin dagaagneef.

 

Afaan Barreeffamaa gochuuf yaalii ta’eeru:

v     Warri awurooppaa baroota 1830 ta(1938-1979) qubee Laatiniin yaalaniiru

v     Qubee Arabaan A/Joobir kan Jimmaa faaruu amantii Isilaamaa barreesseera

v     A/gammachiis Qubee Gi’iziin bara 1984 Kitaaba Qulqulluu barreesse,Laatiniin biyya galchuu waan hin dandeenyeef malee sun aanjaheefii miti

v     Sheek bakirii Saaphaloo 1950 keessa Qubee addaa A/Oromoof uumee ture,mootummaan H/sillaasee qabee hidhee achii bahee Somaalii baqannaan jiraataa 1980 boqate.

v     Carraaqqii kanneen booda ABOn Qubee Afaan oromoo kan Laatinii moggaasee hojiirra oolche.

v     Afaan tarsiimoo ta’ee mootummootni gurguddoon qorataa jiru.

 

Biyya Oromoo;Oromiyaa

v     Lafa uummatni oromoo dhawaataan bara dheeraaf irra jiraate,jiraatu biyya isaati.

v     Kaaba Baha Afirikaa(Gaanfa Afirikaa) irratti argama

v     Maqaan isaa maqaa uummataa irraa dhimbiibamee baha=>Oromiyaa about itti moggaase.

v     NamniJ.Luwiis Kiraaf jedhamu biyya Oromoo ormania  jedhee  akeeke,

v     Kaabaatti 20-120 tti,bahatti 340-440tti argama

v     Bal’inaan Km2600,000tti tilmaama

v     Badhaadhina uumamaa qabdi(qilleensa,bineensa,beellada,bosona,albuuda,lageen,gaarren,haroo,kkf)

v     Indaastirii ,geejibaa fi qunnamtii hanga ta’e qabdi.

 

Sochii/Godaansa Oromoo Jaarraa 16ffaan duratti

Sababa uummatni tokko godaanuuf dirqamu:

v     Haalli qilleensaa geeddaramuun balaa dhufu jalaa dheessuuf

v     Lakkoofsi uummata sanaa hedduu dabaluun dhiphina lafaa dhalatu keessaa bahuuf

v     Lola Uummatoota ollaa gidduutti dhalatu irraa kan ka’e jalaa dheessuuf kun ammoo lafa bal’ifachuuf ta’uu dandaha.

 

Kan Oromoo baay’ina uummataarraa lafa loon tikfatu barbaacha babal’ate:

 

Ø      Oromoon kan godaanuu jalqabe jr16ffaa miti,sana dura dheeraaf suuta suutaan babal’ate,

Ø      Lafti inni itti godaane duuwwaa ture,yaroonsaa haalaan beekamuu baatullee jaarraa 16ffaa dura ta’uu beekama.

Akkaataa Bulmaata Oromoo Gadaan duratti

Ø      Sirna gadaan duratti wanti beekamu hin jiru,manguddoon buluu hin oolle.

Ø      Hariiroo hangafaa fi quxusuu sirna hangafaan qajeeluun bulaa turani,

Ø      Sadarkaalee jaarmiyaa hawaasa Oromoo (Maatii=>Warra=>Ibidda=>Balbala=>Mana=>Karra=>Gosa=>Saba) hundatti sirni manguddoon qajeelu ni hojjeta.

 

Lola Amantii fi miidhaa isaa Jr(10ffaa-15ffaa)

Ø      Amantiin kiristaanaa Jr4ffaa Afirikaa seenee Amantii mootii Habashaa ta’e

Ø      Amantiin Isilaamaa Jr7ffaa afirikaa seene,jr10 fi 12 babal’achuu jalqabe.

Ø      Affaarotni Amantii Isilaamaa fudhatanii booda kan lolli isaanii fi Oromoo gidduu manguddoon araaramu hafe

Ø      Amantii mootii Isilaamaa ta’e

 

Hawwii mootmni Isilaamaa qabu:

Ø      Amantii Isilaamaa babal’isuu

Ø      Daandii daldalaa harkatti galfatuu

Ø      Daga/lafa gabbataa qabachuu dha.

 

·        Affaarotni Oromoo dhiibuun lafa bal’ifachuu jalqabani.(Faxagaar,Dawwaaroo,Baallii fi Darraa  irraa dhiibani)

·        Habashaan babal’achuu Isilaamotaatti inaafuun lolli amantii ka’e

·        Lolli amantii 1250-1559 ture.

·        Waliisaanii wallolu lafa Oromoo irratti,Oromoon lamaaniinuu lafasaarraa dhiibame

·        Bara Amdetsiyoon(1329-32) qubsumni waraanaa Manzi saaqamte,Amaara Gondorirraa citee hafeen.

·        Gara boodaatti Habashoonni Isilaamota dabsatanii Oromoo Awwaash gama gara kibbaatti ittisani

·        Haa ta’u malee humni Isilaamaa fi Kiristaanaa waldadhabsiisanii jiru

Ø      Aanjahina waldadhabsiisuun isaanii uume Oromoon jr16 lafa isaa deebifachuuf itti dhimma bahe.

 

Duula Oromoo Jaarraa 16ffaa......kutaa lammaffaan itti fufa

     

Kutaa lammaffaa seenaa Gaggabaaboo...........................

07:09 AM, Wednesday 5 July 2006 .. 0 comments .. Link

Duula Oromoo Jaarraa 16ffaa

·        Jaarmiyaa isa tokkeessu dhabuurraa bara Habashaa fi Isilaamotni wallolan hedduu miidhamee lafasaa irraa fudhatame.

·        Jr15ffaa walakkeessa 2ffaa keessa(1450ta booda) sirna Gadaan ijaaramee lafa isaa deebifachuuf lubaan hogganamee duule.

Ø      Seenaa barreessitootni duula Oromoo kana akka adda addaatti dhiyeessu

·        Dhahicha waaqaati

·        Liqimsaa dheessani

·        Lafatu jalaa olka’e

·        Somaaliitu dhiibe

·        Qabeenya laga gamatti argee dharra’ee cehee achitti walhore

·        Qorannoo dinagdee fi siyaasa hawaasa Oromoo godhuu feessisaa fi KKF jedhu.

Ø      HUB:Qormaatni barbaachisullee kan hubatamuu qabu Oromoon lafa isaa bara lola amantii irraa fudhatame deebifachuu fi heddummina namaan lafa babal’ifachuuf ture!!

Lola Gurguddoo Jaarraa 16ffaa

Ø      Duula Oromoo Lubaan hogganamee gaggeesse(1522-1595)

1.      Melbaa(1522-1530)

·  Baalliitti duulchise,Amaarri ‘Dawwee/Lamxi’ ittiin jette

2.      Muudana (1531-1538)

·  Seera jajjabaa lama baase(Lubi hundi duuluu qaba;lafa haaraa baase malee meendhicha hin hidhatu)

·  Duula itti fufe hanga qarqara laga Awwaashitti

3.      Kiilolee(1539-1546)

·  Dawwaarootti duule(Arsiitti akeekama)

4.      Biifolee (1547-1554)

·  Faxagaar weeraruu jalqabe

5.      Michille (1555-1562)

·  Seera lama baase(Akka niitii hin fuune,akka mataa hin haaddanne)

·  Fardaan loluun jalqabame

·  Faxagaar dhaabbatee Gaafaat,Daamot salphaatti rukute

·  Lola amantii addaan kute

6.      Duula karaa lamaa(1563-1570)

·  Harmuufa---------Walloo

·  Hambisaa---------Maccaa fi Tuulama

7.      Roobalee (1571-1578)

8.      Birmajjii(1579-1586)

9.      Mul’ataa(1587-1595)

Ø      Walumaagala gara ganna 72tiif duula lafasaa deebifachuurra ture Oromoon.

Ø      Jr17ffaa fi 18ffaa lola xixiqqoorraa kan hafe nagaatu bu’e.

 

HUB:Oromoon sirna Gadaan ijaaramee as bahuun madaala humna Gaanfa afirikaa keessatti jijjiire:

 

Ø      Lola Amantii dhaabe

Ø      Hawwii babal’ifannoo Habashootaa fi Isilaamotaa dhaabe

Ø      Gaanfa Afirikaarratti nagaa  gara Jaarraa 2tiif buuse

Ø      Oromoo kabajamaa fi sodaatamaa taassise

 

Koloneeffatamuu Oromoo

Ø      Haallen yarosii keessatti koloneeffame(haala Oromoo,Habashaa ,Gaanfa Afirikaa fi Addunyaa)

  1. Habashaa

Ø      Jr14 kaasee warra Awurooppaa waliin hariiroo qabdi

Ø      Jr17ffaa misiyoonota Poortugaalii fi ispeen gargaaran

Ø      Bara Galaawudiwoos(1540-59) gargaarsa Portugaal gaafate

Ø      Suusiniyoos 1604-32 Kaatolikummaa fudhate gargaarsa argate,garuu amantii jijjiirraan itti fincilani masaaffintootni.

Ø      Mootii Manzii(Nagaasii Kiristoos=>Abizee=>Ammahaa Iyyaasuu=>Asfawasan=>Wasan sagged=>Saahile Sillaasee=>Haayile molokot=>Minilik II)

Ø      Tewoodiroos(1855-1868)

·  Shiftaa ture

·  Gondoriin cabsee tohate

·  Sagantaa ittiin lafaa ka’e:

a)            Habashaa tokko taassisuu

b)            Oromoo cabsuu

c)            Isilaamummaa balleessuu ture.

·  Tigiraay,Gondorii fi Goojjam cabsee gonfoo guraandhala 1855 gonfatee Waxabajjii 1855 duula Oromoo Wallootti bane.

·  Shawaa seenee Mootii Manzii Haayilamolokot ajjeesee ilma isaa Minilikiin ganna 11tti booji’ee gara Maqadallaatti deebi’e.

·  Oromoo Wallootti duulee ilma Warqituu jalaa qabatee waan tureef lolli Warqituun irratti gaggeeffamaa ture,gama biraan Ingiliz waan Tewodiroos meeshaa gaafatee  dhabeef namoota ishee jalaa hidhe akka gadhiisuuf lolaa jirti.

·  Maqadallaarratti Oromoota morma muree gaddarbannaan Oromoonni Maqadallaatti bahanii tewodiroos madeessanii inni Pistoola/shugguxiisaan of ajjeese.

Ø      Barumsa Habashaan Tewodiroos irraa baratte(Minilik kana hubatee gale bara 1865 gara Manzii):

·  Oromoo cabsuuf gargaarsa alaa barbaachisuu

·  Gargaarsa alaa argatuuf dippiloomaasii beekuu

·  Habashaa tokkoomsuu

 

Ø      Tewodiroos duunaan Tigirtichi YohaannisIV(Dajjaash Kaasaa)Tigiraay,Gondor fi Manzi cabsee tohatee Mootii Moototaa ofii moggaase.

Ø      Minilik II(Manzii) fi Takilehaaymaanot(Goojjamii) Yohaannis IV jalatti haa bulan malee dorgommiin mootii moototaa ta’uu isaan gidduu ture.

Ø      Qophii MinilikII

·  Hariiroo Awurooppaa hanga Jila qindeessee erguutti cimsate

·  Gargaarsa meeshaa,qormaata teessuma lafaa.leenjisaa waraana,gorsaa dippiloomaasii,ogeessa fayyaa,waraana fi kkf argate

·  Amaara  Manzii dadhabbinaa fi jabina Oromoo beektu akka baasaastuutti fayyadame,Oromoo qooduun ofitti hawwate garii.

 

  1. Haala Oromoo

Ø      Dheerina yaroo fi bal’ina lafa irra qubatameen:

·  Gadaan gosa gosaan caffeetti qoodame

·  Qubatanii qotuun dhufe

·  Qabeenya dhuunfaa

·  Fiwudaalummaa

·  Gosaan walloluu

·  Amantii haaraa fudhachuu

·  Gadaan laafuu

·  Hawaasni Oromoo laafuu

·  Ijaaramuu mootoma Oromoo

Ø      Sababa ijaaramuu mootoma Oromoo:

·  Haala hawaasa oromoo

=>Akkaataa hormaataa jijjiiramuu

=>Gosa gidduutti lolli ka’uu,lolli dheeratuun Gadaa walharkaa fuudhuu dhabuu

·  Haala hawaasa Oromoo alaa

=>Saboota Ollaa

=>Daldala

=>Amantii

Ø      Mootoma Oromoo

·  Mootoma Oromoo Kaabaa-yejjuu fi Warra Himanoo

·  Mootoma Laga Gibee-Geera,Guuma,Gomma,Limmu,Jimma

·  Mooroma Leeqaa-Leeqaa Naqamtee fi Leeqaa Qellem

Ø      Oromoota Naannoo Adda Addaa

·  Tuulama-fiwudaalummaa eegaleera

·  Ituu fi Humbannaa-Isilaamummaa fi qonnaa

·  Arsii,Gujii fi Boorana-Gadaan bulaa turan

q       Akka waliigalaatti Oromoon haala faffaca’aa keessa ture(jr17-19)(kaan mootoma ijaarrataa otoo hin ititiin,kaan qonnaa,qubatanii horsiisuu,daldala,kaan ammoo sirna gadaan bulaa turan).

  1. Haala addunyaa Walakkeessa Jr 19ffaa

Ø      Dagaagina indaastirii irraa kan ka’e Afirikaa qircachuuf dorgomaa turan(scramble for Africa)

·  Miha dheedhii barbaaduu

·  Oomisha gurguratuuf gabaa gahaa barbaaduu

·  Daandii galaana irraa dhuunfatuu,daldala

·  Suwiz Kaanaal saaqamuu(1869) irraa dorgommichi finiine.

Ø      Afirikaa qircachuu(scramble for Afrikaa)

·  Ingiliz-Maddaa fi yaa’a Naayil,Missira,Meeditiraaniyaan,galaana diimaa,Somaalii dhuunfatuu

·  Faransaayi-Baha Afirikaa fi kaaba G/Galeessa walitti fullaafachuu feeti

·  Xaaliyaan –Somaalii fi Eertiraa walitti baafachuu feeti

=>Fedhiin jra Awurooppaa kanneen waldura dhaabbate

=>Bismark Jarman Barliinitti ‘berlin Conference’ 1884/5 waamee kolonii isaanii akka waliif beekanii karaa nagaa qircatan waliigalan

=>harka lafa jalaan walirratti hojjechuuf saboota lafichaa keessaan walirratti dhiibbaa gochuu itti fufan

q       Aanjahina kanatti Habashaa(MinilikII) fayyadameera,konferensichattis nama ergateera jedhama.

Ø      Walumaagala haalli duulli Oromoo koloneeffatuu kan irratti baname:

q       Habashaa-tokkoomaa jirtu,gargaarsa bifa adda addaa argatte,

q       Oromoo -haala faffaca’aa keessa jiru,

q       Addunyaa-fedhiin naannicharratti walkiphuun uummata lafichaa keessaan walirratti hojjechuu

·  Aanjahina Habashaaf,dhiibbaa oromoo irratti qabaateera haalli yarosii!!

 


Duula Oromoo Koloneeffachuuf godhame(1868-1899) ..................kutaa sadaffaan isaa itti fufa........


 

kutaa sadaffaa........ yaadannoo gaggabaaboo senaa Uummata Oromoo keessati

06:24 AM, Wednesday 5 July 2006 .. 0 comments .. Link

 

Duula Oromoo Koloneeffachuuf godhame(1868-1899)

1)      Walloo 1868-1875/6/7

·  Tewodiroos yaale,Yohaannis IV Minilikiin bakka gahe

2)      Shawaa/Tuulama 1872-1875

·  Saahile sillaasee miidheera

·  Tewodiroos yaaleera

·  Minilik II karaa qondaalota isaa Mashashaa,Goobanaa fi Daargee cabse.

·  Manzi basaatiif

 

3)      Hara 1875-1887

·  Gibxi 1875 Harar gadhiiftee baate(Ra’uuf Paashaa),rakkoo biyyasheetti uumameen

·  Amajjii 6,1887 lola Calanqoon  W/Gabri’eeltu cabse

4)      Gibe shanan 1883-1891

·  Jimma-A/Jifaar-1883tti harka kenne,1933 ‘Autonomy’ molqame H/Sillaaseen;kan hafan atokko tokkoon cabsani.

·  Guumaa-1885-Tsammaa Naadootu cabse

·  Gommaa-1886-Baashaa Abbooyeetu cabse

·  Geeraa-1887 –Baashaatu cabse

·  Limmu-1891-w/Goorgistu cabse

5)      Arsii 1881-1886 Waraana Minilik II Daargeen hogganamuun,

·  MinilikII keessatti madaaheera.

·  Dhumaatii hedduutu gahe,harma muraa ,harka muraa fi mogolee muraa Aanoleetu raawwatame

6)      Wallagga 1881-1889

Ø      T/Haayimaanot Goojjamee Baha Wallaggaatti duulchise karaa Darasuu

·   1881 Waraanni isaa Darasuun hogganamu Horroo-Guduruutti duule,Abiishee gowwomsee ajjeese

·  Leeqaa Naqamtee (Morodaa Bakaree) karaa obboleessa isaa Dibaabaa Bakaree harka fuudha ergee harka kenne Darasuutti

Ø      Goobanaan gara Wallaggaa/Jimmaatti ka’e kana dhagahee Minilikiif gabaasuun lafa Oromoo irratti walloluun ka’e

·  MinilikII waraana dabalatee Goobanaa waliin Takila haaymaanotis waraana dabalatee Darasuu waliin Guduru keessa bakka Imbaaboo jedhamutti 1882 wallolanii T/H/Maanot mohamee madaahee booji’ame.

·  ‘Boruu meedaatti Yohaannis IV lamaanuu(T/H/Maanot fi MinilikII )waamee bara 1878 lafa oromoo akka qabatan qajeelchee ture.

 

Ø      Fincila Oromoota “walta’insa tolfatanii” itti duulani,Morodaa Bakaree walta’insa kana didee gara Goobanaa gore,garuu bara 1889 dhaamsanii tohatani.

Ø      Qellem-Jootee tulluu

·  Darbushootni /Mahaadistooti dhihaan Goobanaan bahaan itti dhufnaan bara 1886 goobanaatti harka kennate.

7)      Cabinsa Oromoo Naannoo adda addaa

Ø      I/A/Booraa-1889 –Tasammaa Naadoon

·  Oromoo lolaan dadhabnaan dhukkuba itti gadhiisuun waraanno Oromoo erga dhukkubaan laafee itti duulte(genocide)

Ø      Gujii-1895-Li’ul Saggadtu cabse

Ø      Baalee-1895-Daargeetu cabse

Ø      Boorana(Meeggaa qabatan)-1899-F/Habta Giroorgis Dinagdeetu cabse

q       Walumaagala Oromoo MinilikII kan cabse 1868-1899tti yoo ta’u ‘mirga ofiin of bulchuu Jimmaa/Autonomy’-A/Jifaar bara 1933 molqe H/Sillaaseen.

q       Saba Sidaamaa ,Walaayitaa kan cabsan bara 1893

q       Beenshaangul,Ogaaden,Koonsoo,Anyuwaak bara 1897 cabsani,

q       Maajii fi gamuugoofaa bara 1900 cabsani,

q       Affaarota bara 1903 cabsani

=>Itoophiyaan isheen MinilikII uume egaa bara 1903 as jechuudha.

 

HUB(A)MinilikII  kan Oromoo koloneeffachuu dandahe:

Ø      Gargaarsa Mootota Awurooppaa bifa adda addaan,

Ø      Hawaasni Oromoo jijjiirama sirnaa keessa waan jiruuf jabinni isaa laafetti waan ta’eef,

Ø      Oromoota keessaa Goobanaa fi Morodaanfaa tokkummaa Oromoof dantaa kennuu  waan dhiisaniifi.

(B)Motummoota Habashaa kanneen walduraa duuba hanga ammaa turan:

Ø      Tewodiroos (Gondoree/Amaara)1855-1868

·  Habashaa tokkoomsee(Tigiree,Gondoree ,Goojjamee fi Manzi tohatee ture),mootii moototaati jechuudha.

Ø      Yohaannis IV (Tigiree)

·  1869-1871

·  1872-1889 Mootii moototaa

Ø      Minilik II (Manzii/Amaara)

·  18865-1889

·  1889-1913 Mootii moototaa

Ø      Zoodituu

·  Karaa ‘Lij Iyyaasuu’ 1913-1916

·  Karaa Tafarii Mokonnon(Booda kan Haayile sillaasee ofiin jedhe) 1916-1928

Ø      Haayila Siollaasee

·  1916-1928 ‘Mogzitummaa’Zoodituun

·  1928-1974

Ø      Mangistuu H/Maariyaam(darguu) 1974-1991

Ø      Mallas(wayyaanee) 1991-,,,,,

Waan Koloneeffatamuun Uummata Oromoorraan gahe

Ø      Walabummaa biyyaa fi bilisummaa uummataa dhabsiise

Ø      Qabeenya saamame

Ø      Ajjeechaa jimlaa fi adda addaa (marroo takkaatti FKN Sulultaa 4600,Arsii 6000,Guduru 4000 kkf)

Ø      Eenyummaa jijjiiruun Amaaressuu

Ø      Waraanatti ramadanii ficcisiisuu,kaan ijoollummaan booji’anii amaaressanii waraanaaf dhimma itti bahuu(F/Habta Giyoorgis Dinagdee fi Baalchaa A/Nafsoo FKN dha)

Ø      Sirna faallaa ta’e irra diriirsuu(dimokiraasii gadaa hambisuun sirna fiwudaalummaa fi kkf)

Ø      Sirna Gadaa ,Ayyaana,aadaa fi amantii Oromoo dhorkuu fi kkf

 

Sirna irra diriire

  1. Oromoo buqqisanii qubsuma waraanaa ‘katamaa’ (War garrison) tolfatuun achirraa Oromoo fi oromiyaa qooduun caasessanii tohachuu
  2. Garbaa fi gooftaa(slavery system) irra diriirsuun garba godhatee hojjechiisuu fi dabarsee gurguruu
  3. Baalabbaat-Gabbaarii,Malkanyaa-Gabbaarii

·  Balaambaraas

·  Giraazmaach

·  Qoroo

  1. Nafxanyaa-Gabbaarii

·  Qubattoota habashaa

  1. Lafa dhuunfaa koloneeffattootaa taassisuu

·  Oromoo fi lafa isaa waraana ,qubattuu habashaa fi malkanyaatiif hirmaatanii,kaan dhuunfaatti gurguratani.

·  Hudaada qochisiifatani

 

HUB:

Ø      MinilikII maqaa ‘Aager maaqinaat’ jedhuun Oromoo cabsee gabroomfate,

Ø      H/Sillaasee maqaa ‘Itoophiyaa ammayyeessuu fi dinagdee biyyaa guddisuu’ jedhuun oromoo buqqisuu itti fufe,

Ø      Dargiin maqaa ‘sooshaalizimii fi tokkummaa itoophiyaan’ ilamaan Oromoo rashanaa ture,

Ø      Wayyaaneen maqaa ‘Dimookiraasii fi investimentiin’ Oromoo ajjeesaa fi buqqisaa jirti.

Ø       Bifuma jijjiirattani malee Oromoof hanga ammaa jijjiiramni bu’uraa hin argamneefii!!

 

 

Maddi: http://barnootamaalummaa.ibloghost.com/